Siyaasa Itoophiyaa keessatti sagaleen paartilee mormituu maaf dadhabaa adeeme?

Itoophiyaatti waggoota 30’n darban keessa paartileen siyaasaa sabaafi sadarkaa biyyaalessaatti galmaa'an lakkoofsi isaanii dhibbaa ol ture.

Biyya tokko keessatti paartiiwwan hangamiitu barbaachisa? gaaffii jedhuf deebiis ta'e ulaagaa kaa'un danda'amu baatulleen, Itoophiyaa keessatti lakkoofsi paartiilee baayyachuun ni ka'a.

Amma baayyina saanitiinis cimanii ummataafi hawaasa bakka bu'aniif sagalee ta'urra kanneen jiru osoo jedhamanu badan jiraachuun ni mul'atu.

Kan jiranis yoo ta'e dadhabuun, ajandaa ummataa kaasuun qabsaa'urra ofiisaanii yoo wal falman mul'atu.

Dabalataanis paartileen hayyoota siyaasaa gameeyyiin hundeeffamanis erga miseensotaafi deeggartoota heddu horatanii booda yoo diigamaniifi dadhaban argamu.

Ofii maaliif diigamuu? Eenyutu itti gaafatama?

Siyaasa Tigiraayiifi Itoophiyaa keessatti namoota siyaasaa maqaansaanii ka'u keessaa tokko kan ta'an, hundeessaa fi miseensi koree jiddugalaa paartii Arenaa Tigiraay, Obbo Gabruu Asiraat, Itoophiyaatti paartileen mormituu mul’achuu kan eegalan bara 1960moota keessa ture jedhu.

''Yeroo sanarraa kaasees, hanga har'aatti jechuunis waggoota 50'n darban keessatti haalli paartileen bilisummaan keessa socho'an mijateefii hin beeku. ADWUI'n sirna paartii daneessan ijaara jedhee jalqabulleen, garuu bulchiinsa paartii tokkicha ta'ee ittifufe,'' jedhan.

Barreessittuun Mana Maree Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa Dr Raa'el Baafeem yaada kana ni deeggaru.

''ADWUI'n aangoo erga qabateen boodas taanaan sirna paartii daneessa akka uumuufi biyyattiin gara dimokiraasittii akka ceetu kallattiin kaa'ame ture. Qabatamaan garuu akkasi hin turre. Paartii tokkicha, kan sirni warraaqsa dimokiraatawaa olaantummaa itti argateedha,'' jedhan.

Dr Raa'elii'f, sirni paartilee siyaasaa ganna 50 darbanii bilisa ta'uu dhabuun alattis kan shiraan xaxameedha. Paartiileen akkuma hundeeffamaniin dhabamsiifamu jedhu.

''Kallattiin isaan hordofan burjaajessanii ykn paartii tokkichatti dabalamu ykn diina jedhamanii dhabamsiifamu, yoo akkas hin taane ammoo sagalee osoo hin argatin akka jiraatan taasisuun qajeelfama isa ijoo ture,'' jechuun ibsu.

Haalli kun ammas Badhaadhina jalattis itti fufuu kan dubatan Dr Raa'el, ammas sirni haaluma kanaan itti fufuusaatiin alatti paartiileen mormituu waan shira irraa bilisa ta'uu hin dandeenyeef irra deddeebiin balaan diigamu akka isaan mudatu kaasu.

Obbo Gabruu Asiraat akkas jedhu: ''Paartiin biyya bulchaa ture ADWUI'n paartilee biratti amantaa hin arganne ture. Paartiin Badhaadhinaas isumarraa kan itti fufedha.

Maqaadhaan paartii daneessummaan simadha haa jedhu malee, ammalleen garuu paartileen bilisummaan socho'uu hin dandeenye. Gowwoomsuu fi doorsisuun jira,'' jedhan.

''Daldala siyaasaa''

Sirni Dargii kufuu hordofee waggoota 32 darbe Itoophiyaatti paartileen siyaasaa hedduun uumamanii turan, muraasni isaanii hanga har'aa jiru, kaan isaanii garuu sababoota garaa garaaf karaatti hafan.

Keessattuu bara 1990 keessa mormitoonni ADWUI aangoorraa buusutti dhiyaatanii turan.

