Walitti bu'iinsaa fi haleellaawwan Itoophiyaatti mudatuu itti fufaniif sababoonni ijoo maali?

Waggoottan darban shanan keessa iddoowwan Itoophiyaa garaa garaatti walitti bu’iinsi, ajjeechaafi buqqaatiin irra deddeebbiin mudataa jiru.

Dhiheenyas waraanni kaaba biyyattii wagga lamaaf ture erga karaa mariitiin furameen boodas, naannoolee biraa keessatti walitti bu’insii bifa jijjiirratan mudachuun ni dhagahama.

Waliitti bu’insaafi halleellaawwan kanneeniifis sababoota adda addaa kennamu.

Iddoowwan tokko tokkootti gareewwan garaa garummaa enyummaa qaban sababii wal dhabdee xiqqootiin gara walitti bu’iinsaatti yoo seenan, bakkee biraatti ammo dhimmoota siyaasaa fi bulchinsaatiin walitti bu’iinsi uumama.

Tasgabbiin uumameera yoo jedhamu ammo, dhimma seera kabachiisuufi hidhannoo hikkachiisuutiin walitti bu’iinsi iddo biraatti uumama.

Sababii walitti bu’insa waggoottan darban keessa turaniitiinis badiinsi lubbuu lammiilee, miidhaan qaamaa, buqqaatii fi qabeenyi barbadaa'e yaaddoo uumeera.

Daarektarri Olaanaan Jiddugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Obbo Yaareedi Haayilamaariyaam, bifti sababii walitti bu’iinsa kanneenii baay'eedha jedhu.

Dhaabbilee fi qaamoolee mootummaa dabalatee hojiiwwan dogongora jedhaniin raawwatamu kaasu.

Eenyummaa sabaa guddiisanii ilaaluurra kan darbe yeroo tokko tokkoos qaama imaammatasaanii taasisuu himu.

‘‘Heera mootummaa ka’umsa taasifachuun, sirna siyaasaa garaagarummaa guddisuutu jira.

''Haalli ijaarsa caasaa siyaasaa kan tokkummaa, walitti dhufeenya hawaasummaa fidu osoo hin taane, garaagarummaa jiddugala kan taasifatedha,’’ jedhu.

Namoonni siyaasaa tokko tokkoos galma mataasaaniif jecha seenaa dogongoraa akka dhugaatti dhiyeessuun, yeroo kaan ammo dogongorawwan seenaa xixiqqaa guddisanii dhiyeessuun jiraachuu kaasu.

Dogongorawwan seenaadhaan barraa’aniitti fayyadamuun kaan akka diinaatti lakkaa’uun bu’aa siyaasaa hawaasa kan kooti jedhanii argachuun kan barameedha jedhu.

Adeemsi kunis waggoota 30 ta’uuf gangalachaa dhufee amma haalawwan hawaasicha waliitti hidhaa turan diiguun, miirri wal dandeettii, waliif yaaduu fi tokkummaa akka xiqqaatu taasisuu dubbatu Obbo Yaaredi.

Landaniitti Mana Barnootaa Saayinsii Siyaasaa fi Diinagdee keessatti qorataa kan ta’an Dr Mabiraatu Kallachaa ammo, walitti bu’insii akka cimuuf dorgommii siyaasaa fi aangoo sababii gara biraa ta’u himu.

Garaagarummaan sabaa fi amantaa yeroo tokko tokko sababii walitti bu’insaa ta’u kaasu.

Tasgabbii dhabiinsi Gaanfa Afrikaa keessa jiru daangaa qaxxaamuruudhaan yeroo itti madda walitti bu’iinsa biyyattii itti ta’u jiraachus eeraniiru.

Daandiin biyyattiin waggoota darban kudhaniif hordoftes madda ‘‘walitti bu’insaa ta’aa dhufeera’’ kan jedhan ammo Yunivarsitii Finfinneetti PHD isaanii qorataa kan jiraniifi Yunvarsitii Wallootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Walitti Dhufeenya Idil-addunyaa kan ta’an, Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis Hayiluuti.

