Tapha Qillee: Tapha yoo miidhaman beenyaa hin gaafanne

Ayyaannii Qillee Itoophiyaa keessatti sirnootaa garaagaraan kabajamaa oole. Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos yaadachuuf kabajamu kun sirna mana amantaatti, bakka waaqeffannaatti ta'an dabalataan, nyaataa dhugaatiifi gochoota aadaa biroon sirna ho'aan kabajamuudha.

Taateewwan Ayyaana Qillee irratti baraman keessaa tokko tapha Qilleedha.

Taphni kun tapha muka la'ii qabachuun burii (kubbaa muka irraa soofamtee hojjetamte) fayyadamuun garee lamatti hiramuun taphatama. Mo'uufi mo'amuunis baayyina goolii lakkaa'ameen murtaa'a. Taphni Qillee kun seera mataa isaa akka qabus taphattoonni ni dubbatu.

Wubisheet Abbabaa jiraataa Aanaa Kuyyoo ganda Aleeluu Careeti. Qophiifi akkaataa taphni Qillee ittiin taphatamu Ayyaanni Qillee gahuudhaaf torban lama osoo hafuu jalqabama jedha.

Qophii taasifaman keessaa muka la'ii (ulee qillee) akka gogee/qooree itti salphatuuf dursamee muramuun kaanis akka jabaatuuf haraatiirra kaa'uun qixeeffatas jedha Wubisheet.

"Gaafa Affaanni qillee ga'us namoonni muka la'ii isaanii bakka namoonni sangaa itti qalan geeffatanii dhiiga xuqsiifatu." Kan kana godhaniif jedha Wubisheet, akka aadaatti bakka tapha qillee sanatti namni akka rukkutamee hin dhiigneef abbootiin ni kadhatuuf.

Akka wubisheet jedhutti uleen ykn mukni la'ii qophaa'e hundi bakka tokkotti dura erga walitti qabamee booda bakka lamatti hiramee gareen isaan ijaarama. Namni kan isaa waan beekuuf erga bakka garee lamaatti qoodamee booda abbaan muka la'ii deemee kan isaa fudhachuun garee itti ramadame bara jedha.

Seera tapha qillee keessaa tokko ulee ol kaasanii mormaa olitti naanneffachuun hin jiru jedha Wubisheet. "Qilleen seera qaba. Namatti qajeelchanii rukkutuun, nama ittiin reebuu waanti jedhamu hin jiru. Tasuma ammoo nama yoo iji jaame, lukti rukkutame, harki yoo rukkutame ykn yoo dhiige guyyaa gaafa sanaa namni rukkutame namni beenyaa hin qabu."

Akka wubisheet jedhutti taphni gaafa qillee tapha jaalalaa waan ta'eef namni gaafa sana miidhame beenyaa hin gaafatu.

Obbo Wubisheet dirree tapha Qillee keessa dhaabatee akkaataa itti namoonni taphata ibsaas ture. Guyyaan Qillee kun namoota qofaatu gammachuun walitti makama miti, horiinis walitti makama jedha.

Obbo Geetuu Abbabaas maanguddoo achuma aanaa Kuyyuu ganda Aleeluu Careetti dargaggoota waliin osoo tapha Qillee taphataa jiranii gabaasaa BBC Afaan Oromootti waa'ee tapha kanaa gammachuudhaan waggaa waggaadhaan akka taphatan dubbatu.

Garee ilmi isaanii keessa jiru waliin taphachaa kan jiran Obbo Geetuunis, namni tapha qillee irratti madaa'e nama hin gaafatu jedhan.

Taphatan Qillee Birhaanuu Nagaash ammoo aanaa Kuyyuu ganda Aleeluu Ida'iitii dhufee taphata. Biraanuun osoo taphataa jiruu buriidhaan (kubbaa tapha qillee muka irraa hojjetame) rukutamee dhiigaa jira ture. Adda keessa rukkutamee dhiigaa jira ture.

"Aadaa keenya waan ta'eef miidhaan isaa natti hin dhaga'amne. Ittin gammada. Taphani kun waggaadhaan kn dhufu waan ta'eef uummata wajjin gammachuudhaan dabarsuu isaatu caala, rakkoo hin qabu."

Obbo Birhaanuun adda rukkutamee dhiigus gareen isaa goolii ja'aafi lamaan dursee mo'achaa jira jechuun tapha walakkatti dubbateera.