Waa'ee ijaarsa humnoota addaa naannolee qabxiilee ijoo

Naannolee haaraa ijaaraman dabalatee caasaa naannolee Itoophiyaa keessa jiran hunda keessatti humna addaa sadarkaa raayyaa biyyattii leenjisuun gurmeessuun erga eegalee waggootni lakkaawwamaniiru.

Itti waamamni isaanii mootummaa naannichaaf kan ta'e caasaan waraanaa naannolee kun yeroo keessa hidhannoo waraanaatiinis ta'e lakkoofsaan dabalaa deemuun hanga sadarkaa raayyaa ittisa biyyaaf qormaata ta'uutti gaheera.

Naannoleen humna poolisiin cinaatti qaama hidhataa biraa akka ijaaran seerri hayyamu bahuu baatus, waggoota darban naannoleen akka Somaalee, Tigraay, Amaaraafi Oromiyaa haala loltoota idilee fakkaatuun itti fufiinsaan humna guddaa leenjisuun eebbisaa turan.

Yeroo kana keessa qaamoleen naannoleen humna nageenyaa akkasii qabaachuun biyyaaf yaaddoodha bu'uura seeraas hin qabu jedhanii qeeqaa turan jiru.

Faallaa kanaa ammoo kanneen humni addaa rakkoolee nageenyaa naannolee keessatti mudatan furuuf poolisiin cinaatti barbaachisaadha jedhanis jiru.

Humna addaa fi caaseffama isaa

Itoophiyaa keessatti humna addaa ijaaruun kan eegalame ALI bara 1998, yeroo naannoo Somaalee keessatti sochiin riphee loltummaa jabaatu rakkoo kana furuu yaaduun ture.

Yeroos Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogadeen naannicha keessatti dhiibbaa jabaa uumaa waan tureef deeggarsa mootummaa federaalaan poolisiin addaa Somalee qaama kana dhabamsiisuuf ijaarame.

Itti aansee ammoo naannooleen Oromiyaa fi Amaaraa humna addaa mataa isaanii ijaaran.

Boodas naannolee haaraa ijaaraman keessatti osoo hin hafiin muuxannoon humna addaa ijaaruu jabaatee itti fufeera.

Humni kun jalqaba yeroo ijaaramu maqaa Poolisiin ijaaramaa waan tureef moggaasa ''Poolisii addaa'' jedhu qabaachaa ture.

Caasaan isaanii, gaafatamniifi hidhannoon isaanii kan Poliisiin adda ta'aa waan adeemeef booda Poolisii addaa irraa gara humna addaa jedhamuutti ce'e.

Humnoonni addaa kun hidhattoota fincilaniifi qaamolee yakkamoo jedhaman irratti fuulleffatanii duulaa turan.

Daangaa naannolee gaaffiin abbummaa irratti ka'uufi walitti bu'insi iratti dhalatu keessaa qooda qabaachuunis maqaan isaanii ni ka'a.

Naannoleen biyyattii hundi sadarkaa jedhamuun leenjii addaa fi hidhanoo waraanaa jabaan humna addaa isaanii kumoota kudhaniin leenjisanii eebbisaa turan.

Humna addaa fi humna isaa

Gaaffilee humna addaan walqabatee ka'an keessaa ijoon humna namaa isaanii, meeshaalee waraanaa fi baayyina isaaniiti.

Humnoonni addaa naannolee bayyinaan hagam akka ta'aniifi gosa meeshaalee hidhatanii ifatti beekuun rakkisaadha.

Naannoleen waggoota muraasa darban lakkoofsa humna addaa qabanii sadarkaa olaanaatti yeroo ol guddisan mul'ateera. Ta'uullee lakkoofsa isaanii beekuun rakkisaadha.

Naannolee tokko tokko keessatti hidhannoon qaamolee kanaa kan Poolisiin ol ta'uuf hammayyaawaa ta'uunis ni dubbatama.

Kaan ammoo humni, humna addaa naannolee sadarkaa raayyaa ittisa biyyaan wal bira qabamutti hidhannoon cimuu kaasu.

