Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara Boeng 737 MAX balaa mudateen dhaabsisee ture balaliitti deebise

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa erga balaan xiyyaaraa hamaan isa mudatee waggaa lamaa bood xiyyaara Boeng 737 MAX' balalii itti fufuu beeksise.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa Kibxata waaree baaseen gosa xiyyaaraa Boeng 737 MAX'n jedhamuun balaan xiyyaaraa waggaa sadii dura isa mudachuu hordofee xiyyaarota kanaan balali'uu addaan kutee ture har'a deebi'ee eegaluu beeksise.

Bitootessa 10, 2019 xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gosti Booyiing 787-MAX buufata xiyyaaraa Booleerraa ka'ee daqiiqaa muraasa keessatti naannoo baadiyyaa Bishuuftuu bakka Tulluu Farraa jedhamutti erga kufee daandiiwwan qilleensaa addunyaa xiyyaara kana balalaliirraa dhorkanii turan.

Balaa kana dura gosti xiyyaaraa walfakkaataan qabeenyummaan isaa kan Indoonezhiyaa ta'es kufee waan tureef balaa Itoophiyaa kanaa booda xiyyaarri kun akka balali'uu dhaabu dhaabbileen aviyeeshinii biyyoota adda addaa murteessaniiru.

Xiyyaarri Itoophiyaa kan lakkoofsa balalii ET-302 imaltoota 149 ta'eniifi hojjetoota xiyyaaraa 8 qabatee Naayiroobiitti imalaa ture erga kufee, Itoophiyaan xiyyaarota gosa kanaa qabdu yeroo waggaa lamaa oliif balaliirraa ittiftee ture. Biyyoonni addunyaa hedduunis murtee Itoophiyaa hojiirra oolchaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota isaa kana balaliitti deebisuuf kan murteesse dhaabbileen Aviyeeshiniin hedduun xiyyaarri kun balaliif ulaagaa guutuu isaaf mirkaneeffannaa kennuu isaanii dabalataan, daandileen qilleensaa 34 xiyyaaricha balaliisuu erga eegalanii booda ta'uu ibsa ji'a tokko dura baasee tureen beeksiseera.

Erga balaa sanaa balalii isa jalqaa kanaan dura taa'aan boordii, hojii raawwachiiftoonni dhaabbata Booyiing, aanga'oonni mootummaafi ambaasaaddaroonniifi gaazexessitootni kanneen xiyyaarichaan imalan keessaa ta'uu beeksiseera.

Xiyyaaricha warra balaliitti deebisan keessaa kan dhumaa ta'uufi fooyya'iinsa dizaayinaa xiyyaara kanaarratti taasifame yeroo fudhatanii hordofuufi adeemsa waraqaa hayyama balalii irra deebiin kennuuf ji'oota 20 fudhate hordofaa akka ture hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Tawldaa Gabramaariyaam himaniiru.

Itti dabaluunis ''Paayileetotni keenya, injinarootni, teeknishaanonni balalii miseensonni Kaabin Kiruu hunduu nageenya xiyyaara kanaarraa ofitti amanumummaa qabaachuu mirkaneessineerra'' jedhan.

Ibsa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa baase kana irratti Obbo Tawaldaan murteen xiyyaara kana balaliitti deebisuu nageenya imaltootaa fi hojjettootaarratti hundaa'uun jedhaniiru.

''Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti nageenyummaan wanta hunda dura kan dursi kennamuuf waan ta'eef murteewwan irra geenyu hundaafi tarkaanfii keenya isatu qajeelcha.''

Xiyyaarri kun waggaa tokko dura US'tti erga balaliitti deebi'ee daandilee xiyyaaraa biyyoota addunyaa 36 ta'aniin balaliiwwan naga qabeessa 275,000 ol raawwachuu daandiin qilleensaa Itoophiyaa beeksiseera. Daqiiqaawwan 900,000 nagaan balali'uus dhaabbatichi beeksiseera.

Itoophiyaan ammaan tana xiyyaarota gosa kana afur kan qabdu yeroo ta'u, 25 ammoo amma dura ajajjee bara 2022 kana keessa gariin isaanii fudhachuuf jetti.