Haleellaa hidhattoonni Shawaa Kaabaatti otobisiirratti bananin maaltu ta'e?

Konkolaataan deddeebisa ummataa magaalaa Finfinneerraa ka'ee gara Dabra Maarqos imalaa ture Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti hidhattootaan haleellaan itti banamuu dhaabbatichi beeksise.

Bakki haleellaan itti baname kunis Ali Doroo akka jedhamuufi bakka irra deddeebiin hidhattooti haleellaa itti bananittidha.

Haleellaa itti baname kanaanis imaltoonni miidhamuufi afur ugguramuu abbaan qabeenyaa otobisii kanaa FM Tiraanisport BBC'tti himeera.

Imaltoota butaman keessaa tokko to'ataa dhaabbatichaa akka ta'e Hojii Gaggeessaan Tiraanispoortiii FM Obbo Ayikfaaw Minaayyee BBC'tti dubbataniiru.

Konkolaaataan deddeebisa ummataa ALI Wiixata Mudde 27, 2018 Finfinneerraa kan ka'e imaltoota 51 qabatee akka ta'e eeru.

Konkolaataan kuni bariii 10:30'tti Finfinneedhaa imala eegaluus kellaawwan bakkee garagaraatti waan jiraniifi kunneenis sa'aatii 12 dura waan banaa hin taanef otobisiin kuni Alii Doroo kan dhaqqabe ganama naannawa sa'aatii 3:00'tti akka ta'e himu.

Yeroo konkolaataan kuni achi gahe haleellaa hidhattoonni bananiin gommaafi foddaan isaa rukutamuu ibsan.

Haleellaa kanaanis imaltoonni muraasni jedhan miidhaan akka irra gahe dubbataniiru.

Kanneen rasaasni dhahee miidhaman ''sadiifi afur'' ni ta'u jedhan.

Obbo Ayikfaaw, hidhattoonni namoota ugguraman keessaa dubartoota deebisuun ''dhiirota afur adda baasanii'' fudhachuu isaanii dubbatan.

Yeroo hidhattoonni haleellaa banan imaltoonni rifatanii ''kaan fiiganiifi miliqan'' akka jiranis himani.

Yeroo kanatti konkolaattonni duubaan turan yaaddoorraa kan ka'e gara Fiichee deebi'uu isaaniis dubbatan.

Erga haleellaan raawwate booda humnoonni nageenya bakkicha waan dhaqqabaniif haalli tasgabbaa'uufi imalli danqamee ture itti fufuu dubbatani.

Kanneen yeroo haleellaan raawwate miliqanii turaniifi kanneen uggurarraa gadhiifaman biroo konkolaataa biraan gara Dabra Maarqos akka gaggeessan himani.

Hojii gaggeessaan kuni imaltoota konkolaataa biraan yeroo gaggeessan namoonni afur achi buuteen dhabamuu isaanii mirkaneessuu dubbatan.

''Konkolaataan keenya [Tiraanispoortiii FM] kan geesse jiru. Kanaaf kan hafanis, kan hanqatanis namoota afuridha,'' jechuun ibsu.

Namoonni afur ugguramuu isaanii akkamiin mirkaneessan?

Obbo Ayikfaaw ''Gara maatii isaanii bilbilameera. Sirriin eessa jiru kan jedhu garuu hin beeknu,'' jechuun deebisan.

Imaltoonni afur harkaafi miilla isaaniirratti miidhaan hamaa hin taane irra gahe ''konkolaataa duubarra tureen gara Dabra Maarqos deemaniiru,'' jechuun himan.

Haleellaa kana abbaa raawwate gaafatamanii odeeffannoo akka hin qabne dubbatan. ''Humnoota hin beekamneen raawwachuu isaati beekna,'' jedhan.

Godina Shawaa Kaabaa bakka Ali Doroo jedhamee beekamu kanatti haleellaan imaltootarra irra deddeebiin gaha.

Imaltoonnis kana dura ugguramanii beeku. Kanaafis, hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu himatamu.

Hidhattoonni kunimmoo waan akkanaa keessa qooda hin qabnu jechuun kana dura yeroo BBC'n gaafate waakkataniiru.

Konkolaattota toora kanarra imalan nageenya isaanii eeguuf humnoota nageenyaan ajjabamu turan jedhu nami kuni.

Amma garuu 'haalli tasgaabbaa'eera' jedhamee hafuu isaa himu.

Waggaa dabe baatii Hagayya keessa konkolaataan dhaabbata isaanii gara Dabra Maarqos imalu ugguramee akka ture Obbo Ayikfaaw yaadatu.

Imaltoonni ugguramuu isaaniirratti ammatti gama humnoota nageenyaa wanti jedhame hin jiru.

Daandiin Finfinneedhaa ka'ee gara Shawaa Kaabaa imalu gara Naannoo Amaaraafi Tigraayittis baasa.

Irra deddeebiin uggura raawwatu kana dura Ameerikaan akka dhaabatu gaafatteetti.

Ummati Godina Shawaa Kaabaallee hiriira bahuun nagaan akka bu'u gaafatee ture.