Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalataan Itoophiyaa Sudaan Kibbaa fi Filisxeemotaaf qabsaa'e maal hima?
"Dhalli namaa amala ofittummaa irraa bilisa tahe qabaachuun namoota kaaniifis tahuu qaba'' amantaa jedhu qabu.
Dhalataan Itoophiyaa kun qabsoo farra cunqursaa Itoophiyaatti jalqabuun mana hidhaas galuun dararaa hundas arganiiru.
Erga bahanii saba cunqurfame hundaaf dhaabbachuun qaba jechuun uummata Sudaan Kibbaa fi Filisxeem waliin qabsaa'aa turan.
Garuu akkamiin?
Qajeeltoon jireenya isaanii kan ture ofirra darbuun ummata kaaniifis dhaqqabuu kan jedhudha.
Qajeelfama isaanii kanaaf ammoo agarsiiftuu kan tahu qabsoo sirna cunqursaa irratti Sudaan Kibbaa bara 1980 keessaa jalqabuun taasisaa turanii fi umurii isaanii guutuu qabsootti kan jiran Filisxeemota cina dhaabbachuu isaaniiti.
Murtoo isaanii kanaaf daangaa darbuun qabsaa'aa kan turan Che Guuveeraan fa'aa dhiibbaa irratti godhaniiruu laata jedhee BBC'n yoo gaafatu, ''Che Guuveeraa tahuuf jedhee takkaayyuu yaadee hin beeku. Abjuu isaas hin qabu,'' jedhan Dr Seeyifee Taaddalaa.
Ijoollummaa isaaniitti hiyyummaa fi cunqursaa karaa kamiinuu adeemsa keessa jalaa bahuuf akka tattaafataa turan himan.
Bara natti dukkanaa'e...
''Suuraakoo bara 1980 keessaa yeroon ilaalu, haala Itoophiyaa keessaa raafamaa ture, daddaaqama dinagdee, hiyyuummaa hidda gadi fageeffate, muddama siyaasaa, cunqursaa boqoannaa nama dhowwatuufaatu ijakoo dura dhufa'' jedhan Dr Seeyifeen.
Kunis umurii isaanii dargaggummaatti akka gara qabsoottis eenan dhiibbaa gochuu hin hafne.
Kufaatii Haayilesillaasee waggaa tokko dursuun ture Magaalaa Finfinnee naannoo Fiit Barri jedhamutti dhalatan.
Hoteela Sharaatan fuuldura naannoo amma Paarkiin Wadaajinnat itti iajaarametti ture ijoollummaa isaanii kan dabarsan.
Irra caalaa ijoollummaa fi dargaggummaa isaanii bara bulchiinsa Dargii keessa akka jiraatan himuun cunqursaa fi rakkina bara sana keessaa ilaalaa guddachuu himan.
Jireenyi maatii keenyaa isa duraan gaarii taherraa yerootti akka malee gadi bu'e, jireenyi keenya yerootti raafama keessa gale ture jedhan.
''Naannoo harka qalleeyyii hedduun keessa jiraatanii fi hiyyummaa isa dhumaa keessa jiran keessattin guddadhe.
Mana keenya keessattis haallin argaa ture baay'ee suukaneessaa ture.
Yeroo sana waa'een beelaa yeroo haasa'amu, uummanni baay'inaan baadiyaatii gara magaalaatti yeroo godaanaa turan, nyaanni ruuzii jedhamu yeroo rabsamaa ture tahuu isaan yaadadha.
Wantoota bu'uuraa argachuun yeroo ulfaataa turedha. Kibiriiti fi saamunaa illee yerootti uummanni hiriiree qabalee irraa fudhatu ture,'' jedhe.
Daabboon hiriiraan ture kan kennamu. Silaa aannan argachuun wanauma hin yaadamnedha jedhe.
Beela irratti ammoo cunqursaa ture ammoo inumaayyuu boqonnaa kan namaaf hin kennine ture jedhe Dr Seeyifeen.
