Yaaddoo ugguranii qarshii gaafatuun bakkee Itoophiyaa garagaraatti uume

Taateewwan butamuu waggoota muraasa darban keessa naannoolee Itoophiyaa garaa garaa keessatti mudatan ijoo dubbii miidiyaaleefi ummataa kanneen ta’an keessaayi.

Taateen butamuu duraan darbe darbee eddoowwan garaa garaatti mudataa turan amma bifa jijjirrachuun iddoowwan biyyattii garagaraatti mudachaa akka jiran ni dhagahama.

Hojjattoota manaatii kaasee hanga namoota hidhataniitti gochaa maallaqaaf jecha namoota ukkaamsuu yookiin ugguruu raawwatamaa jira. Kunis namoota hedduu rakkoolee hawaasummaafi diinagdeetiif saaxileera.

Namoota ukkaafamanii butaman gadhiisisuuf birri kumoota dhibbaa hanga miiliyoonotaatu gaafatamaa jira.

Gabaasa kana keessattis nageenya namoota seenaa isaanii nutti himaniif jecha wantoota eenyummaa isaanii mul’isan geeddarree jirra. Dhiyaadhaa.

Seenaa jalqabaa- Magaalaa

Namni seenaa isaanii BBC'f qoodan osoo hin ukkaamfamiin dura lakkoofsa bilbilaa hin beekneen itti bilbilamuu himu.

Achiinis ''birrii kuma 200'' fidi jedhamee ajajni kennameef. Qoosaa natti fakkata jedhan. Nama inni hin beekneetu bilbilee birrii kuma 200 qopheessi jedhaman.

Isa: Attamiinan siiniif kennarre birricha? [qoosaa ture isaaf]

Isaan: Ati callisiituma birricha qopheessi attamiin akka si harkaa fuunu nutuu beekna. [Dhugaasaanii ture]

Kanaan dura daa’imti ukkaamfamuu akkasumas dargaggeessi tokko ukkaamfamee maallaqa kanfalee akka gadi dhiifame dhagaheera.

Namoonni tokko tokkoos dargaggoon sun maallaqa harkasaa ture balleessuun qaamolee nama ukkaamsaniitti qabate jechaa turan. Haala akkasiitu akka of dagatu isa taasise.

Jarreen bilbilaafii turanis guyyaa shan kennaniif. Inni garuu qoosaa waan itti fakkaateef irraanfateera.

Jarri maallaqa gaafatan odeeffannoo gahaa qabu ture. Madda galiisaa sirriitti beeku turan.

Haata’u malee, namni maallaqa gaafatame waa’ee isaanii homaayyuu hin beeku ture.

Guyyaa jahaffaan qorraafi dummeessaan bari’ee ture jedha. Sababii kanaatiinis namoota dhimma hin hafneef qaban malee namni baay'een daandii gubbaatti hin mul'atu ture.

Innis akkuma manasaatii bahee tarkaanfii muraasa imaleen konkolaataan ambulaansii fakkaattu tokko dhuftee isa bira dhaabatte.

Namoonni saffiisaan keessa bu’uudhaan ‘dhiifama dhiifama’ jechaa karaa karra duubaatiin konkolaataa sana keessa isa galchan. Wayita kun ta’uttis kan isaan arge homtuu hin turre.

Innis ‘na buusaa na buusaa malee’ jechuun wixxiffachuuf yaale. Booda garuu waan ukkaamsaniif wiixxiffachuu dhaabe.

Karaa namasaatii darbanii yoo isaan deeman ni yaadata. Booda garuu of wallaale. Wayita of baruutti ammoo eessa akka jiru hin beeku ture.

Haala qilleensaa qorraa duraa sana osoo hin taane qilleensa ho’aa keessatti of arge. Achiinis mana qorqorroo keessatti itti cufame.

Sagalee simbiraafi fageenyarraa kan bataskaanaa malee homaa itti hin dhagahamu ture.

Guyyaa jalqabaa ATM kaardii isaa fudhatan. Password isaa ammoo waraqaa irratti barreessisan. Furtuuwwan manaa fi kan konkolaataasaas harkaa fudhatan.

Guyyaa jalqabaa maallaqa mana keessa tureefi karaa ATM’n fudhatan. Kanaanis maallaqa gaafatan kuma 200 guttachuuf waan muraasa qofatu isaan hafe ture.

