Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffiin maqaa 'TPLF' jedhuun paartii haaraa hundeessuuf dhiyaate fudhatame dhabe
Gaaffiin maqaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) jedhuun paartii naannoo haaraa hundeessuuf dhiyaate fudhatama dhabuu Boordiin filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Boordichi paartii haaraa maqaa 'TPLF' jedhuun hundeeffamu kana kan hin fudhadhu jedheef, kanaan dura bu'uura isaa Tigraay godhatee biyyattii waggaa digdamaa oliif olaantummaan bulchaa paartii ture waliin maqaa wal fakkaatu waan ta'eef warra filatan biratti burjaajjii uumuu danda'a kan jedhu sababa tokkodha.
A L I Caamsaa 12, 2015 walitti-qabaa koree gurmaa'inaa Obbo Gabre-mikaa'el Tasfaayiin xalayaan mallattaa'e Boordichi paartii haaraa akka naannootti maqaa 'TPLF' jedhamuun hundeffamuuf beekamtii jalqabaa akka kennuuf Boordii Filannoof gaaffiin dhiyaatee ture.
Boordichi bu'uura labsii filannoo, galmee paartileen siyaasaafi naamuusa filannoo Itoophiyaa 1162/2011 tiin danbiiwwan ilaallatan waliin walbira qabee qorachuu isaa ibseera.
Kanaaf, moggaasa galmeen paartiin kun ittiin dhiyaate yeroo filannoottis ta'e filannootiin alatti lammilee biratti kan burjaajjii hin uumne ta'uun isaa mirkanaa'uu qaba jedheera.
Dabalataanis, maqaa 'TPLF' jedhamuun waamamaa naannoo Tigraay keessattis ta'e kutaaleen biyyattii biroo keessatti namoota filatan birattii paartiin yeroo dheeraaf beekam akka ture beekamaadha," jedheera.
Sababa kanaaf, Boordichi maqaa kanaan paartiin haaraa yoo hundaa'e filattoota waan wallaasisuuf gaaaffii beekamtii duraa dhiyateef akka hin fudhatiin beeksiseera.
Gaaffiin beekamtii Boordichaaf amma dhiyaate kun TPLF mataa isaarraa haaata'u ykn qaamolee biraa irraa kan dhiyate ta'uu wanti ibsame hin jiru.
Ji'oota muraasa dura TPLF kan Dr. Dabre-Tsiyon Gabre-mikaa'leniin kan hooganamu beekamtiin isaa akka deebiyuuf gaafatee Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin fudhatama osoo hin argatiin hafuun isaa ni yaadatama.
Teessoo isaa naannoo Tigraay godhachuunsiyaasa Itoophiyaa keessatti dhiibaa taasisaa kan ture TPLF, waraana Kaaba Itoophiyaatti mudate hordofee ture beekamtiin seeraa isaa haqamuun mana maree bakka bu’oota ummataatti garee shororkeessaa jedhamuun farajamee ture.
Wal waraanaa kan turan mootummaan federaalaafi TPLF waraanicha dhaabuuf erga waliigaltee nagaa taasisaniin booda, paartichi garee shororkeessaa jedhamunsaa irraa kaafamulleen seera qabeessuummaa isaa garuu deebiisee boordii filannootiin hin arganne.
Kana hordofees paartichi haqamuun boordii filannoo biyyaaleessatiin taasifame akka irraa kaafamuuf gaaffii dhiyyeessuulleen gaaffiinsaa kuffiifamuu boordichi beeksiisuun ni yaadatama.
Boordiin filannoo ALI Caamsaa5, 2015 ibsa baaseen, TPLF seera qabeessuummaa argachuun socha’u kan danda’u haaluma labsiitiin yoo gaaffii irra deebiin galmaa’uuf dhiyeessee fi boordichis bu’ura seeraatiin yoo hayyameef qofaa ta’u beeksiiseera.
Murteen boordichi dabarse tures paartichi gocha fincilaa humnarratti bu’uurreeffate keessatti hirmaachusaa mirkanneesseera jechuun ture, akka seera qabeessummaan saa haqamuuf kan murteesse. Kanaanis dureewwan paartichaa maqaa paartichaatiin socha’u akka hin dandeenye, akkasumas qabeenyi paartichaa yoo idaan paarticha irra jiraate kanfaluuf akka oolfamuufi maallaqni hafe fi qabeenyaan barnoota filannoo sirna lammuummaaf akka oolu kan labseedha.
Paartichi garuu waraanni naannichatti gaggeeffamaa waliigaltee mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti taasifameen karaa nagaatiin dhaabbachuu eeruun, paartiichi gochaa fincilaa irratti hirmaateer himannaan jedhu ammatti jijjiramuu hubannoo keessa galchuudhaan boordichi murtee kana dura dabarse kaasuun akka seera qabeessuummaasaa deebiisuuf gaaffatee ture.
Boordichi garuu ammatti paartichi gochaa fincilummaa irratti hirmaataa jiraachu baatulleen, seera qabeessummaa saa deebiisuuf seera labsii 1162/2011 keessatti kaa’amee akka hin jirre kaaseera.
Haaluma kanaanis boordichi gaaffii seera qabeessuummaa TPLFn dhiyaateef kan seeraan deeggaramu ta’e waan hin arganneefuu akka hin fudhannee eeruunsaa ni yaadatama.