Walitti bu'iinsa bara 2022 addunyaarratti mudatan keessaa waraanni Itoophiyaa lubbuu hedduu galaafate - IEP

Walitti bu'iinsa bara darbe keessaa guutuu addunyaatti mudate hunda keessaa waraanni kaaba Itoophiyaa kan namoonni hedduun irratti dhuman ta'uu jaarmiyaan diinagdee fi nageenyaa idil-addunyaa- IEP jedhamu gabaase.

Jaarmiyaan qorannoo nageenyummaa biyyoota addunyaa irratti gaggeesseen, sababa waraana Itoophiyaa fi Yukireeniin waggaa darbe keessa lakkoofsi namoota du'anii akkaan dabaluu mirkaneeffateera

Gabaasi kun akka jedhutti waraana kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf tureen bara 2022 keessa qofa namoonni kuma 100 caalan du'aniiru.

Waraanni kun mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti gaggeeffamaa ture kun waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti irra ga'ameen Sadaasa 2022 dhaabbateera.

Gabaasi kun kan inni ibse, gaaga'ama lubbuu waggaa tokko keessatti mudate qofa .

Haata'u malee waggoota lamaan waraanichi gaggeffamaa turetti lakkoofsi namoota du'anii walakkaa miliyeenaa ta'uu akka hin hafne bal'inaan gabaafamaa ture.

Akkaataa gabaasa haaraa jaarmiyaan kun baaseen waraanni hamaa Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkotti qofa lubbuu lammiilee kuma 104 ta'an gaaga'uun, addunyaarratti walitti bu'iinsa lammiilee hedduu du'aaf saaxilan keessaa jalqabarra taa'eera.

Itti aansee ammo waraana Yukreen kan xiyyeeffannaa addunyaa olaanaa argateefi kan baatii Guraandhalaa darbe waggaa tokko guuteenis yoo xinnaate namoonni kuma 82 du’aaf saaxilamuu gabaasichi himeera.

Sababii waraana cimaa lamaan kanneeniitiin, hanga ammaatti namoonni baayyee ittiin ajjeeffameera jedhamee kan galmeeffamee erga duguggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 asitti, waggaan darbe kan namooni baayyeen itti ajjeefamaniidha jedheera dhaabbatichi.

Sabii kanaan erga waraana Tigraayiin asitti baayyinni lakkoofsa namoota sababa waraana Raashiyaafi Yukireeniin bara 2022tti ajjeefamanii kan bara duraatiin wali biratti yoo ilaalamu dachaan akka dabalu akka taasise qoranichi ibseera.

Baayyinni du’aatii sababa walitti bu’iinsaatiin gabaasa kanarratti hammatame, haala qorannoo Yunivarsitiin Siwiidiin Apisaalaan hajjateetti, walitti bu’iinsa qindaawaa bara 2022 keessaa mudateen lubbuun namoota 238,000 darbuusaatti kan bara isa duraatiin wal biratti yoo ilaalamu, baayyinni namoota ajjeefamani %96 ol akka ta’u taasiseera jedhe.

Sababii waraana Itoophiyaafi Yukireen keessatti gaggeeffamaniitiin walitti bu’iinsa bara darbe keessa addunyaa maratti mudatan kanneen ajjeefaman caalaa bayyeedha jedheera.

Sababii kanaan waraanni lamaan kunneen erga waraanaa hololaatiin asitti, waraana hamaa mootummoonni keessati hirmaatan ta’uu gabaasichi ibseera.

Waraana Sadaasa bara 2020 keessaa naannoo Tigraayitti ka’uudhaan booda gara naannoolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal’atee tures waggaa lammaffaa isaatti mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti taasifameen xumurameera.

Waraanicha keessatti raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa, humnootiin naannoolee, looltoonni TPLF fi waraanni Ertiraa humna olaanaa hirmaachisuun waraanaa turan.

Sababii waraana sukkaneenssaa kanaatiinis namoonni hangamii akka ajjeefaman ifatti beekamuu baatulleen, qaamoleen adda addaa lakkoofsichi miiliyoona walakkaa hanga miiliyoona tokkoo akka gahuu danada’u tilmaamu.