Jarri: Maallaqa hafe nuuf kanfali.

Innis: Gadi na dhiisaatii isiniifan kanfala.

Haata’u malee, birrii hafeef jecha achuma akka turuuf dirqisiisan.

Namoota jalqaba konkolaataa ambulaansii fakkaattuun isa fudhanii deeman keessa nama tokko qofaatu meeshaa qabate isa eega ture.

‘‘Osoon amma fulasaanii argee adda baasuu nan danda’a. Eenyuma isaaniituu kana dura argee kanan beeku miti,’’ jedha.

Darbee darbees waliin haasa’aa turan. Iddoowwan tokko tokkoorratti attamiin saamichi akka raawwatamu gaaffii dhiyeessaniif turan.

Namoota isa ukkaamsan kanneen waliin wayita tureetti, sababni paartii siyaasaa ykn humnoota hidhattootaa waliin hidhata qabu jechisiisu homaa hin arganne.

Namoonni tokko tokkoos afaan isaan dubbatan irraa ka’uun akkasiifi akkana jechuuf yaalan illeen garuu, inni kanarraa of qusata.

Jarri isa butaniis ta’e namni butame kun Afaan Oromoofi Amaaraa ni dubbatu.

‘‘Ati kanadha ykn sanadha wanti naan jedhan homtuu hin turre. Kallattiidhumaan waa’ee birrii na gaafatan.

''Dhimmisaan kan maallaqaan wal qabateedha. Gonkumaa kan siyaasaan wal qabate miti. Gaaffiin isaanii maallaqaafi maallaqa qofaa ture,‘‘ jechuun ibsa.

Poolisoonniifi itti gaafatamtoonni bilbilaafii turan. Dhumarrattis fuulasaa haguuguudhaan seensa magaalaa biraa irratti gatanii biraa deeman.

Yeroo isa gadhiisaniittis dhiignisaa baay'ee gadi bu’ee ture. Guyyoota kudhan tursiisan guutuu daabboofi muuzii qofaa kennuuf turan.

Bishaan kan argatees guyyoota muraasaaf qofa ture. Sababii kanaatiin dhiigniisaa baay'ee gadi bu’ee ture.

Haala akkasiitiin dadhabuulleen battalumatti qaama dhimmisaa ilaallatuutti gabaasa gochuuf hin nuffinee ture.

Erga ukkaamsamee fudhatameen booda wanti baay'een dhagahameera. Kaan ukkaamfameeti yoo jedhan kan biraa ammoo laga keessa fa’i barbaadanii turan.

Wayita inni buufata poolisii qaqqabuuttis namoonni baay'een sababii isaatiin hidhamaniiru.

Ukkaamfamee jira yoo ta’e jedhamuun namoota isa waliin walitti dhufeenya qabaniitu to'atamee ture.

Kanneen isa ugguranii turan garuu yeroo isa gadi lakkisan odeeffannoo akka hin kennineef akeekkachiisanii ture.

Irra deebiin yoo isa argatan akka ajjeesan itti himaniiru. “Ana qofaa akeekkachiisan. Kan dubbataniis waa’ee maallaqaa qofaadha. Eessayyuu taatu ni dhufna naan jedhaniiru,‘‘ jedha.

Sababii kanaatiin guyyaa itti gadhiifamee kaasee of eeggannoodhaan socho’a.

Ammattis osoo kanaafi sana hin jennee magaalicha gadhiisee baheera.

Magaalaa sanarra namoonni isa beekan yoo bilbilaniifis bilbilasaanii hin kaasuuf. Bilbila hin beekne hin kaasu. Dhiibbaan qor-qalbii olaanaan irra gahu hime.

Seenaa lammataa- Baadiyyaa

Jiraataa Shawaa Lixaa kan ta’an Obbo Caalii Waaqiwayyaa abbaa ijoollee 10ti. Obboo Caaliinis bakka jireenyaa isaanii irraa baqachuun magaalaa xiqqoo keessatti argaman irraa BBC'tti dubbatan.

Mudannoo kunis kan isaan mudate galgala keessa. Nagaan na bulchi jedhanii bakka gara ciisichaa deemaniitti hidhattoonni mana isaanii dhaqan.