Biyyattii waliigalteerratti ijaaruuf yaalamuu dhabuun, gareewwan siyaasaa adda addaa akka uumamaniif sababa ta’usaatiin alatti, waggoota shan ykn kudhaniin waraanni, walitti bu’iinsi fi hookkorri akka ka’uuf daandii saaquu kaasu.

Rakkoon diinagdeetiis dhimma ka’u qabuudha jedhu hayyuun kuni.

Diinagdeen biyyattii dorgaggootaaf sababii hojii gahaa hin umneefu gara sochii qabsoo hidhannootti akka caalsifataniif sababii ta’eera.

Lakkoofsa ummataa keessaa lakkoofsaan wayyaba kan ta'an dargaggoonni dhaabbiilee barnoota olaanoorraa eebbifamuun carraa hojii waan hin arganneef, kallattiin walitti bu’iinsa keessatti hirmaataa jiraachuu kaasu.

Itoophiyaa keessatti gama diinagdeetiin sirni lammiilee biyyattii fayyadamoo taasisuu hin ijaaramnes jedhu.

''Dur dargaggoonni hojii yoo dhaban poolisii ta’u, amma garuu poolisii waliin walitti bu’u.

''Gaaffilee mirgaa tokko tokko qabaatan illeen dhimmi dinagdee walitti bu’iinsa kakaasa jedheen amana.

''Haala salphaatiin gochaawwan walitti bu’insaaf madda ta’an keessatti hirmaatu,’’ jedhu.

Mootummaan maaliif walitti bu’insa to’achu dadhabe?

Mootummaan walitti bu’insa to’achuudhaaf gama humna namaatiin rakkoo akka hin qabne kaasu Obbo Yaareed.

Raayyaa bobbaasuun waraanaa keessa galu akka danda’uufi yeroo gara yerootti looltoota hedduu eebbisiisaa jiraachu hubannoo keessa galchuudhaan, gama humna namaatiin wal qabateen ‘‘rakkoon kan jiru natti hin fakkaatu’’ jedhu.

Haata’u malee hanqinni dandeessii hoggansa siyaasaa ifatti akka mul’atu kaasu. ‘‘Rakkoolee jiran haala salphaan to’achuu, hojimaatawwan balaa agarsiisaniitti fayydamuun yeroon deebii kennuu fi rakkoon hoggansa siyaasaa jiraachuun ifatti mul’ata. Kanaanis dandeettii jechuu dandeenya.’’

Caasaan siyaasaa bal’aan jiraachu akka sababaatti dhiyeessu.

Caasicha keessatti ammo sirna duraa irraa gangalachaa rakkoon dhufe, wal hubannaa dhabiinsa (mootummaan federaalaa kan raawwatu kan naannoo yoo cabsu argama), naannoolee jiduutti dorgommiifi wal qoolleeffannaan jiraachun dhimmichi caalaa akka cimu taasiseera jedhan.

Akka Obbo Yaareediitti, ‘‘yeroo tokko tokkoo rakkoolee mudataniif mootummaadhaan beekamtiin hin kennamuuf. Fakkeenyaaf dhiheenya konkolaachiftoonni gara 50 ta’an daandiirratti ukkaamfamaniiru. Garuu qaamni mootummaa kamu homaa hin jenne. Kun baayyee rakkoodha. Miseensi dhaabbata mootummaa kamu yoo waa’ee isaa dubbatu hin mul’atu. Kanaafu rakkooleef beekkamtii barbaachisu kennuu dhabuun sirriitti mul’ata.’’

Gargaaraa Pro. Shimallis mootummaan walitti bu’insa dhaabuuf dandeettii dhabeetii gaaffii jedhu deebiisuuf qorannoo dabalataatu barbaachisa jedhu.

Rakkoolee nageenyaafi walitti bu’insa Itoophiyaa keessaa furuurratti, ‘‘sagantaa paartii Badhaadhinaa keessatti waliigalteen biyya ittiin bulchan kan jiru natti hin fakkaatu,’’ jedhu.

