Ameerikaan biyyoota Afrikaa dabalataa viizaa argachuuf qarshii qabsiisuu qaban ifa goote.
Bara darbe baatii Adoolessaa keessa hojimaatni bahe iyyattoonni viizaa Ameerikaa gaafatan doolaara kuma 15 akka qabsiisan ajaja.
Ibsa marsariitii waajira hajaa alaa Ameerikaa irratti boodana baheen ammoo biyyooti 38 kan tarreefaman yoo tahu, 24 biyyoota Afrikaa dha.
Biyyooti dabalataa yeroo ammaa viizaa argachuuf qarshii akka qabsiisan gaafataman Aljeeriyaa, Angoolaa, Baangilaadeesh, Beeniin, Burundii, Keep Verdee, Kuubaa, Jibuutii, Fiijii, Gaaboon, Ayivoorii Koost, Kiriigiistaan, Neeppaal, Naayijeeriyaa, Senegaal, Taajikistaan, Toogoo, Yuugaandaa, Vaanuwaatuufi Zimbaabwee dha.
Hojimaata kanaan viizaa hojiifi turistii B1 fi B2 argachuuf lammiileen biyya kanaa yeroo iyyatan murtoo abbaa taayitaa dhimmi ilaallatuun doolaara 5,000, 10,000 ykn 15,000 qabsiisuun irra jiraata.
Murtoon bara darbe hojiirra akka oolu tahe kuni biyyoota kanneen akka Buutaan, Bootiswaanaa, Rippaabliika Giddugalaa Koongoo, Gaambiyaa, Giinii, Giinii Bisaawuu, Maalaawwii, Mooriteeniyaa, Naamibiyaa, Soo'aatoomee, Taanzaaniyaa, Turkimistaanfi Zaambiyaa ilaallata ture.
Iyyattoonni viizaa kuni qarshiin qabsiisan viizaa argachuu isaanif wabii kan hin taane yoo tahu eeyyama viizaa argatanis tahe, yoo dhaban qarshiin kuni isaaniif deebi'a.
Hojimaatni biyyoota 38 irratti hojiirra oola jedhame kuni Ameerikaatti yeroo isaaniif eeyyamame caala warra turan to'achuuf akka tahe qondaaloti biyyattii ni himu.