Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Lubbuu ilma koo birrii miiliyoona tokkoonin oolche' - Abbaa ilma isaanii namoota butan harkaa baafatan
Barsiisaa Annileey Makuriyaa barkurnee afuriif barsiisummaan nama tajaajilaa turan yoo ta'an, umrii isaanii keessatti qormaatni birri miiliyoona tokko gaafatu isaan mudate hin beeku.
Barkurneewwan afur barsiisummaan tajaajilan kan eegalan miindaa dhibbaan lakkaahamu irraayi.
Baroota kana mara garuu miindaan isaanii harka isaan gahu osoo ida'amee miiliyoona tokko gahuun isaas ni shakkisiisa.
Ji'a Waxabajjii bara kanaatti garuu haala hin eegneen lubbuu ilma isaanii hangafaa baraaruuf birrii miiliyoon tokko gaafatamanii, bara dullumaa isaaniitti idaa keessaa hin baane keessa galaniiru.
Barsiisaa Annilley naannoo Amaaraa Godina Gojjam Bahaa, magaalaa Amaanu'eel keessa jiraatu.
''Lubbuu ilmakootii birrii miiliyoona tokkoon buttootarraa oolfadheeraa'' jedhu.
Hidhattootaan butamuu
Itoophiyaa bakka adda addaatti hidhattootaan butamuun namaa baratamaa dhufeera.
Magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa KM hedduu osoo hin fagaatiin hidhattootni nama butanii gadhiisuuf maallaqa kumota dhibba hedduu fi miiliyoonota gaafachaa jiraachuun isaanii irra deddeebiin dhagaahamaa jira.
Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Sadeen Sooddoo keessatti bulchaa aanichaa namni ta'an torban lama dura hidhattootaan butamanii, gadhiisisuuf maallaqa miiliyoona 10 gaafatamuu gabaasnee ture.
Naannoo Amaaraa keessas gochi kun bal'inaan adeemaa jira.
Ilmi barsiisaa Annilley, Abrahaam nama maatii qabuufi konkolaachisummaan jireenya gaggeeffatudha.
Wantoota adda addaa fe'uun Finfinnee fi Gojjam gidduu yoo xiqqaate waggoota 10'f osoo deddeebi'uuti ALI Waxabajjii 10/2015 harka hidhattootaa kan bu'e.
Guyyaa kana Abrahaam magaala itti dhalate Amaanu'eel irraa fe'isa qabatee ka'ee magaalaa Fichee erga bulee booda, ganama sa'aa 12'n ka'ee imala itti fufe.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fichee irraa xiqquma akka imaleen, naannoo Alidooroo jedhamutti inniifi hiriyyoonni isaa waan hin eegne isaan mudate.
Hidhattootni konkolaattota 30 ol dhaabsisanii sakattaa gochaa jiru.
Maallaqa kiisaa qabaniifi bilbila harkaa(mobaayilaa) harkaa fudhatan. Hedduun isaanii saamichuma kanaan akka darban abdatan.
Hidhattootni garuu konkolaachiftootaafi gargaartota isaanii humnaan fudhatanii bosonatti deebi'an.
Barbaacha maallaqaa
Finfinneerraa fageenya km 160 lafa argamutti humnaan butamuu konkolaaachiftootaafi gargaartota isaanii hedduuf qaamni gaafatama fudhate hin jiru.
Abrahaam akkuma butameen carraa bilbiluu argateen bilbilee kan inni dubbise abbaa konkolaataa inni oofuuti.
Bilbilee hidhattootaan butamuu, isa gadhiisuuf birrii miiliyona tokko gaafatamuu fi konklaaticha iddoodhuma dhaabanii akka fudhatu itti hime.
Abbaan Abrahaam, barsiisaa Annilley hidhattootaan butamuu ilma isaanii kan dhagahan qaama sadaffaa irraayi. Bilbilaan isa dubbisuufis hiree hin arganne.
Barsiisaan bara kana sooroma bahan kun birrii miiliyoona tokko qabaachuu haa hafuutii ofii jiraachuufuu ilma isaanii amma butame irraa deeggarsa akka eegan dubbatu.
Ilmi isaanii butamee guyyaa lama booda ALI Waxabajjii 12/2015 bilbilli itti bilbilame, ilma isaaniis dubbisan.
Bilbila kana booda hanga Kibxataatti waanin godhu wallaaleen waaqa ilaalaa yaadan badee'' kan jedhan barsiisaan ku, san booda ollaan yaa'ee kan qabu maallaqaan jajjabeessee kaanis warra liqeessitoota barbaaduutti fiiguu akka eegale dubbatu.