Humna addaa fi hariiroo naannolee

Naannoleen Itoophiyaa keessa jiran gara caalu daangaa irratti dhibdee akka qaban kaasu, bakka tokko tokkotti ammoo walitti bu'iinsiyyuu irra deddeebiin dhalata.

Naannooleen Somaalee fi Affaar akka fakkeenyaatti kaafamuu danda'u. Naannoleen lameen gandoota daangaarra jiraniin kan kooti jedhanii hawaasni isaanii yeroo walitti bu'u humni addaa isaanii gidduu galuu rakkoo hammeessuun ni komatamu.

Bara 2021 keessa dhimma daangaa irratti dhibdee mudatee fi lubbuu namoota hedduu galaafateen walqabatee mootummaan naannoo Somaalee ibsa baaseen hidhattootni naannoo Affaar haleellaa raawwachuu yoo komatu, akkasuma mootummaan Affaaris humnoota Somaalee namoota nagaa ajjeesan jechuun komateera.

Walitti bu'iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessattiifi naannoo daangaa isaaniitti irra deddeebiin dhalatu keessaas humnoonni addaa naannolee lameenii hirmaannaa akka qaban komiin ni dhagaahama.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma humna addaa naannolee gurmeessuu irratti yaada kennaniin caasaaleen nageenya naannolee kun yaaddoo ta'uu isaanii dubbataniiru.

''Humna addaa naannoleen walqabatee si'a tokko osoo hin taane yeroo lama qormaatni birmadummaa biyyaafi tokkummaa Itoophiyaa rakkoo keessa galchu mudachuun hin dagatamu. Birmadummaa fi tokkummaa biyyaa bira osoo hin gahiinis naannolee gidduu dorgommiin hin barbaachifne fi wal-morkiin akka jiraatu sababa yeroo ta'an ni argina.''

Sochiin pireezidantiin duraanii naannoo Somaalee amma hidhaa jiran gochaa turaniifi waggoota lamaan darban biyyattii gara waraana waliiniitti galche akka fakkeenyaatti kaafamuu danda'u.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeefame irratti raayyaa ittisaan cinaatti humnoonni addaa naannolee hiriiranii deeggarsa godhaniif galatani dhiyaateeraaf.

Waraana jaarsummaan goolabame sana keessa humnoonni addaa naannolee hirmaachuun isaanii gabaafamaa ture.

Waraana sana keessatti humnoota hirmaatan hundaan sarbamni mirga namoomaa raawwatamuus dhaabbileen idil-addunyaa komachaa turan.

Humnoota addaa naannolee deebisanii gurmeessuu

Humnoonni addaa naannolee waggoota darban humna jabeeffachaa bahan deeggarsa naannolee isaanii haa qabaataniyyuu malee, seera biyyaan ijaaramuuf bu'uurri kaahame hin turre.

Kanarraa kan ka'es mootummaan Federaalaa yeroo keessa raayyaa qindaa'aa gara ta'uutti qaama ce'aa jiru kanaaf fala akka godhuuf waamichi dhiyaachaafi ture.

Amanistii Intarnaashinaal sarbama mirgaa humnoonni addaa raawwataniin walqabatee bara 2018'tti humna addaa naannoo Somaalee wajjin walqabatee ibsa baaseen Poolisiin addaa akka diigamu ifatti gaafatee ture.

Pireezidantiin duraanii naannichaa aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda aangoo kan qabatan Obbo Musxaffee Mohaammed xiyyeeffannoon isaanii humna addaa naannichaarratti akka ta'u turtii BBC waliin godhan irratti dubbatanii turan.

Caasaa komii guddaan irratti ka'u kana irra deebiin caasessuun akka ijaarames dubbatanii turan.

Bara sadii dura yaada BBC'f kennaniin humni addaa naannichaa haala qabatamaa jiruun barbaachisaa akka ta'e kaasuun ''naannoo keenya keessatti caasaan kun itti fufa'' jedhanii turan.

Ta'uus humni addaa naannolee fuula duratti hariiroo caasa nageenyaa federaalaa waliin qaban irratti mariin akka barbaachisu dubbataniiru.