Lakkuun qaama hedduu waloon qaban 'mana baruumsaatti hiriyoota horatan'

Lakkuu
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen shamarranni sirni qaamaa isaanii daran walxaxee waan jiruuf yoo gargar baahan lubbuun hin jiraatan jedhu ogeeyyiin

Lakkuun wayita dhalatan guyyoota muraasa keessatti ni du'u jedhamanii eegamaa turan amma waggaa afur guutanii mana baruumsaas galan.

Maariyam fi Indeeyeen bara 2017 abbaa isaaniin Senegaal irraa gara UK yaalaaf geeffaman.

Ijoolleen ganna afurii kun lubbuun hafuu fi haalli fayyaan isaani irratti argamu "milkaa'ina ajaa'ibaati" jedha abbaan isaanii.

Barsiistuun isaanii ijoolleen shamarranii kun mana barumsaatti hiriyoota horachaa jiru, hedduu kolfa qabus jetti.

Ijoolleen lamaan onnee fi lafee dugdaa kophaatti qabu ammoo tiruu, ujummoo fincaanii fi sirna nyaata bulleessu tokko qabu. Kuni Covid-19n yoo qabaman balaa hamaaf isaan saaxila.

Abbaan isaanii Indiyaayeen guddina isaaniif jecha mana baruumsaa akka galan barbaade.

"Kuni abjuu milkeessuuf rakkisaa ta'e," ture jedha.

"Wanti kanarraa hafe marti anaaf bu'aa dabalataati. Lubbuu fi qalbiin koo akkas jedhee iyyaa jira, 'Ishoo shamarran koo! Jedhaa kan caalaa na ajaa'ibsiisaa'."

Indiyaayeen ijoollee isaa yaaliif gara UK kan geesse deeggarsa maallaqaa dhaabbata tola ooltummaa giiftii duree Senegaal Mariyam Faye Saal irraa argameen ture. Booda achumatti koolu gale.

koolu galtummaa erga argataniin booda Bitootessa bara 2018 gara Kaardiif geeffaman.

The twins in school
Ibsa waa'ee suuraa, Shamarran lakkuu mana barnootaatti

Bara 2019 ogeeyyiin baqaqsanii wal'aanuu 'Great Ormond Street' shamarran lamaan gargar baasuuf turan. Abbaan isaanii garuu balaa waan qabu hin hayyamne.

Ergasii booda ogeeyyiin fayya shamarran lamaan sirni qaamaa isaanii daran wal xaxaa akka ta'eefi yoo gargar baafaman lubbuun hafuu akka hin dandeenye hubatan.

Isheen tokko ishee tokko malee jiraachuun rakkisaadha.

Barsiiftuun isaanii Heelan Boorlee akka jettutti Fulbaana darbe erga baruumsa eegalanii jijjiirama gaarii qabu, hiriyootas horachaa jiru.

'Amala garagaraa'

"Ijoolleen, 'ani hiriyaa Mariyam ykn ani hiriyaa Indeeyeeti' jedhu malee 'ani hiriyaa warra lakkuuti' hin jedhan jetti.

Shamarran lamaan amala garagaraa waan qabaniif ijoolleen ykn ishee tokko ykn ishee birootti hiriyoomu jetti.

"Hedduu kolfu - kuni mallattoo gaariidha, mitii? Daa'imni hedduu kolfitu kamuu gammachuu qabdi jechuudha."

lakkuu
Ibsa waa'ee suuraa, Mariyam oksijiinii kan argattu onnee Indeeyeerraa yoo ta'u, nyaata ammoo garaa tokkoo keessaa qooddatu

Onkoloolessa darbe wal'aansi baqaqsanii yaaluu hospitaala 'Great Ormond Street' jedhamutti taasifameefi ture.

Wal'aansi taasifameef balaa qbaatullee barbaachisaa ture jedhu ogeeyyiin. Sirni qaamaa isaanii wal-xaxaa waan ta'eef salphaatti dhukkubaaf isaan saaxiluu mala jedhu.

Dhaabachuuf yaalii taasisaa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabachuuf yaalii taasisaa turan

'Madaala eeguu barachuu'

Ijoolleen kun dhaabachuu shaakalaa turan. Meeshaan akka dhaabbatan isaan gargaaruuf tolfame miira ol jedhanii dhaabachuu akka qabaatan taasiseera.

Garuu waan salphaatti baran hin taaneef jetti fiiziyooteeraappiist Saaraa Weed-weest.

"Sababa haala onnee isaaniin dhiibbaa hedduu irraan gahuu waan hin dandenyeef salphaatti madaala eeguu barachuun qormaata itti ta'e" jetti.

Ibrahima Indiyaayee
Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan shamarran lakkuu Ibrahima Indiyaayee shamarran isaa 'loltoota kooti' jedha

Shamarran isaa wayita dhaabbatan arguun isaaf boqonnaa ajaa'ibaa biraa akka ta'e dubbata abbaan isaanii.

"Jiraachuu qofa osoo hin taaane, dammaqoo ta'anii hawwasa keessatti qooda isaanii bahachuuf fedha akka qaban agarsiisaa jiru," jedha.

Ijoolleen isaa milkaa'ina agarsiisaa jiranillee haalli fayyaa isaanii hagam wal-xaxaa akka ta'e akka hubatuu fi abdiin isaa yaaddoo waliin qixa akka adeemu dubbata.

"Wanti xiqqaan ani gochuu danda'u isaan waliin ta'ee abdii akka qabaatan gochuudha. Isaan anaaf 'loltoota kooti', salphaatti akka harka hin kennanne naaf mirkaneessaniiru, lolichi hin xumuramne," jedha.