Cunqursaanis hiyyummaanis lubbuukoo dhiphisaa ture. Kun jireenya dhala namaa isa sirrii miti.
Jireenya gaarii kan jedhu wal dorgomsiisee ibsuuf illee rakkadhus, jireenyi akka kanaa garuu dhala namaaf hin malu ejjennoo jedhun qaba jedhe.
Dargaggummaatti hirmaannaa siyaasaa, hidhaa fi dararaa
Akka seeneessaan kun jedhutti naannoo bara 1979 ture kan mootummaan Dargii kufuu jalqabe.
Dargiin miseensota Iyaapa [ EPRDF] fi Meison jedhamanii fi uummataaf qabsaa'aa fi "biyya keenya jijjiiruu"tti amanan hidhaa, ajjeese, ykn biyyaa baasaa ture.
Yeroo sanatti Dr. Seyifee dhaabbata Tokkummaa Dimookiraatawaa Uummata Itoophiyaa (EPDU) jedhamutti makamuun umurii isaa waggaa 16tti "Osoo hin beekin nama Doktar Haymanot jedhamutu na bobbaase.
Namoota dhaabbatichaa naannoo Sar Bet jiran bira dhaqee kitaabota naaf kennan.
Sana booda yeroo hunda wal arguu jalqabne.Yeroo sanatti kutaa 8ffaa ykn 9ffaa baradheen ture," jedha.
Ijoollee taʼanis, namoonni isaan ergaataa turan ergama tokkoof isaan qopheessaaa turuu yaadatu.
"Namoonni ijoon jaarmiyaa kana duuba jiran tarii Tigiraay fi Eertiraa irraa ta'uu hin oolan," jedhu Dr. Seeyifeen.
Ergamni isaanii sanadoota adda addaa odeeffannoo icciitii of keessaa qaban waajjira qondaala tikaa Dargii tokko keessaa baasuu ture.
Inniifi waahillan isaa ergama kana milkaa'inaan kan raawwatan yoo ta'u, kaffaltiin isaas bareedaa akka ture'' jedhu.
Dr Seeyifeen "maallaqa kanaan dura arganiis ta'ee lakkaa'anii hin beekne argadhe'' jedhan.
Haa ta'u malee, yeroon inni fi waahillan isaa ergama kana karaa nagaa raawwatanii kan jiraatan yeroo gabaabaa ture.
Hojii isaanii erga raawwatanii yeroo gabaabaa keessatti qindeessitoonni fi raawwattoonni ergama kanaa humna tikaa Dargiin marfamanii gara Maa'ikelaawiitti geeffamanii booda mana hidhaa Alambaqqaany jedhamutti dabarfaman.
Achittis dararaa fi rakkina hedduu arguun waggaa afur mana hidhaatti dabarsan.
''Miila keenya sansalataan hidhamnee jiraanna turre. Kaaraatee waan hojjennuuf utaalanii badu jedhanii sodaatu ture. Yeroo mana fincaanii deemnu qofa nu gadhiisan,'' jechuun yeroo mana hidhaa keessa turan yaadatu.
Umurii isaa waggaa 16tti gara 'Fil Wuhaa' geessuun shayee fi juusii isa afeeruun gara siyaasaatti akka makamu kan goote Dr Haayimaanot mana hidhaa Alam Baqqaany osoo jiruu argachuu hime.
Garuu lubbuun bahuu ishee fi maal irra akka geesse hin beeku jedhe. Dhuma ishee arguu baatanis, namoonni hedduun rashanamuu isaanii dhagaheera jedhan.
Dargaggoota 27 ishee waliin Maa'ikelaawwii seenan keessaa 21ajjeefamaniiru.
Isattis akkasumas murtiin du'aa itti murtaa'ee, yeroo Dargiin kufuuf jedhutti mirga dhiifamaatiin gadhiifamuu himu.
