KMNI namoonni labsii muddamaan walqabate hidhaman akka gadhiifaman gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)n namoonni labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee to'ataman atattamaan akka hiikamaniif waamicha dhiyeesse.
Komishinichi waamicha kana kan dhiyeessee, manni maree ministirootaa walgahii Roobii Amajjii 26, 2022 gaggeesseen labsiin yeroo muddamaa baatii Onkolooleessaatii kaasee biyyattii guutuutti hojiirra oolfamaa jiru akka ka'uuf murte dabarse hordofeeti.
Murteen labsichi akka ka'uuf mana maree ministirootaan darbe tarkaanfii jajjabeessaadha jechuun komishanichi ibseera.
Murte kaabinee biyyattiin dabarfame kanas paarlaamaan atattamaan ilaalee akka raggaasisu abdii qabaachu kan hime komishichi, qaamooleen hojii raawwachiftuu motummaas namoota labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee to'annoo jala jiran atattamaan akka gadhiisaniif gaafateera.
Akkasumas guyyaa paarlaamaan labsichi akka ka'uuf itti ragaasisuu kaasee namoonni hidhaadhaa gadi hin dhiifamne yoo jiraatan sa'aatii 48 keessatti mana murteetti dhiyeeffamuu akka qabaatan yaadachiseera.
Kun yoo ta'u baate garuu seeraan ala waan ta'uuf, qaamooleen seera kabachisan hundi hojii seera kabachiisuu haala mirga namoomaa kabajuun sirna idileetiin akka raawwataniif gaafateera.
Labsiin yeroo muddamaa hojiirra oolfamuu erga eegalee kaasee haalli biyyattii keessaa fooyyee waan agarsiiseefi dhiibbaa labsichi mirgoota namoomaa irratti qabaatu hubannoo keessa galchuun barbaachisummaan labsichaa gamagamamee fooyyeessi barbaachisu akka taasifamuuf komishinichi kanaan dura waamicha dhiyeessaa akka ture ni yaadatama.
Waraanni kaaba biyyattiitti gaggeefamu cimuu hordofuun ture manni maree ministirootaa Onkolooleessa keessa labsiin muddamaa akka biiyyattii guutuutti hojiirra oolfamuuf labsee kan ture. Manni maree bakka bu'ootaa uummataas labsiicha haaluma labsii L1264/2014n hojiirra akka ooluuf ragaasisee ture.
Ammaan tana garuu yaaddoon ture sadarkaa sirna seeraa idileetiin ittiin to'atamu irra waan gaheef labsiin muddamaa akka ka'uuf manni maree ministirootaa yaada murtee kana dhiyeesse.
Haaluma kanaanis yaadni murtoo kun paarlaamaan fudhatama argatee yoo ragaasifame haalliwwan labsiichaan kaa'aman hafee sirna seera idileetiin hojjachuun eegalama.
Labsiichaan wal qabatees namoonni hedduun eddoowwan biyyattii garaa garaa keessatti to'annoo jala oolfamun kan himamaa ture yoo ta'u, komishinichis haala hidhamtootaa irratti yaaddoo qabu ibsuun gabaasa baasuunsaa ni yaadatama.
Namoota erga labsiin yeroo muddamaa labsameen booda to'annoo jala oolfaman keessaa muraasni torbaniin dura kan gadhiifamaa jiru.
Labsiin yeroo mudamaa kunis kan labsame tibba waraanni naannoo Tigraay keessatti waggaan dura eegalee ture gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaarritti babalachuun gara Finfinneetti dhiyaatetti ture.