Filannoo sadarkaa biyyaatti bara 1997 filatamerratti paartii yeroo sana biyya bulchaa ture yaaddessee fi tasgabbii dhowwee ture.

Gargaaraan Pirofesara Shimallis Hayiluu, waggoota kurnan darban Yunvarsiitii Wallootti saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil-addunyaa kan barsiisaa jiru yoo ta'u, Yunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa digirii sadaffaati.

''Itoophiyaatti sirna paarti daneessi kan barbaachiseef dorgommiin paartilee guddina hawaas-dinagdee biyyattii keessatti akka fiduuf yaadameeti, sochiin paartilee mormitootaa laafuun uummata filannoo dhabsiisa,'' jedha.

Itti dabaluun akka jedhutti, paartileen mormitootaa yaadonni dhiyeessan uummanni yoo fudhate aangoo qabachuun imaammatasaanii hojiirra oolchu. Aangoo yoo arganne ammoo mirga hawaasaaf dhaabbatu jedha.

Gargaraan Pirofesara Shimallis akka jedhutti, haala qabatamaa amma jiruun Itoophiyaa keessatti sochiin paartilee mormitoota laafeera.

Dr Raa'el ammoo paartileen mormitoota qabsoon karaa nagaa gaggeessan deeggarsa uummata barbaada jedhu.

Itti dabaluun hariiroo mormitoonni hawaasa waliin qaban hariiroo isaan morkii karaa nagaa mootummaa waliin taasisaniif bu'uura jedhu.

Obbo Gabruu Asraat gama isaaanitiin akka jedhanitti, biyyattii keessatti daldalli siyaasa akka gaggeeffamu ibsu, ''paartii fi siyaasni maallaqatti geeddaruun jira. Fayidaa fi mirga hawaasaa eeguuf kanneen quuqaman muraasa.

Paartileen akkuma meeshaatti kan gurguramanii fi mootummaatti maxxannaa jiru,'' jedhan.

''Fakkenyaaf Tigiraay keessa paartii kan ta'anii fi paartii ta'uusaanii kan labsatan dhaabbilee 13tu jiru.

Isaan keessaa walakkaan paartii Badhaadhinaa fi TPLF ykn ammoo humnoota biyya alaatiin hundeeffame. Sadarkaa biyyattis paartii biyya bulchutti kanneen maxxanan ykn humnoota biyya alaatiin kanneen deeggaraman ni jiru,'' jedhan.

Barreessitu Mana Maree Paartilee siyaasaa Itoophiyaa kan ta'an Dr Raa'el, paartilee hunda dhimmi biyyaa quuqeetu gara paartii ta'uutti ce'an jedhanii akka hin yaadne dubbatan.

Akka biyya hiyyeettii yoo ilaalte gufuuwwan hedduutu ni mudata jedhu Dr. Raahel. Rakkoon baay’ee waan ta’eef, ija sanaan ilaaluu qabna, sababiin isaas akka biyyoota biroo dimokiraasii shaakalan dirree siyaasaa bilisaa waan hin jirreef, kunis rakkoo ta’aa jira.

Akka biyya hiyyeettii tokkootti yoo ilaalte gufuuwwan hedduutu jira kan jedhan Dr. Raahel'' haleellaa heddutu jira. Haleelllaawwan kana jalaa dawoo jalatti walitti qabamuuti. Rakkoowwan heddutu jira.

Rakkoon baay’ee waan ta’eef, ija sanaan ilaallu, sababiin isaas akka biyyoota biroo dimokiraasii shaakalanii dirree siyaasaa bilisaa waan hin jirreef, dhimmi kunis rakkoo ta’aa jiru,'' jedhan.

Paartileen diigamuun yoomiifi maaliif?

Doktar Raahel, Gargaaraan Pirofeesar Shimelisii fi Obbo Gebruu Asrat, sochiin paartileen mormitootaa amma biyyattii keessa jiru hanga eegame akka hin taane ibsuun, paartileen abdiin itti kenname hedduun sadarkaa diigamuu fi kufaatii irra ga’aa akka jiran ibsan.

Sada isaanii yaada walfakkaata dhiyeessan qabu. Innis

siyaasa Itoophiyaa keessatti paartileen egereef abdataman kan diigamaniif

sababoota lamatti qoodan.

