Daayaamandiin samiirraa hojjetameefi naannoo hin miine ajaa'iba jedhame

Sikaay Daayaamandis

Madda suuraa, Jeff Moore/Borkowski/PA Wire

Ibsa waa'ee suuraa, Daayaamandii kaarbonii homaa hin qabneen walbaraa

Kana dura daayimandiin samiirraa ykn atmosferiirraa hojjetamu dhageesanii beektuu? Tole amma dhagahuuf jettu.

Dhaabbata annisaa magariisa Ecotricity kan hundesseefi dura taa'aan kilaba kubbaa miilaa Forast Giriin Roovars kan ta'e quuqamaa naannoo Deeyil Vinsitu hojjete

Daayaamandiin kuni maalirraa tolfame seetan? Samirraa yookiin qilleensarraati. Akka Viins jedhutti qilleensa keessaa kaarbonii xuuxuuni.

Maqaan diyaamandii kanaa 'Sikaay Daayaamand' jedhameera, kan samiirraa tolfame akka jechuuti.

Kunis, magaalaa Ingilizii Sitiraawud jedhamutti hojjetame. Daayaamandii kana hojjechuuf atmosfeeriirraa kaarboonii xuuxuun barbaachisa ture.

Kanaafimmoo annisaan qilleensaafi ifa adu hojiirra ooleera.

Deeyil daayaamandii harkaan qabatee

Madda suuraa, Jeff Moore/Borkowski/PA Wire

Ibsa waa'ee suuraa, Sikaat Daayaamandiin Deeyil Viins harkatti qabate paawundii miiliyoona tokko baasa

Adeemsi kana oomishuuf taasifame qabeenya sirnaan fayyadamuuf jecha bishaan walitti qabame irra - deebiin fayyadame.

Kaampaanichi akka jedhetti adeemsi kuni albuuda daayaamandii karaa aadaan warra baasan morkachuuf kan taasifamedha.

Inni aadaan bahu pilaanetii miidha waan ta'ef. Daayaamandii isa lafa keessaa qotamee bahu waliin tokko ta'e hojjechuuf garee kanatti waggaa shan fudhateera.

Daayaamandiin atmosferiirraa tolfame kuni fizikaalaanis ta'e kemikaalaan kan qotame bahun tokkuma jedhameera. Kunis, Inistitiyutii Jemologikaalii Idil - addunyaatin beekkamti argateera.

Sikaay Daayaamandis

Madda suuraa, Jeff Moore/Borkowski/PA Wire

Ibsa waa'ee suuraa, Daayaamandiin kuni atmosferii keessaa kaarbonii xuuxuun hojjetame osoo jedhamtanii amantuu?

Daayaamandii kana hojjechuuf torban muraasa fudhata. ''Daayimandii kana hojjechuuf wanti barbaachisu hunduu qilleensarraa argama.

''Kaarbonii atmosferii keessaa jiru bakka tokkotti akka dhaabbataa ta'u goone,'' jedhu Obbo Viins.

''Ammaan achi lafa keessaa qonnee daayimandii baasuu hin qabnu,'' jedhan.