Daayimandiin gurrachi umurii waggaa biliyoona tokkoo gurgurtaaf dhiyaate

Daayimandii gurraacha kaaraatii 555.5 waggaa biliyoona tokkoo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daayimandii gurraacha kaaraatii 555.5 waggaa biliyoona tokkoo

Daayimandiin umurii waggaa biliyoona tokko ta’ee fi addunyaa irratti daayimandii isa guddicha jedhamee yaadamu, caalbaasiitti dhiyaate.

Daayimandiin maqaa 'The Enigma' jedhuun moggaafame kun maddi isaa eessa kan jedhu irratti tilmaamni adda addaa kan jiru yoo ta’u, tilmaamni tokko hawaa irraa dhufe kan jedhudha.

Kaaratii 555.55 kan ta’e daayimandiin kun, ulfaatinni isaa daayimandiif baay'ee guddaa kan jedhamu yoo ta’u, ulfaatina hanga muuzii tokkoo ta’u qaba.

Caalbaasii Sotebii Landanitti gaggeefammu irratti daayimandiin kun gatii doolaara miliyoona 6 ta’uun ni gurgurama jedhamee eegama.

Daayimandiin gurraachi yeroo hedduu umuriin isaanii gara wagga biliyoona 2.6 hanga 3.2 ta’a – yeroo daaynosaroonni lafarra turan dura.

Lafti keenya umuriin isaa gara wagga biliyoona 4.65 dha, kanaaf daayimandii kanarra badaa hin hangafu.

Dhagaan gatii jabeessaa Carbonados jedhaman, baay'ee qaalii yoo ta’an, kana dura Biraaziil fi Rippaabliika Gidduu galeessaa Afrikaa qofaa keessatti argamani.

Daayimandiin gurrachi kun agarsiisaaf Dubaayii fi Loos Anjalasitti dhiyaate

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Daayimandiin gurrachi kun agarsiisaaf Dubaayii fi Loos Anjalasitti dhiyaate

Daayimandiin osbornaayit, albuuda mitiyoorii keessatti qofa argamu waan of keessaa qabuuf, hawaa irraa maddani jedhamee amanama.

Godambaa Seenaa Biyyaalessaa Loos Anjalasitti, Qorataan albuudaa (jiyoolojistii) Aaron Selestiyaan, akka jedhutti Carbonados “wiirtuu lafaa keessatti gadi fagaatanii uumamuu danda’u, fageenya nuti amma daayimandonni akka jiran beeknu gaditti.”

“Yaadrimeewwan tarii yeroo astirooyidiin hawaa irraa lafatti kufetti bakka sanaratti uumaman jedhan jiru,” jechuun Reuters’tti himeera.

Yaadni falmataan biraa ammoo daayimandiin kun utuu lafatti hin kufiin dura hawaa keessatti uumamani kan jedhudha.

Soteebiin gurgurtaa kana akka “seenaa dhala namaa wagga biliyoona tokko keessatti carraa waan ajaa’iba ta’e kana dhuunfachuudha,” jechuun ibsa.