Daa’imman Hirnaatti walitti maxxananii dhalatan wal’aansaaf gara Finfinnee ergaman

Madda suuraa, Hospitaala Hirnaa
Daa’imman lamaan laphee isaaniitii gadi walitti maxxanan kaleessa waaree booda ture Hospitaala Hirnaatti kan dhalatan.
Medikaal Daayrektarri Hospitaala Hirnaa Dr. Faamii Mahaammad, daa’imman kun “mudhiidhaa ol nama lama, mudhiidhaa gadimmoo nama tokko. Haala saniini kan dhalate,” jedhan.
Daa’imman lamaan walitti maxxananii dhalachuu isaaniin dabalataan hulaa bobbaa hinqaban.
“Sanaaf gara yaala olaanaatti akka darbu murteessinee riifariin gara Hospitaala Cirootti deemeera” jedhan Dr. Faamiin.
Abbaa daa’imman kunneenii kan ta’an Obbo Batra Luulluu Hospitaall Ciroos riifarii gara Hospitaala Xiqur Anbassaatti akka barreesseef fi gara achii imaluuf akka ta’e BBCti himaniiru.
Dahumsa dura…
Maatiin daa’imman walitti maxxananii Hospitaala Hirnaatti dhalatan kunneenii godina Harargee Lixaatti jiraattota aanaa Xuulloo araddaa Ifabaasi.
Harmeen daa’imman kanaas ji’a lama dura gara hospitaala Hirnaa deemuun hordoffii dahumsa duraa taasisuu isaanii Medikaal Daayrektarri Hospitaala Hirnaa Dr. Faamii Mahaammad himan.
“Hordoffiin haadholiin ulfaa ji’a sadi sadiin gara hospitaalaa dhufuun laalamuu qabantu jira. Haa ta’u malee isheen kana hinqabdu turte. Ji’a lama dura kan asitti dhuftee ilaalamte” jedhan.
“Wayita /hospitaaatti/ ilaalamtetti daa’ima lakkuu akka /garaadhaa/ qabdu shakkamee ture. Haa ta’u malee wayita ciniinsuun qabee dhuftetti daa’imni jalqabaa yemmuu bahu daa’ima isa lammaffaa waliin walqabateeti kan dhufe” jechuunis himan.
Adeemsa deesisuu…
Harmeen daa’imman walitti maxxananii dhalatanii wayita ciniinsuun qabu gara Hospitaala Hirnaa deeman.
“Yeroo deessutti daa’imni kun mataansaa lama, mudhiidhaa ol nama lama, mudhiidhaa gadimmoo nama tokko. Haala saniini kan dhalate,” jedhan Dr.Faamiin.
“Saalli isaanii dhiira. Qaamni saalaas tokkuma. Miila nama tokkoo qabu. Garaadhaa ol immoo nama lama,” jechuunis himan.
Hanga daa’immaan kunneen yaala fooyyeef gara Hospitaala Cirootti ergamanitti haalli fayyaa isaanii gaarii akka ture Medikaal Daayrektarri Hospitaala Hirnaa Dr. Faamii Mahaammad daa’imman lachuu harma hodhaa akka turanis himaniiru.
Waa’ee lakkuulee maxxananii dhalatan…
- Daa’imman lakkuu walitti maxxananii dhalatan yeroo hunda lakkuulee walfakkaatoo /identical twins/ dha. Kana jechuunis hanqaaquu dhalaa tokko irraa uumamu jechuudha.
- Lakkuuleen walitti maxxananii dhalachuun sadarkaa addunyaatti taatee baay’ee hin baramnedha. Daa’imman lubbuun dhalatan kuma 200 keessaa carraan lakkuuleen walitti maxxanan dhalachuu tokko qofa.
- Yeroo baay’ee naannoo laphee, garaafii mudhii/luqqeettuu walqabatanii dhalatu
- Lakkuulee walitti maxxananii dhalatan keessaa dhibbeentaan 70 dubartoota
- Uumama daa’imman walitti maxxananii dhalatan ilaalchisee yaadiddamawwan lamatu jiru.
Inni tokko fartilaayizeshiniin /adeemsa wayita sanyiin dhiiraafii hanqaaquun dhalaa gadaamessa keessatti walitti dhufan umamu/ erga umamee booda hanqaaquun dhalaa iddoo lamatti qoodamuuf yeroo barameen alatti turee qoodamuu yoo eegalefi lakkuuleen haalaan osoo gargar hinbahin yemmuu hafan uumama kan jedhudha.
Yaadni inni lammaffaan immoo imbiriyoon lamaan waltuquun adeemsa keessa tokko ta’uun yemmuu guddatan umama kan jedhudha.