Isaaniis ulee argataniin ofiifi maatii isaanii ittisuuf yaalan. Haata’u malee, “jarreen“ meeshaa waraanaa hidhatanii waan turaniif ofirraa ittisuu hin dandeenye.

“Isaaniis miseensota waraana Bilisummaa Oromooti naan jedhan. Shurruubbee qabu. Shiftoota naannichaatiin adda.

''Isaan keessaa tokko qofti shugguxii kan qabate yoo ta’u, jahan isaanii kilaashinkoov hidhataniiru. Sababii kanaatiinan akka (waraana bilisummaa oromoo) ta’usaanii bare,‘‘ jechuun BBCtti himan.

Itti aansee maallaqa fidi jechuun gaafatan. “Birrii kuma 100 fidi naan jedhan. Maallaqa hanga kanaa hin qabu jedheen.

''Yoo kaffaluu baatte mataakee sirraa facaafna naan jedhan‘‘ jechuun haala ture yaadatu.

Hidhattoonni kunneenis Obbo Caaliidhaan miliishaa turte. Dargaggoota naannichaa darartee jirta jechuun himannaa irratti dhiyeessanis “Ani garuu kana hin raawwanne jechuunan itti hime‘‘ jedhu.

Maatii baay'ee akka qabaniifi nama maatii isaanii deeggaru akka hin qabne irra deddeebiin itti himuun kadhatan. Haata’u malee, jarreen kunneenis namoota gara biraa 10 waliin isaan fudhanii naannichaa badan.

Hidhattoonni kunneen maallaqa gaafatan yoo hin kanfalamneef akka ajjeesan irra deddeebiin doorsiisuu eegalan. Ergaan maatii isaanii qaqqabnaan maatiin maallaqa walitti qabuu eegale.

Haatii warraa Obbo Caalii dhukkubsattuu yoo taatu, abbaa warraa ishee oolchuuf jecha ollaafi fira irraa maallaqa walitti qabuu eegalte. Birrii kumni 100 jedhame sun garuu hin guutamiin hafe.

Jalqabarratti kuma 75 walitti qabu dandeessuulleen, hidhattoonni maallaqni gaafatan guutamuuf malee hin fudhannu waan jedhaniif, lafa isaanii walakkaa kireessuu kaan ammoo gurguruuf dirqaman.

Maallqni gaafatame gutamnaaniif Obbo Caaliinis gadhiifamanii gara manasaaniitti deebii’an.

“Namoonni kunneenis ati Oromoodha ykn Amaara hin jedhan, hunduma ukkaamsu‘‘ jedhan Obbo Caaliin. Hangi maallaqa gaafatanii garaa gara haa ta’u malee jiraattoota naannichaa ukkamsuun akka kanfalchiisan dubbatu.

Obbo Caaliin gara qe’eesaaniitti deebi’anilleen rakkinicha kan sanaan dhaabbatu hin taane.

Hidhattoonni erga maallaqicha fudhatanii booda, naannichaa namoota 11 qabuun akka ajjeesan himuun, “Anis lubbuukoof waanan sodaadheef maatiikoo qabadhee gara magaalaatti baqadhe,‘‘ jedhan.

Sababii mudannoo isaan irra qaqqabeetiin qotiyyoo fi lafa qotisaa isaanii walakkaa gurguruun, walakkaa isaa ammoo kireessuuf dirqamuun akkasumas dhumarrattis mana isaanii keessaa akka baqatan dirqamuu himu.

Hidhattoonni itti bilbiluun akka isaan ajjeesan waan itti dhaadataniif ammalleen nageenyi akka itti dhagahamaa hin jirre dubbatu.

Dhiheenya kana ammoo mana isaanii cufanii bahan gubachuu BBC'tti himan.

‘‘Ammattis ijoolleen waan uffatan dhabanii beelaan rakkoo cimaarratti argamu,'' kan jedhan Obbo Caaliin, “maatiinkoo mana namaa keessa qullaa jiraatu’‘ jechuun dubbatan.

Poolisiin maal jedha?

Gochaan ukkamsuu yeroodhaa gara yerootti baaddiyaarraa gara magaalaatti hundeesaa babal’ifataa dhufe kuni bakkee hundattuu madda yaaddoo ummataa ta’eera.