Gargaaraan Pirofeesara Shimallis mootummaan biyyattii bulchu dhiibbaa humnoota mormitoota biroorran gahu kaase.

''Mootummaan biyya bulchu Boordii Filannoo, Mana Murtii fi qaamolee nageenyaa akka isaaf mijatutti gurmeessa.

Kana malees, paartiin biyya bulchu paartii isaan tumsan(Samsonite) hundeessu. Paartileen akkasii mootummaa deeggarsa maallaqa argatu'' jedha.

Mootummaan paartilee siyaasaa humna akka jabeeffatan gargaaru bira darbee dimokiraasiin akka jiraatu barbaadaa? jedhamuun kan gaafataman Dr. Raahel, "waanti dubbatamuu fi hojjetamu walfaallessa" jedhu.

Shirri siyaasa jiraachu eeruun, "keessattuu, hooggantoonni paartilee biyyaaf falmanii ni hidhamu, ni ajjeefamu ykn dhabamsiifamu. Kaayyoo ijoon paartilee ummatarraa adda baasudha. uummata yaaddeessuun, tokko shaneedhaan walitti waan hidhameef carraa isaan mudatetu na mudata jedhanii callisu.Kun miidhaa guddaadha,'' jedhan.

Haa ta'u malee, rakkoon kun mootummaa qofarraa akka hin maddine ibsuun, " paartileetiin wal dhaga'uu dhabuun jira," jechuun paartilee akka laafanii fi diigamaniif ka'uumsa ta'uu kaasan.

Paartileetiin dhimma tokko haala madaalawaa ta’een waliigalanii waa murteessuu hin baratamne jedhu.

Hundeessaa fi miseensa Koree giddu galeessaa Arena Tigraay kan ta'an Obbo Gebru Asiraat, waltajjiin bilisaa osoo hin jiraatin paartileen jiraachuun hiika hin qabu jedhu.

Kana malees, garaa garummaan paartillee gidduu jiruu fi dhiibbaan gama mootummaan isaanirra gahu jiraachuu sababoota ijoo ta'uu eeran.

''Paartileen mormitoota paartii biyya bulchuuf akka ajajaman argaa jirra.

Paartiin Badhaadhinaa fi TPLF paartilee kana sodachisaniis ta'ee maallaqan gowwomsanii callisiisu.

Sababni biraa aangoo wal saamuuf jecha waldhabbiin keessoo isaaniitti uumama,'' jechuun BBCtti himan.

Namni siyaasa kun akka jedhanitti, paartileen yaada jijjirama fidu dhiyeessan muraasa.

Keessattu paartiin Badhaadhina yeroo ammaa hundeessitootaa fi hoggantoota olaanoo paartilee mormitoota gurguddoo gara aangoo mootummaatti fiduun "itti yaadee mormitoota dadhabsiisuuf" itti fayyadamaa jira jedhanii amanu.

''Pirofesar Biraanu Naggaan paartii Badhaadhinaatiin muudamaniiru, amma paartiin isaa IZEMA ni diigameera. Pirofesar Bayyanaa Phexiroos aangoo qabataniis, paartiin isaanii amma hin jiru.

Hoggantoonni paartilee kanneenii gara Badhaadhinaatti dabalamanii tajaajiluu yeroo jalqaban paartileen isaanii badaniiru.

Biyyatii keessatti rakkoowwan hedduun wayita dhalatu hoggantoonni paartilee mormituu balaleeffachuurra of qusatu.

Gargaraan Pirofesara Shimallis Hayiluu paartileen mormitootaa maaliif akka diigamna gaafatamanii, sababoota lama dhiyeessan. Sababoota keessoo fi alaati.

Paartileen siyaasaa keessoo isaanitti dimokiraasii hin qaban.

Baayyeen isaanii caaseeffamaa, imaammataa fi tarsimoo siyaasaa hin qaban jedha.

Paartileen siyaasaa baayyeen nama ykn gurmu xiqqaan kan hundeeffamuu jedha.

Itoophiyaatti paartileen siyaasaa mormitu ‘’diina waloo qabu malee ajandaa waloo hin qaban,’’ jedha Gargaraan Pirofesara Shimallis Hayiluu.