Dr Mabraatuun ammo dhaabbilee mootummaa dadhaboo fi harbeessuummaan sabummaa rakkoolee fi muddama umamaniif akka sababaatti kaasu.

Akkasumas mootummaarratti amnataa dhabuu, murtaa’inni qabeenyaafi dandeettii jiraachun alattis, yeroo tokko tokkos dhiibbaan mootummoon alaa ykn hidhattoonni taasisan walitti bu’insaaf sababii ta’u kaasu.

Seera maleessummaan cimaa jiraa?

Mootummaan itti gaafatamummaan humnatti fayyadamuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu aangoo seeraan kennameefiidha.

Haata’u malee mootummaan aangoo kanatti fayyadamaa hin jiru ykn ammo haala dogongorraa ta’een yoo itti fayydamu mul’ata jedhu.

Waggoottan darban keessa naannoolee fi hidhattoonni humnasaanii cimfachuun haala olaanaadhaan hidhachusaaniitiin alatti, haala ofiin fehdhaniin kan barbaadan yoo raawwatanii akkasumas walitti bu’iinsa keessa yoo seenan mul’ataniiru.

Baatiiwwaniin dura, tarkaanfiin mootummaan federaalaa humnootiin addaa naannoolee akka diigamuuf fudhate hedduu biratti haala gaariidhaan fudhatamulleen, naannoo kaan keessatti gareewwan hidhattootaa hokkoora cimaa hordofsiisan garuu to’achuun hin danda’amne.

Akkasumas naannooleen daangaa aangoo kennameef qofa keessatti itti gaafatamummaasaanii akka bahan gochuuf tarkaanfiin hangas mara hin fudhatamne kan jedhan jiru.

Obbo Yaareed gama kanaan daandii gurguddaan mootummaa federaalaa jalatti kan argaman ta’u akka fakkeenyaatti kaasuun, ‘‘daandiileen kunneen naannoo ykn humna hidhateen yoo cufaman deebiin mootummaa federaalaatiin kennamu baayyee miti,’’ jedhu.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wayita Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad wayita gara aangootti dhufan ture, ‘‘Olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojii baayyee gadaanaa raawwattan. Olaantummaa seeraa kabachiisaa hin jirtan jechuun komatanii ture. Hanga ammaattuu garuu jijjiramni hin jiru. Caalaa itti cimaatii dhufe,’’ jedhan.

Walitti bu’iinsii fi haleellaan bifa garaa garaa eddoowwan adda addaatti ammaan tana mul’atu haaluma kanaan kan itti fufu yoo ta’e, ‘‘seera maleessummaa ifaatu babal’ata,’’ jechuun yaaddoosaanii ibsu Obbo yaareedi.

Qaamooleen hawaasaa haala akkasiitiin lubbuufi qabeenyaansaanii balaarra jalaa bu’u gara ofiisaanii ittiisuutti waan ce’aniifu, ‘‘suna ammo hokkora gara biraa, jeequmsa gara biraa’’ hordofsiisuun to’annoon ala ta’un sadarkaa keessaa bahamuun dadhabamuutti biyyattii geessuu danda’a jedhu.

Haala kanaatiin naannooleen qofaatti haalli tarkaanfii itti fudhatan akka uumamu kaasuun, waraanni duraan Tigraayiitti ka’ee ture kan fakkaatu mootummaa federaalaa ykn naannoolee jidduutti akka hin kaaneef wabiin akka hin jirree ibsu Obbo Yaareedi.

Shimallis ammo Itoophiyaa keessatti ifatti seera maleessuummaan ni mul’ataa jedhu.

Namni magaala keessatti ajjeeffamee qorannoo barbaachisaan akka hin taasifamne kaasuun, namoonni egereen isaanii akka yaaddeessuufi sodaan akka jiraatan ibsu.

‘‘Finfinnee keessaa fagaataa yoo deemamu yaaddoon nageenyaa dabalaa adeema’’ erga jedhaniin booda, qotiiyyoowwan bu’ura jireenyasaanii ta’an hidhattootaan qalamanii nyaatamanii gaafatamni kamuu akka hin jiraanne akka fakkeenyaatti kaasu.