Qabsoo Sudaan Kibbaatti makamuu
Dr. Seeyifuu Tadalaa qabsoo farra cunqursaa idil-addunyaa kan eegale kufaatii Dargiin booda.
Yeroo kanatti akkuma mana hidhaatii baheen dhaabbata Qeeraa keessa qacaramuun hojjechuu eegale.
kana gidduutti qabsaa'aa mirga namoomaa ta'uun hojjechaa kan turan Piroofeesar Mesfin Woldemaariyaam waliinis wal bare.
Yeroo kana ture kan Dr. Seeyfuu Dhaabbata Dimokiratawaa Dargaggoota Addunyaa jedhamuun beekamutti kan makame.
Karaa kanaas carraa gara biyya alaa deemuuf argate. Carraa kanatti fayyadamee gara Poorchugaal imaluun konfiraansii dhaabbatichaa irratti hirmaate.
Dr. Seeyfuu miseensa komishinii to'annoo dhaabbatichaa ta'uun filataman.
Konfiraansii Federeeshinii Dargaggoota Dimookiraatawaa Addunyaa Poorchugaal keessatti gaggeeffame booda, inniifi waahillan isaa qabsoo farra cunqursaa addunyaatti makamuu yaada jedhu qabatanii dhufan.
Yeroo kana qabsaa'ota bilisummaa Sudaan Kibbaatti makamuun qabsoo isaanii eegaluuf waliigalaniiru.
''Ani lammii Faransaay tokko, lammii Afrikaa Kibbaa tokkoo fi dubartii Hindii tokko yaada kana qabannee sochii kana jalqabne.
Qabsoo Sudaan Kibbaatti makamuuf erga murteesinee hogganaa isaanii Joon gaaraang argachuuf gara waajjira isaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiruu deemne.
Dhaabbanni keenya farra impaayeraalistii fi farra koloneeffataa ta'uu isaa sirriitti beeka,'' jedhu Dr. Seeyifeen.
Joon Garang irraa hayyama erga argataniin booda, Keeniyaa Naayiroobii irraa walakkaa karaa konkolaataa fe'umsaatiin, karaa tokko ammoo konkolaataa pikaappiitiin gara buufata waraanaa magaalaa guddoo Juubaan alatti kiiloo meetira 100 fagaatutti imalan.
"Gama biraatiin gareen namoota biyyoota biroo irraa gara Sudaan Kibbaatti hiriira ba'aa turan.
Erga achi geenye akka qabsaa'otaatti jiraachaa turre," jechuun Dr. Seeyifeen jireenya qormaataa bosona keessaa yaadatu.
Yeroo waraana sanaa yeroo tokko tokko haleellaa qilleensaa fi lola guddaan isaan mudata ture.
Gaheen miseensota garee kanaa waraana cinatti baala waraanaa keessatti qabsaa'uu osoo hin taane, qaama qabsoo siyaasaa ta'uu ture.
Kaayyoon isaanii inni guddaan kaayyoo qabsoo irratti hubannoo siyaasaa hawaasa biratti uumuu ture.
"Qabsoon kun yeroo dheeraaf adeemsifamaa waan tureef ummanni baay'ee nuffeera.
Bakka deemnu hundatti gaaffiin isaan kaasan nyaata ture. Yeroo baay'ee 'nyaata malee siyaasa hin barbaannu' jedhu turan.'"
Fedhiin ummataa inni guddaan tajaajila hawaasummaa fi kabaja akka namaatti akka ta'e yaadatu.
Dr. Seeyifeen dhimmi adda bahuu Sudaan Kibbaa "fedhii namoota siyaasaati.
Fedhiin ummataa fi namoota siyaasaa adda adda ture" jechuun haala ture yaadatu.
"Hogganaan Sochii Bilisummaa Sudaan Kibbaa, Joon Garang, nama adda ba'uu leellisu hin turre; fedhiin isaa ummanni Sudaan Kibbaa walaba ta'ee, ofiin of bulchuu, qabeenya isaa kaabaa wajjin walqixa akka fayyadamu ture. Fedhiin keenyas kanuma ture."