Mootummaan federaalaafi bulchiinsootni naannoolee taateen kun keessatti mudataa jirus hanga ammaa dhimma kanarratti yoo dubbatan baay'ee hin dhagahamu.

Kanaafu maatiin firrii jalaa ukkaamfamu filmaanni qaban haala danda’aniiifi liqaa seenuudhaan maallaqa ukkaamsitooti gaafatan kanfaluun gadi dhiisisuutti jiru.

BBCn taateewwan kanneen ilaalchisuun Komishinii Poolisii Federaalaatti Daareektara Komunikeeshinii kan ta’an Obbo Jaayilaan Abdii gaafatee ture.

Obbo Jeeyilaanis dhimmi kun of eeggannoo akka barbaachisu ibsuudhaan, “fakkeenyaa WBO Shaneen yeroo darbe gochaa kana raawwateera.

''Konkolaachiftoota ukkaamsee ture. Rakkoolee haala adda addaatiin raawwatamu malan ni jiraatu,‘‘ jedhan.

Waa’ee konkolaachiftoota ukkaamfamanii ilaalchisuun BBC'n abbaa konkolaachisaa tokkoo dubbisuun isaa ni yaadatama.

Itti dabalunis “Shiftoonni kunneenis kan raayyaa ykn poolisii waliin kallattiin walitti dhukaasan miti.

''Kan dhokachuun ummatarratti rakkoo uumaniidha. Kana ittisuu kan dandeenyu ummata waliin ta’udhaan. Poolisiin qofaasa hunda hin danda’u,‘‘ jedhan.

Haata’u malee, gochaan namoota ukkaamsuu kun baay'ateera jedhu ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.

“Odeeffannoowwan yeroo yerootti poolisii dhaqqaban jiru. Kan bara darbeerra dabalee ykn hin daballe kan jedhu yoo ilaalluutti, akka dabalee wanti hubanne hin jiru.

''Namni tilmaamaan yakki dabaleera jechu danda’a. Haala biyyattii walii galaatiin yoo ilaalamu garuu yakkii hirataa dhufaa jira. Sadarkaa biyyaatti haala fooyya’aatu umamaa jira,‘‘ jedhan.

Kanaafuu taateewwan ukkaamfamuu yeroo gara yerootti dhagahaa jirruufi kanfaltiin maallaqaa kun bal’inaan naannolee kam fa’i keessatti mudataa jira? jechuun gaaffii dhiyaassineef.

“Naannoo kana keessatti dabaleera ykn achitti hir’ateera kan jedhu hin qoratamne.

''Waliigalatti garuu yaada gochaan ukkaamsuu dabaleera kan jedhu hin qabu.

''Xinxalli odeeffannoo nu qaqqabu qabaata. Sadarkaa sanarra gahuudhaaf ganaa gabaasni qophaa’aa jira,‘‘ jedhan.

“Haata’u malee daandii Wallaggaa kan Shaneen keessa socha’utti yaaddoo jiru ummanni ni beeka.

''Kanaafu namoonni yoo socha’an callisanii deemuun dura qaamolee nageenyaa irraa odeeffannoo argachu qabaatu.

''Keessattuu naannolee Shaneen keessa socha’aniitti callisanii socha’uun balaadhaaf isaan saaxilu danda’a,‘‘ jechuun BBCtti himan.

Hidhattoonni WBO kan mootummaan Shanee jedhu badi kana keessa qooda fudhachuun hawaasaan himatamu.

Gareen kuni garuu 'kanneen kana raawwatan miseensa kiyya miti' jechuun irra deddeebiin ni waakkata.

Mootummaan dirqama nageenya lammiilee tiksuu akka qabu heerri Itoophiyaa lafa kaa'a. Haa ta'u malee, poolisiin irratti komiiwwan ni ka'u.

Obbo Jeyilaan “Taateewwan lamaafi sadii eeruudhaan waliigalatti nageenyi hin jiru jechuun hin danda’amu.

''Poolisiin halkanii guyyaa socho’a. Biyya nagaadha jedhamu kamuu keessattis yakki ni raawwatama,‘‘ jechuun, rakkoon mudataa jiru kan to’annoon ala bahe akka hin taane dubbatan.

“Biyyoota guddatan jedhaman keessatti yakkawwan gosa meeqatuu raawwatama. Garuu nagaadha jedhama,‘‘ jechuun deebii kennan.