Maaltuu ta’u qabaa?

Furmaanni isaa mootummaan itti gaafatamummaa heera mootummaa fi seeroota idil-addunyaatiin itti kenname haalaan bahachu qabaata kan jedhan Obbo Yaareedi, kana ta’u yoo baatee garuu carraan gutummaatti to’annoon alal itti bahu danda’u bal’aadha jedhu.

Walitti bu’insawwaniifi haleellaawwan biyyattii keessatti mudatan qabbanneessuuf waliigaltee biyyaaleessaa irratti hojjatamu qabaata kan jedhan Pro.Shimallis, ‘‘ilaalchi siyaasaa amma jiru jijjiramu qabaata. Biyya ilaalchiifi fedhiin garaagaraa jiruutti, mariin siyaasaa hunda hammatu taasifamu qabaata. Kana ta’u baannaan, walitti bu’insii cimuufi itti fufuu danda’a,’’ jedhu.

Mootummaaf qofaa dhiisuu osoo hin taanee kaanis gaheesaanii bahachu qabus jedhu.

Dr Mabraatuun ammo, filmaatoonni furmaataa hedduun jiraatanilleen rifoormii siyaasaa biyyattii guutuutti taasisuun dursa ta’u qabaata jedhe.

Walitti bu’iinsa furuufi haraaraa buusuu, hojii misooma diinagdeefi fayya hiyyummaa, seera kabachiisuu, walta’insa naannoolee guddisuu fi deeggarsa deeggartoota idil-addunyaatti fayyadamuun rakkoo nageenyaa jiru jijjiruun akka danda’amu kaasu.

Mootummaan maal jedhaa?

Dhimma kanarratti yaada mootummaa argachuuf yaaliin taasifne nuu hin milkaa’iin hafe. Ta’us paartiin biyya bulchu yeroo garaa garaatti, walitti bu’iinsa ‘‘qaamooleen walitti bu’insarraa buufatan’’ eegalchiisanjedheen ilaalchisee ibsawwan baasuu isaa booddeetti deebii’un ilaalleerra.

Koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhiinaa dhuma walgahii jalqaba baatii Bitootteessaarratti taasiseen ibsa baaseen, balaawwan nageenyaafi tasigabbii biyyattii waliin yeroos wal qabatan mummeen kan dhimmoota shan irra maddan ta’u kaasee ture.

‘‘Kanneen idaa seenaan nu baachiseerraa kan maddan’’ jechuun qormaanni jalqabaan kaa’ee, idaawwan Itoophiyaanoonni seenaa keessatti hin furiin, rakkoo dabalataa gochuun kan ida’aniifi kan irratti walii hin galiin jechuun eereera.

Idaawwan kunneenis maddawwan wal dhabdee, walitti bu’insaa fi qoodiinsaa ta’u akka hin qabaannee ibsuun, ‘‘idaawwan warasnee malee hin umnee, nutti dhufan malee itti hin dhaqne,’’ jedherra ibsichi.

‘‘Bilisummaa bulchuu dadhabuu’’ jechuun qormmaanni lammaffaan ibsamerratti, rakkoolee bilisummaa bulfachu dadhabuu bulchiinsoota naannoo, miidiyaalee, dhaabbilee amantaa, paartiilee siyaasaa fi roogeeyyoota irratti mul’atu attatamaan sirraa’uu kan qabaatu ta’u kooreen hojii raawwachiiftu gamagammusaa ibseera.

Akkasumas haalliiwwan tokkommaa sab-daneessuummaa biyyaaleessaatti qormaata ta’an cimaa dhufuu, qaala’iinsi jireenyaa akkasumas hanni qormaata gara biraa ta’u kaasuun akka sababaatti kaa’eera.

Kallattii walitti bu’iinsaa fi dhabamuu nageenya biyyattiin, ‘‘seera diigaa, mirga kaanii sarbaa, walitti bu’iinsaa fi jibba kakaasaa, akkasumas biyya jeeqaa socho’uun yakka malee bilisummaa ta’u hin danda’u,’’ jechuun akeekkachiiseera.