‘Diina waloo malee ajandaa waloo hin qaban'

Dirree siyaasa Itoophiyaarratti baay’een mul’atanii akkuma badan, kanneen haaraa hundeeffamanis baay’eedha.

Paartileen sadarkaa naannoo fi biyyaatti mul’achaa jiran jiru.

Namni siyaasaa Obbo Gebru Asraat kanan "faca'iinsa" jedhanii ibsuun, faca'iinsi kun humna mormituu cimaan akka hin uumamneef sababa ta'uu dubbatu.

Obbo Gabruun sababni paartileen diigamaniif caalatti qoratamuu qaba jedhu.

Obbo Gabruun haala Tigiraay keessa jiru kaasun, ''paartileen Tigiraayitti haalan kanaan kan uumamaniif haala siyaasaa naannicha keessa jirurra ka'uun jedhu.

Karaa dimokraatawaa ta’een mari’achuu yoo hin dandeenye, yaada kee yoo hin ibsamnee fi bilisummaan yoo hin jiraanne, furmaata fiduuf tarkaanfiin fudhattu naannoo fi gareen gurmaa’uudha,'' jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaan dirree siyaasarraan gahuu mormitoota laaffisuun alatti paartileen addaan bittinna'aaniif jijjirama fiduuf isaan akka rakkisu hubachiisan.

Gargaaraan Pirofeesara Shimallis paartilee mormitoota filannoo injifachuun mootummaa biyya bulchu aangoorra buusuf yaadu malee, mootummaa erga ta'anii booda biyyattii akkatti bulchan, mootummaa yoo hin taane ammoo akka paartii akkaata ittifufan baayyee itti hin dhimmani jedha.

''Itoophiyaatti filannoo erga gaggeeffame booda mormitoonni ni diigamu,'' jechuun paartilee lama akka fakkeenyaatti eere.

''Bara 1997paartilee baayyeen gamtoomanii, filannoon booda diigamanii turan.

MADIRAK filannoo lamarratti erga hirmaatanii booda diigamuu eere.

Itoophiyaatti paartileen siyaasaa mormitu ‘’diina waloo qabu malee ajandaa waloo hin qaban, dhiibbaa keessoo fi alaatiin diigamu,'' jedha.

Obbo Gabruun, gurmuu hundeessuun humna isaanii cimsachuu qabu jedhu.

Furmaanni isaa maali?

Barreessituun Mana Maree Paartilee Siyaasa Itoophiyaa Dr Raa'el, akka biyyaatti uummanni fala isaarratti mariyachuu qaba jedhan.

''Paartileen siyaasaas ta'ee, mootummaa fi uummanni mariidhaan furmaatarra haa gahu. haa ta'u malee, sirni amma jiru waanti kun akka hundee hin jabeeffanne hojjataa jira,'' jedhan.

Gargaaraan Pirofeesara Shimallis qabxilee lama akka furmaataatti eeran.

Dhaabbileen siyaasaa caaseffama fi sagataa isaanii ijaarrachu qabu, keessoo isaaniitti dimokiraasii gabbifachuu qabu jedhu.

Akkasuma dhaaba siyaasaa ta’anii socho’uuf waliigalteen biyyaalessaa barbaachisa jedhan.

Itoophiyaan eenyu? dhimma jedhuurratti waliigalamuu qaba. Itoophiyaa keessatti jaarmiyaalee akka Boordii filannoo, qaamoleen nageenyaa fi heera waloo qabaachuun barbaachisaadha jedha.

Namni siyaasaa Obbo Gabruu Asrat ammoo siyaasa Itoophiyaa keessatti aangoo waliirra fudhachuuf malee walitti dhiyaatanii hojjachuun, waliin mariyachuun, waliif kennuuf walirraa fudhachuun baratamaa miti jedhan.

Paartilleen hojii rogeessumma hojjachuus hin qaban jedhu.

Paartileen gurmuu uumuu danda'u. Paartilee danuu biratti kun baratamaa miti, Paartiileen baayyachuu isaanii malee walta'uu isaanii argaa hin jiru jedhan. Kanaafuu, paartileen karaa makamuu fi walitti isaan dhiyeessu hordofuu qabu jedhan.

Akkaataa amma ittideemaa jiraniin dhaaba humna qabu uumuu danda'u jedhee hin yaadu,'' jedhan Obbo Gabruu Asiraat.