Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti hanna midhaan nyaataa gargaarsaf dhiyaaterratti raawwate UN qorachuu jalqabe
Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa hojii lubbuu baraaruuf hojjechaa jiruun walqabatee hanna gargaarsa nyaataa qorachaa akka jiru himame.
Asoosheetid Pirees Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ajensiin gargaarsa nyaataa dhiyeessu Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (WFP) waajjira isaa Itoophiyaa jirutti hanna gargaarsa nyaataa qorachaa akka jiru gabaaseera.
WFPtti daarektara Itoophiyaa kan ta'e Kilaawud Jibidaar xalayaa michoota isaa biyyattii keessa jiraniif barreesseen, "midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaatan gabaa tokko tokko keessatti gurguramaa jiraachuun Dhaabbanni Nyaata Addunyaa akka yaadda'u taasiseera," jedhe.
Midhaan nyaataa gargaarsaaf oolu gabaaf dhiyaachuun isaa maqaa dhaabbaichaa irratti dhiibbaa uumuun alatti uummata gargaarsi barbaachisuuf walitti qabuudhaaf humna jiru irrattis rakkoo uumuu danda'a jechuun yaaddoo qabu ibse daarektarichi.
Kana waan ta'eef, midhaan nyaataa biyyattii keessatti gargaarsaan kennamu, "karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuufi kan yaadameen ala fudhachuu atattamaan dhaabsisuun baayyisee murteessaadha," jedheera.
Itoophiyaatti waraanni waggoota lamaaf Kaaba biyyattiitti ture rakkoo namoomaa guddaa kan qaqqabsiise yoo ta'u, namoota miliyoonaan lakkaa'aman beelaaf saaxileera.
Qaamoleen waraana kana keessatti hirmaatan midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaate saamuudhaan warra waraanatti bobba'aniif dhiyeessuu isaaniitiif himatamaa turaniiru.
Yeroo waraanni kaabaa kun gaggeeffamaa turetti humnoonni Tigraay magaalaa Walloo Kibbaa, Kombolchaa to'atanii wayita turanitti midhaan nyaataa gargaarsa namoomaa man-kuusawwan keessaa saamanii akka turan ibsamee ture.
Dhaabbatichi yeroo sanatti midhaan nyaataa man-kuusa keessa ture qaamni saame eenyu akka ta'e waan jedhe qabaachuu baatus, wayita sana magaalaa Kombolchaa yto'atanii kan turan humnoota Tigraay turan.
Mootummaan Federaalaa ammoo TPLF midhaan nyaataa gargaarsaaf dhiyaate loltoota isaaf rabsaa ture jechuun himata atureera.
Jibbidaar dhaabbata Itoophiyaa keessatti argaman michoota Sagantaa Nyaata Addunyaa ta'aniif xalayaa barreessan sanaan, midhaan nyaataa gargaarsaa karaa hin malleen faayidaarra ooluu ykn fudhatamuu isaa ilaalchisee odeeffannoon beekan ykn qaban yoo jiraateef akka qoodaniif gaafateera.
Sagantaa Nyaata Addunyaatti Daarekatarri Itoophiyaa xalayaa isa akanaan waa'ee midhaan nyaataa seeraan ala faayidaarra oole ykn hatame ilaalchisuun waan jedhan jiraachuu baatus, kanneen qorannoo irratti gaggeessuuf yaadan keessatti ammoo midhaan nyaataa gargaarsaa man-kuusa Shiraaroo jiru keessaa badeera jedhame tokko ta'uu Apn maddeen eeruun gabaaseera.
Hojjetaan Sagantaa Nyaata Addunyaa maqaan hin eeeramne man-kuusa magaalaa Shiraaroo waraanaa hedduu miidhamte keessa midhaan gargaarsaa ture keessaa kan namoota kuma 100 ol gargaaruu danda'u baduu isaa dhiyeenya akka barame APtti himeera.
Itoophiyaatti sababa hongeefi walitti bu'insaan namoonni miliyoona 20tti siqan gargaarsi isaan barbaachisa.