Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oromiyaafi Amaaratti namoota nagaa butanii qarshii gaafatuun akka dhaabatu Ameerikaan gaafatte
Itoophiyaa keessatti maallaqa argachuuf jecha namoota nagaa fi barattoota butuun akka dhaabatu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Hervin Maasingaa waamicha taasisan.
Dubbiin dippilomatii olaanaa US kuni kan dhagahame erga Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti barattoonni 100 ol butamuun isaanii gabaafame boodadha.
Waggoota muraasa darban eegalee keessumaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti namoota ugguranii qarshii gaafatuun hawaasatti yaaddoo uumeera.
Ambaasaaddarri US gama toora miidiyaa hawaasummaa embasii Ameerikaa Itoophiyaatti argamun dabarsaniin torban darbe barattoonni fi imaltoonni 100 ol maallaqa argachuuf jecha butamuu isaanii ibsaniiru.
‘’Kan tibbanaa fi irra deddeebiin Oromiyaafi Amaaraa keessatti nama butuun walitti bu’iinsi yakkamtootatti humna akka horuufi olaantummaa seeraa akka laaffisu agarsiisa.
‘’Lammiilee nagaafi barattoota maallaqaaf jecha butuun dhaabachuu qaba,’’ jedhan.
Magaalaa Finfinneefi Naannoo Tigraay dabalatee namoota ugguranii qarshii gaafatuun lubbuu lammiilees balaarra buuseera.
Baatii darbe shamarreen ol adeemtuu Tigraayitti butamtee qarshiin miiliyoona sadii itti gaafatamte ajjeefamtee akka argamte poolisiin beeksiseera.
Gabra Gurraachatti maaltu ta'e?
Torban darbe imaltoonni Naannoo Amaaraa magaalaa Dabaarq fi Baahirdaarii ka'un imalaa turan Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti ALI Waxabajjii 25,2016 kan hidhattootaan ugguraman.
Bakki namoonni kuni butaman magaalaa Finfinneerraa 155km argamtuufi naannawa magaalaa Gabra Gurraachaa ta’u BBC’n kanneen ijaan arganiifi maatii namoota butamaniirraa odeeffateera.
Kanneen butaman qarshii guddaa gaafatamuu kanneen BBC'n dubbise himaniiru.
Dhimma kanarratti gama mootummaa Naannoo Oromiyaarraas ta’e federaalaa wanti ammatti jedhame hin jiru.
Sababa namoota ugguruun Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti dhaqqabuun maatiin namoota jalaa butaman gadhiisisuuf maallaqa guddaa gaafatamu.
Warra ugguraniif kanfaluuf maatiin kadhaaf daandirra bahuullee akka gahan kana dura mul'ateera.
Kaan kanfalanii yoo gadhiisisan, kan kanfaluu hin dandeenye ajjeefamuu hanga achi buuteen isaanii dhabamuutti gahullee mudatee akka beeku maatiin dubbatu.
Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti humnoonni mootummaa hidhattoota waliin lola keessa akka jiran ni beekama.
Hidhattooti namoota butuun irra deddeebiin himatamu, isaan garuu ni waakkatu.