Dabra Birihaanitti raayyaan ittisaafi humnootiin Amaaraa walitti bu’an

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa magala Dabra Birihaaniitti Raayyaan Ittisa biyyaafi humnootiin Amaaraa walitti bu’uu jiraattoonni BBCtti himan.

JiraattoonniKibxata Ebla 11, 2023 bariirraa eegalee humni addaa Amaaraa, Faannoo waliin ta’uudhaan raayyaa ittisa biyyaa waliin walitti bu’uu fi dhukaasni sa’aatiiwwaniif turuu BBC Amaariffatti himan.

Jiraattoonni magaala Dabra Birihaan BBC'n dubbiseefi nageenya saaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kunneen akka jedhanitti, magaalattiin walitti bu’insaan jeeqamte jirti.

Mootummaan hunma addaa deebiisee gurmeessuuf karoora akka qabu erga beeksiisee kaasee, magaala Dabra Birihaan kan Finfinneerraa fageenya km 115 irratti argamtu keessatti walitti bu’iinsa umameen namoonni lama ajjeefamu jiraattoonni BBC'tti himaniiru.

Erga mootummaan humnoota addaa naannoolee haala addaatiin gurmeessuuf karoora qabaachuu beeksiisee kaasee keessattuu naannoo Amaaraatti mormii hokkooraan makameetu dhagahamaa jira.

Magaalootiin naannichaa kan akka Goondar, Baahir Daari, Dabra Maarqoos, Waldiyaa fi Qobboo kanneen hiriira mormii keessummeessan keessaayi.

Magaala Qobbootti Ebla 9, 2023 walitti bu’insa humnoota naannichaafi raayyaa ittisa biyyaa jidduutti umameen lubbuun namaa darbeera.

Dabra Birihaan dabalatee magaaloota Gondariifi Daseetti miseensoonni humnoota nageenyaa meeshaa waraanaa qabatanii socho’uu dabalatee dhorkaawwaan biraa kaa’amu komaandi poostiin magaaloota kanneenii beeksiiseera.

Naannoon Amaaraa mootummaa humna addaa haala haaraatiin gurmeessuu akka barbaadu beeksisulleen, humnootiin naannoolee ollaa Tigraayifi Oromiyaa keessa socho’an naannichaaf yaaddoodha jechuun humni adda isaa akka hin gurumoofne yoo morman keessattuu rogeeyyootarraan ni dhagahamu.

Walitti bu’insaafi miidhaa qaqaabe

Har’a barii sa’aatii tokko irraa kaasee sagalee dhukaasaa dhagahaa akka turan kan himan jiraattoonni magaala Dabira Birihaan, dhukaasni cimaan kunis hanga wallakkeessa guyyaatti itti fufuufi waaree booda ammo darbee darbee sagaleen meeshaa akka dhagamu BBCtti himan.

‘‘Kanneen uffata raayyaa ittisaa uffatan humna addaafi faannoo waliin walitti dhokaasaa turan. Seensa magaalaa Finfinnee naannoo warshaa Daashan Biiraatti ture dhukaasni kan taasifame. Ammalleen darbee darbee ni dhagahama’’ jedhan.

Jiraataan BBC'n magaalichaa Kibxata har’a dubbise kan biraa, dhukkaasaa taasifamaa tureen namoonni buufata buqqaatootaa keessatti dahatanii turan lama ajjeeffamuu fi dubartiin tokko ammoo miidhaan irra gahu dubbatan.

‘‘Namoonni kunneen kan ajjeeffaman naannoo Kaampii Chaayinaa jedhamuutti. Buqqaatota Wallagga irraa dhufaniidha. Kanneen du’an awwaaluun hin danda’amne. Kan miidhamanis wallaansa geessuun hin danda’amne. Eessaan jennee deemna? Karaan hin jiru. Reeffa waliin taa’aa jirra’’ jechuun haala jiru BBCtti himan.

Magaalaa Dabra Birihaan namoonni sababii walitti bu’insaatiin buuqqaafaman kumaatamn kan keessatti dahataniidha.

Jiraattuun biraa BBC dubbise ammoo walitti bu’insa raayyaa ittisaafi humnoota Amaaraa jidduutti tureen miidhaan qaqabuu waan beekan jiraachuu baattulleen, mormii kaleessaa Wiixata Ebla 10 tureen garuu namoonni lama lubbusaanii dhabu ibsute jirti.

Jiraattuun tun akka jettuutti kaleessa mormii kan bahame namoonni hiriira mormii guyyaa Dilbataa bahameen wal qabatee namoonni hidhaman akka gadhiifamaniif jecha erga buufata poolisii cabsuun seenaniin booda, dhukaasa poolisiin baneen namoonni lama ajjeeffamu qabatamaan argeera jira jette.

‘‘Sirreeffamtoonni mana hidhaatii miliqan jiraachusaanii hin mirkanneeffanne. Garuu naannoo Xabaaseetti mana hidhaatii gadhiisifneerra yoo jedhan dhagaheera. Manni hidhaa Xabaasee jiru irraa gara buufata poolisii 05tti argamuu erga deemaniin booda miidhaan kun kan qaqabe. Kanneen ajjeefaman keessaa tokko nama hiriira irra tureedha. Kan biraa dubartii daandiirra turteetu ajjeeffame’’ jetti jiraattuun tun.

Dabira Birihaan Kibxata waaree booda

Magaalaan Kaaba baha Finfinnee, naannoo Amaaraatti ammo magaala godina Shawaa Bahaa taate Dabra Biraan, guyyoota darban keessa mudama keessa turte jirti.

Dabra Biraan magaalaa daandiin Finfinnee gara Komboolchaa Dassee fi kutaalee Amaaraa gara bahaa kaaniin wal qunnamsiiftuudha.

‘‘Magaalattii keessatti sagaleen mormii dhagahamu erga eegalee guyyoota sadii ta’eera. Geejjibni hin jiru. Daandiin cufaadha. Tajaajillii kamuu erga adda cite guyyaa sadii ta’eera’’ jedhu jiraattoonni magaalichaa BBCn dubbise.

Jiraattoonni agaalichaa, jaarsooliin biiyyaafi dureewwan amantaa muddama umamee fi walitti bu’iinsa karaa nagaatiin furuudhaaf yaalii taasisaa jiraachuu dabaluun himaniiru.

Walitti bu’iinsa magaalaa kanatti mudateefi miidhaa qaqaabee ilaalchiisuun aanga’oota godinichaa, Magaalaa fi naannoo Amaaraa irraa odeeffachuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.