Lammii Ameerikaa meeshaa muuziqaa baganaa taphachuun ‘haara galfii’ kenneef

Jaramii Cheevriyar lammii Ameerikaa adii ta'edha. Dhalatee kan guddate Niiw Yoorkitti yoo ta'u, walakkaa jireenyasaa kan dabarse gaaffii hafuuraa icciitti ta'an of gaafachaatiin.

Yunivarsiitii Boostan galee Falaasamaafi Xiin-sammuu qo'ateera. Barnoota amantiiwwan addunyaa wal-bira qabuun qo’atu hunda xiinxaleera.

Barnoota idilee birattiis sirna yaada yeelaluun (meditation) guyyaatti yeroo dheeraa ni kenna.

Gaaffii jireenyaaf deebii argachuuf biyyoota Baha-fagoofi Lixaa waliin gaheera.

''Eessaan dhufe? Maaliif lafa kana dhufe? Lafti maali? Jireenyaafi duuti walii maali? jechaa gaafachaan ture,‘’ jedha.

Gaaffiinsaa ammallee akkuma itti fufetti jira. Duris gaaffiin kuni waggoota biiliyoona keessatti yoom sirriitti ifa tahee beeka?

Tahus Jaramiin gara Afrikaa erga dhufeen booda yeroo dhiyoon as waan tokko qalbiisaaf haara galfii kenneera.

Baganaa!

Jaramiin biyyoota Afrikaa baayyee erga waliin gaheen booda gara Baha Afrikaa dhufe. Keessumaa, gara Itoophiyaa gaafa dhufu baganaadhaan boqonnaa xiqqoo argate.

Amma mana jireenyaa Jaramii yoo deemtan kutaan icciitii addaa jira.

Gola icciitii kana ‘mana baganaa’ jechuun waama. Maatiinsaa hundi akka iddoo qulqullaa’aatti ilaalu.

Halkan, halkan ka’ee gara kutaa sanaatti deemuun baganaasaa tarreessa. Inni yoo hin jiraanne haati warraasaa ni taphatti.

‘’Hollannaan sagalee baganaa lubbuu kootti dhageessisa’’ kan jedhus kanumaafidha.

‘’Garaa qajeeltoo qabda taanaan baganaan hunda siif qixeessa.’’

Jarmiin jaalala baganaan erga kufee yeroo dheeraa hin taane.

Yeroo tokko Jaramiin barsiisaa baganaa Ermiyaas jedhamu waliin wal bare. Meeshaa muuziqaa kana hubachuudhaafis qixaa’ee of dhiyeesse.

Barsiisaa Ermiyaas abbaa wiirtuu leenjisa meeshaalee muuziqaa Keebroon jedhamuuti.

Dargaggoo waggaa 18 taheeti wiirtuu kana kan hundeesse. Amma reef nama ganna 21 hin guunnedha.

Dhaabbata akkasii hundeessuudhaaf umriin kee xiqqoo mitii jennaan, ‘’yoo jabaatte waan hundi akka danda’amu kanin bare baganaa irraati,’’ jedha.

Fedhiifi yaada qajeeltoo qabadheeni kanan baganaa kana kaase jedha Jaramiinis.

Barsiisaa Ermiyaas ‘’barataa yeroo hunda kana caalu baruuf fedhii qabudha,’’ jechuun Jaramiidhaan ibsa.

Jaramiinis, ’’jireenya koo guutuu waan hafuuraa baayyee qo’adheera, lubbuu kootti kan dhiyaate garuu baganaadha,’’ jedha.

Kana dura Jaramiin guyyaatti sa’aatii sadiif Yogaa fi yaada yeelaluudhaan (meditation) dabarsa.

Yeroon baganaa taphadhu waanti lubbuu koo sururutu jira jedha.

‘’Dubbiin kuni akka siif ifu garaa qajeeltoo barbaada. Yaada gaariidhan barachuu qabda,’’ jedha.

Baganaan nama taphatuuf qofa osoo hin taane isa dhaggeeffatuufis eebbadha jedha.

Jaramiin ‘’dhimma kanarratti hayyuu miti garuu baganaan faayidaa hafuuraa irrayyuu bu’aa saayinsawaa tahe akka qabus nan hubadha,’’ jedha.

Keessumaa Fiiziksii hollannaan sagalee humna fayyisuu akka qabu akka amanamu, baganaanis gurra irra darbe lubbuu bira gaafa gahu haara-galfii akka kennu ni ibsa.

''Gosa fiiziksii kuwaantam jedhamuun waanti hundi hollannaadha. Sagalee baganaadhaanis muddamni qaama keenya keessa jiru yeroo tasgabbaa’u natti dhagahama,’’ jedha.

Namni adii kuni meeshaa muuziqaa baganaa abbaa meetira lamaa baatee Finfinnee keessa yeroo deemu, ‘’What! You play begena?’’ naan jedhu, akkanatti dinqamuun isaanii anaanis deebi’ee na dhiba jedha.

Namoonni biyyasaa immoo waa’ee meeshaa muuziqaa kanaa baruu barbaadu.

‘’Gara fuulduraatti baganaan biyyoota lixaaf haaromsa hafuuraa kennuu danda’a jedheen yaada,’’ jedha.

Kanaaf akka ragaatti kan dhiyeessu immoo jireenya magaalaa boqonnaa hin qabnedha.

‘’Biyyoota lixaatti jireenyi muddamaan kan guutamedha. Tasgabbii lubbuu argachuun qaaliifi kan barbaadamu taheera. Baganaan kanaaf qoricha gaarii hin tahu jettaa?’’ jedha

'Hamman dulloomee dhadhaabbata qabadhutti baganaarraa adda hin bahu'

Icciitiin jireenyaa ijoollummaa isaarraa qabee kan isa hawwataa ture Jaramiin, kana booda humni baganaarraa adda isa baasu akka hin jirre irra deddeebiin dubbata.

‘’Nagaa baganaa keessatti argadhee anatu beeka. Kana booda hokkoo qabadhee hamman deemutti baganaa taphachuu hin dhaabu.’’

Nama kanaan isa gahe barsiisaa Ermiyaasiidhaanis akkaan galateeffata.