Waancaa Afrikaa 2021: Dorgommii lafa hidhattootni socho'an keessatti gaggeeffamu

    • Barreessaa, Jeemsi Koopnaliin
    • Gahee, BBC Newsday, Liimbee, Kaameruun

Waancaan Afrikaa Dilbata Kaameroon keessatti eegalee guyyootaaf adeemsifamu lafa hidhattootni waggoota afuriif waraana itti gaggeessanitti siiqees ni gaggeeffama.

Magaalota Kaameroon taphoota Waancaa Afrikaa keessummeessan keessaa tokko kan qarqara garba atilaantikiitti argamtuufi Fiixeen tulluu Kaameroon itti jiru Limbeen tokko.

Dargaggoota magaalittii keessaa tokko Eriik lammiilee Kaamerooniif uummata biyyoota biraa simachuun gammachuu guddoo ta'uu dubbata.

Magaalaa Limbee keessatti gareelee jiran keessa tokkoof goolii eegaa ta'ee kan taphatu Fireediriik ammoo urjiilee piriimiyeer liigii Ingiliz kan akka lammii Masrii Mohaammad Saalaafii kan Senegaal Saadiyoo Maanee qaamaan arguuf jarjareera.

Hanga ammaatti televizhiniin qofa kan isaan arguu himu dargaggoon kun ''tarii ittan dubbadha ta'a, harkan fuudha. Baayyee natti tola'' jedha.

Limbeen magaalota Kaameruun kan afaan Ingiliffaa haasa'aniifi tapha kana keessummessuuf hiree argatan keessaa ishee takkittiidha.

Magaalaa kanatti yaaddoon jira. Sababni isaa ammoo lammiilee kaameroon dubbattoota Afaan Ingilizii(Anglophone) waraana waliiniin waggoota shaniif jeeqamaa kan jiran ta'uudha.

Kaameroon kolonii Faransaayiifi Biriitish jala turte. Sun ammoo afaan irratti hundaa'uun walqoodinsa uumeera.

Dubbattootni Afaan Ingilizii baroota darban hedduuf diinagdee, siyaasaafi aangoorraa qollifamne komii jedhu warra afaan Fireench dubbatan kan lakkoofsaan caalmaa qaban irratti kaasu.

Bara 2016 ogeeyyiin seeraafi barsiiftotni naannolee dubbattoota afaan Ingilizii keessa jiran hiriira nagaa bahan. Ta'uus hedduun hidhamanii ji'oota boodas naannichatti waraanni dhalate.

'Gaannama lafarraa'

Hidhattootni ofiin of bulchuuf qabsaa'aniifi mootummaan ajjeechaan yoo himataman lakkoofsi namoota waraana kanaan dhumanii ifatti hin beekamu.

Namootni miiliyoona tokkoo ol ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.

Magaala dorgommiiwwan Waancaa Afrikaa muraasa keessummeessitu Limbee irraa gara kaabaatti kan argamtu Munyengeetti hoogganaa mana barnootaa kan tureefi dhukaasni banamnaan kan achii baqate Akaame Kingilii Nigolee ''akka gaannama lafarraati'' jedha.

''Akka dhuunfaatti wantin qabu hunduu gubateera, manni koo fi wanti kaan hunduu.''

Barsiisonniifi barattootni hedduun gara Limbeetti baqatanii amma achitti barnoota eegalaniiru.

Barsiiftonni ijoollee barootaaf barnoota adda kutan barnootatti deebisuu dabalatee qormaatota hedduu keessa jiru.

Yeroo waraanichi eegalu sochiin hunduu cuccufamee waan tureef kana amma dorgommii keessumeessitu Liimbeenillee sodaa hidhattootaarraa kan ka'e ontee turtee jedhu.

Kutaalee kaan keessatti manneen barnootaafi namni nagaan, barataafi barsiisaan haleelamaa ajjeefamaa waan tureef Liimbeettis yaaddoon jabaatee ture.

Kana qofaa miti. Ijoolleen Liimbeetti baqatanii baratan maallaqa kitaaba itti bitaniif waan nyaatan rakkatu.

Awugustiin Akiwaa rakkooleen hedduun harka isa qabus abjuu isaa petroleum engineer irraa boodatti akka isa hin hambifne dubbata.

Namootni magaalittii jiran hedduunis murannoo walfakkaatu qabaachuu argeera.

Ji'atti namni hedduun doolaara 40-ol argata. Dorgommiiwwan Waancaa Afrikaa kun jireenya isaanii akka wayyeessuuf amanu.

Waraanaan cinaatti weerarri koronaa namoota hedduu hojiin ala godhe.

Dorgommii kanarratti hirmaachuuf warri dhufan gabaa hoteelaa fi kaan wayyeessaniis dorgommichi yeroo xumuramuwoo?

Limbeetti dorgommmii kana gaggeessuun yaaddoo qaba gaaffiin jedhus ni ka'a.

Hidhattootni bulchiinsa of danda'eef qabsaa'an dorgommichi akka gaggeeffamu hin barbaadan, dorgommicha jeequufis dhaadataniiru.

Eegumsa nageenyaa cime

Aanga'aan olaanaa biyyatti, Engambaa Imaanu'el, torban darbe naannichatti boombiin dhohuu amananii miidhaan kan hin qaqqabne ta'uu dubbataniiru.

Mootummaan nageenya gareeleefi deeggartoota isaanii akka mirkaneessuu dubbatan.

Eegumsa nageenyaa daran jabaateen walqabatees loltootni humna addaa akkaan hidhatan kan 'Rapid Intervention Brigade' magaala Limbee keessa yeroo sosso'an mul'ata.

Roogeessii mirga dhala namaa Fiiliks Agboor Ballaa hidhattootni dorgommiin kun hanga dhumu dhukaasa dhaabuu qabuu jedhanii, mootummaanis hoogganaa warra bulchiinsa ofii fedhu Ayuk Tabe dabalatee kaanis akka hiiku dhaame.

Hanga ammaatti abdiin kun raawwatamuu isaa xiqqaadha.

Aanga'oonni Waancaan Afrikaa uummata walitti fiduu danda'aa abdii jedhu qabu.

Warri mootummaa gidduugaleessaarraa shakkii qaban Istaadiyoomii Liimbee deemanii dorgommii kubbaa miilaa isa guddaa aardichaa akka daawwatan gaafatu.