Dhumarratti garuu qabsoon Sudaan Kibbaa akka karoorfametti osoo hin taane, akka isaan abdatanitti deemte.
Waldhabdeen hidhannoo yeroo dheeraaf lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'aman galaafatee fi miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqaase ture bara 2011 walabummaa Sudaan Kibbaattiin xumuramuu dubbatu.
Sudaan Kibbaa biyya haaraa tahuun dhalatte.
Qabsoo Filisxeem keessaa
"Qabsicha keessatti hirmaannaan keenya itti aanu Filisxeem Ramallah keessatti ture," jechuun Dr. Seeyifeen himan.
Yaadni gara naannoo Baha Giddu Galeessaatti ce'uu, kan waldhabdeedhaan adda hin baane fi xiyyeeffannaa addunyaa hawwatu, Federeeshinii Dargaggoota Addunyaa sana keessatti yaadame jedhan.
Filisxeemonni hoggansa federeshinichaa keessa waan turaniif, qabsoo ummata isaanii fi walitti bu'iinsa Israa'elii fi Filisxeem gidduutti uumamee ibsaafii turan.
Wal dhabdeen isaan gidduu ture ajjeechaa namoota hedduu geesisuu erga hubatanii qabsoo kana deeggaruuf gara Filisxeem imalan.
"Biyya Ijoollummaa kootii kaasee Waaqni Israa'el jechuun kadhataa guddadhe tahus Filisxeemonni ummata baay'ee cunqurfamaa ta'uu isaanii waanan amaneef, isaan cinaa dhaabadhee qabsaa'eera.
Namni biyya malee akkamiin jiraachuu danda'a? jedheen duraan of gaafachaa ture.
Kanatu qabsoo isaanii akkan deeggaru na kakaase. Namni maallaqaan na deeggare hin jiru, qarshii koo qusadheen achi dhaqe."
Turtii isaa keessatti, "Intifaadaa (fincila Filisxeem] irratti yeroo lama hirmaadheera.
Isaan waliin gara addabaabayii bahee dhagaa darbadhe; yeroo isaan gaazii imimmaanessu dhukaasan isaan waliin ture," jedhu Dr. Seeyifeen.
kanaanis deeggarsa isaa agarsiisuu fi cinaa isaanii akka ture hime.
Turtii Filisxeem keessaan mana manaarra deemee maatii isaaf ramadaman waliin haasa'a ture.
"Yeroo turtii kootti maatii torba daawwadheera. Maatii naaf ramadaman waliin hanga guyyaa sadii tureera.
Naanna'ee waa'ee qabsoo barsiisnee deeggarsa haamilee isaaniif ochaa turre.
Akkasumas kophaa isaanii akka hin taaneefi rakkoo isaanii uummanni addunyaa akka beeku isaan hubachiisaa turre.'' jedhe.
Kana keessatti daangaa, sanyii fi bifa osoo hin ilaaliin, namoota cunqurfamtootaaf sagalee ta'ee dararaa isaanii waliin qooddachuun, qaamaan cinaa isaaniitti argamuun tokkummaa isaaniif qabu agarsiisuukootti hedduun gammada jedhan.
''Yeroo gidiraa isaanii cinaa dhaabadhee itti gaafatamummaa koo ba'eera. Yoon du'ellee hin gaabbu. Yeroo hundumaa dhala namaa baraaruu qaba jedheen amana ture,'' jedhu Dr. Seife.
Dr. Seeyifee Taaddalaa Kidane yeroo ammaa Afrikaa Kibbaa Yunivarsiitii Johaannesbarg keessatti itti gaafatamaa wiirtuu qorannoo ta'uun tajaajilaa kan jiran yoo ta'u, mata dureewwan adda addaa irratti kitaabota jaha barreessaniiru.