Ilma isaanii abbaa mucaa tokko ta'e kana lubbuun isaa birrii miliyoona tokkoon hin madaalu jedhanii idaa keessa galan.
Magaalaa Amaanu'eel keessaa namootni harka hidhattootaa bu'anii maallaqa gaafataman Abrahaam waliin torba ta'u. Magaalittiinis dhiphina keessa galteetti.
Namootni warri kaan qarshii 500,000 gaafataman, kaanis miiliyoona tokko.
Maatiin gariin dhiphinaa fi harka qallina irraa kan ka'e daandiitti bahanii naxalaa lafa afanii deeggarsa kadhachuufuu dirqaman.
Qaamoleen seeraa gidduu galuu dura namootni maallaqa jedhaman kaffalan nama jalaa butame gadhiisifachuu danda'uu kan dhagahan barsiisaa Annilleey, guyyoota dheeraaf turuurra, jedhanii harka firaafi ollaa isaanii ilaaluutti galan.
''Ollaan koo ilmoorra wanti caalu hin jiru jedhanii 'manakees ta'u gurgurtee kaffalta jedhanii hanga kamisaatti qarshii 900,000 sassaabanii naa fidan'' jedhu.
Qormaatni kan biraan barsiisaa Annilley maallaqa kana akkamiin hidhattootaan biraan gaha kan jedhuudha.
Hidhattootni maallaqa gaafatan irraa akka cabsaniif irra deddeebiin gaaffiin dhiyeessan fudhatama hin arganne. Maallaqa sasssaabuuf yeroo akka dabalaniif gaafataniis hin milkoofne.
Kadhaan barsiisaa kanaa inni dhumaa maallaqicha karaa baankii akka harkaa fuudhan ture. kunis ciruma waan hin taane ta'e.
Maallaqicha harkaaf harkatti fudhachuu akka barbaadan itti himan. Bakki maallaqicha harkaa fuudhanis bakka Abrahaam itti qabamerraa xiqqo fagaatee Garba Gurraachatti akka ta'u itti himan.
Miiliyoona tokko zambiilaan
Filannoo kan hin arganne barsiisaa Annilley qarshii miiliyoona tokko baatanii gara Garba Gurraachatti imalan.
Ilmi koo butamee torban tokkotti, guyyaa Sanbata xiqqaa, miiliyoona tokko zambiila keessa kaaheen naannoon hin beeknetti baadhee deeme.''
Bariisaan kun magaala Garba Gurraachaa yero gahan nama afaan hiikuuf qacaratanii magaalittii irraa km 7 maallaqicha baatanii imalan. Nama buteef yeroo bilbilan namichi achitti isaan eege qarshicha akka fudhatu itti himame.
Yeroo kanas abaan ilmi isaanii garam akka jiru hin beekan. Kan abdii godhatan akkuma maallaqicha kennaniin ilmi isaanii naannoo sanii akka isaan bira gahu ture.
''Maallaqicha hiiknee, agarsiisnee itti kennine. Maallaqichi turtii sa'aa torbaa booda harka warra butee gaha.
Achii maallaqichi lakkaawamee guutuu ta'uun erga mirkanaa'ee bulee sitti himama jedhanii na gaggeessan'' jedhu.
Warri bute kun maallaqa gaafatan dafanii harka galfachuuf maatiitti bilbilanii 'yeroo isinii guutu nuu bilbilaa ittiin jedhu''
Barsiisaa Annilleey gara magaalaa Fiichee deebi'anii halkan hunda caala isa dheeraa ittiin jedhan dhiphinaan dabarsan.
''Bilbilanii hanga natti himanitti mana siree taa'een boohaa ture. Nyaata osoo hin nyaatiin hanga halkan sa'aa 8 tureera'' jedhan.
Bulee ilmi isaanii guyyaa itti gadhiifamudha. Guyyaa keessa ilmi isaanii isaan bira gahe..
''Ilmi koo lubbuu isaaf birrii miiliyoona tokko itti baaseen, daandii dheeraa waan imaleef kopheen isaa citee, miilli isaa dhiitayee na bira yoo gahu imimmaan koo qabachuun dadhabe. Hamma biyyatti raajii ta'utti hirqinfadheen boohe.''
Ilmi barsiisaa kanaa haa ooluyyuu malee kanneen maallaqa gaafataman kennuu hin dandeenye hireen isaanii nama jaalatan maallaqaaf jecha dhabuu ta'a.
Rakkoon kun furmaata argata moo itti fufa?
Mootummaan yakka akkaan dabalaa jiru kana yoom to'ata?