Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gargaarsa Itoophiyaatti adda kutne itti fufuuf fedhii guddaa qabna - Hooggantuu USAID
Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID Itoophiyaa keessatti gargaarsa kennuu adda kutee ture amma deebisee eegaluuf fedhii guddaa qabaachuu ibse.
Hooggantuun USAID Samantaa Paawor turtii addatti BBC waliin taasisaniin, deeggarsa doolaara miiliyoona 260 biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaaf ramaduu fi kana keessatti kan Itoophiyaas ilaalcha keessa galchuu ibsan.
Hooggantuun kun sababa waraanaa Sudaaniin lammiilee rakkoo hamaa keessa jiran gargaaruu irratti akka xiyyeeffatanis ibsan.
Dhaabbanni Itoophiyaa keessatti lammiilee hedduu gargaaruun beekamu kun midhaan nyaataa naannoo Tigraayiif dhiyaate hatameera jechuun ture kan gargaarsa yeroof adda kutuu kan ibse.
USAID gargaarsi nyaataa namoota Tigraay keessatti beelaan rakkachaa jiraniif yaadame kan karoorfameen ala gurgurtaadhaaf gabaatti dhiyaachuu isaa hubachuu kan himan Samantaa Paawor, kun ammallee baayyee nu gaddisiisa jedhan.
''Gargaarsi midhaan nyaataa gara biyyattii seenee osoo namoota rakkatan bira hin ga'in dabarfamee gabaatti ba'ee yeroo gurguramu, namni dhuunfaa yeroo bu'aa irraa argatu baay'ee nama gaddisiisa.''
Rakkoo mudate adda baasuuf mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uun qorachaa jiraachuu kan ibsan Aadde Samantaan, ''Garuu amma wantan dubbachuu barbaadu gargaarsa kana itti fufsiisuuf fedhii guddaa qabna,'' jedhan.
''Kana gochuuf garuu gargaarsi kennamu namoota rakkataniif akka qaqqabuu danda'u haalli amansiisaan jiraachuu qaba. Nutis gama kanaan ofitti amanummaa qabaachuu qabna.''
Gargaarsi nyaataa namoota harka namaa eeggatan bira ga'uun malli ittiin mirkanaa'u jiraachuu qaba kan jedhan hooggantuun kun, ''hariiroon jaarmiyaalee gargaarsaa, kanneen akka USAID fi mootummaa Itoophiyaa saffisaan fooyya'uu qaba. Isa booda gargaarsa itti fufuun ni salphata,'' jedhan.
USAID wayita gargaarsa yeroof adda kutuu beeksisu, sababa gargaarsi gara baduu booda "murtoo rakkisaadha jedhe" dabarsuuf dirqamuu isaa eeruudhaan, hanga ibsi dabalataa kennamutti, gargaarsi nyaataa naannoo Tigraay keessatti dhiyaatu akka addaan citu taasifamuu beeksiseera.
Sababa hanna midhaan nyaataa irratti mudateen jaarmiyaan deeggarsa adda kute USAID qofa miti.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)tti Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) midhaan nyaataa namoota gargaarsi barbaachisuuf dhiyaatu hatameera isa jedhame qorachuudhaaf gargaarsa nyaataa Itoophiyaa keessatti dhiheessu adda kuteera.
Dhaabbileen lamaan guutuu biyyaatti deeggarsa dhiheessuu dhaabuu dura Naannoo Tigraayitti gargaarsa kennuu dhaabuu beeksisan.
Murtee dhaabbileen kuni akka guutuu biyyaatti gargaarsa dhiheessuu dhaaban Itoophiyaan ''galma siyaasaa qaba'' jechuun mormiteetti.
Tarkaanfii USAID fi WFP hordofee mootummaan bulchiinsa yeroo Tigraay warra gocha kana raawwatan irratti qorannoo gaggeessuu isaa ibseera.
WFPn gargaarsa namoomaa adda kutee ture baatii dhufu Adoolessa keessa eegalee Itoophiyaatti eddoowwan muraasatti dhiheessu akka itti fufu beeksisuun ni yaadatama.
Itoophiyaa biyya lammiileen miiliyoona 20 ol deeggarsa barbaadan keessatti gargaarsi adda cituun miidhaa guddaa qaba.