Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoota addaa naannoolee deebisanii gurmeessuun Itoophiyaatti adeemaa jiru maal fakkaata?
Karoora mootummaan Itoophiyaa humnoota addaa naannoolee deebiisee gurmeessuuf baasee hordofee naannooleen adda addaa murticha akka fudhatan beeksisaniiru.
Haaluma kanaanis naannooleen akka Somaalee Gaambeellaa, Kibba, Beenishaangul Gumuuz, Sidaamaa fi Lixa Kibba Itoophiyaa humna addaa isaanii deebiisanii gurmeessuuf qophii ta’u midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Akkasumas adeemsicha irratti odeeffannoon bal'inaan kennamu baatuus, Biiroon Nageenya Naannoo Amaaraa, komishinaroonni poolisii naannoolee akka Somaalee, Oromiyaa fi Affaaris adeemsa humna addaa akka haaraatti gurmmeessuu haala gaariin fudhachuu hojicha akka itti adeeman haala adda addaatiin ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, pirezidantiin naannoo Somaalee Obbo Musxaffee M. Omar toora tiwitara isaani irratti akka jedhaniitti, Kaabiinee naannichaa haala humna addaa gurmmeessuu irratti mari’achuun waliigalte irra gaheera.
Kaabileen naannichaa walgahii idilee isaa 12ffaa Ebila 10, 2023 taa’een, karoora hojiira oolmaa riiformii poolisii naannichaafi raayyaa fi poolisii fedeeraalaafi naannichaa keessatti gurmeessuu irratti ibsi erga taasifameen booda yaadicha fudhataniiru jedhan.
Humni addaa naannoolee ijaaruun yoom eegale?
Humni addaa naannoolee ijaaramu kan eegalame ALI bara 1988 naaannoo Somaaleetti yoo ta’u, yeroo sanattis dhiibbaa olaanaa Adda Bilisummaa Ogaadeen toa’achuuf deeggarsa mootummaa federaalaatiin ture.
Naannoon Somaalee ammatti humna addaa isaa kana deebiisee gurmeessuuf akka hojjatuufi miseensoonni kaabinee naannichaa fudhatu beeksiiseera.
Haaluma walfakkaatunis mootummaan federaalaas karoora humna addaa naannoolee deebiisan gurmeessuu ilaalchiisee, aanga’oota naannoolee hundaan qorannoon irratti gaggeeffamuufi garaa garummaa tokko malee waliigaltee irra gahamuu beeksisuun ni yaadatama.
Kana malees dureewwan humna addaafi miseensoota waliin waliigalte irra gahamu ibsi Komunikeshinii Mootummaan kenname ibsuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatunis Gaambeelaan ‘’gurmaa’ina humna addaa raawwachiisuuf’’ galmee eegaluu Komishinarri Poolisii naannichaa Obbo Sanaayi Akuwoor eeruun miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.
Galmeen eegalames miseensoonni humna addaa kan ittiin raayyaa ykn poolisii naannichaatti makamuuf fedhii qaban ittiin adda baafamuudhas jedhameera.
Komishinichi itti dabaluun, gurmaa’inni karoorfame kan caasaa nageenya caalaa cimsu waan ta’eef naannichi ‘’onnee guutuun’’ fudhatee hojiirra oolchuuf hojjataa jiraachu ibsan. Akkasumas Komishinarri Poolisii naannoo Kibbaa Alamaayyoo Maammoo humna addaa deebiisanii gurmeessuudhaaf hojii eegaluu ibsu isaanii TVn naannichaa gabaaseera.
Itti dabalunis adeemsicha ‘‘aanga’oonni mootummaa fi waraanaa sadarkaa adda addaarratti argaman akkasumas miseensoon waraanaa gammachuun simataniiru’’ jedhan. Hojiichi yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’us dabaluun himaniiru.
Kana malees Naannoon Beenishaangul Gumuziz hojii miseensoota humna addaa isaa gara raayyaa ittisa biyyaa, poolisii fedeeraalaafi poolisii naannootti makuun gurmeessuu kutannoodhaan hojjataa jiraachu ibseera.
Gaaffii caasaa humna addaa Amaaraa diiguun kaase
Mootummaan caasaan humnoota addaa naannooleerratti jijjiramni taasifamuun gara raayyaa ittisa biyyaatti, gara poolisii federaalaa fi gara poolisii naannootti akka hammataman ibsamulleen, dura taa’aan ittaanaan paartii ABIN Obbo Malkaamuun odeeffanno qaba jedhaniin, ‘‘naannoo Amaaraatiin alatti humna addaa hiikkachiisuuf sochiin bakki itti eegalame hin jiru’’ jedhan.
Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa garuu, murtichi aanga’oota naannoo hundaatiin qorannoon irratti gaggeeffamuun, garaagarummaa malee irratti kan waliigalameefi aanga’oota humnoota addaa fi miseensoota waliinis irratti waliigalte irra kan gahame ta’u ibsichaan himaniiru.
Obbo Malkaamuun gama saanitiin, federaalis ta’e naannoon Amaaraa humna addaa waliin marii kamuu hin taasifne jedhu.
‘‘Ummanni mormii olaanaa dhaggeessisaa fi haala aariifi burjaajii cimaan jiruutti’’ hojiin haala kana qulleessuu akka hin hojjatamne himu.
“Yaalii ariitii, girrigirriin fedhii ofii humnaan namatti fe’uuf taasifamuudha. Kun gochaa baayee itti gaafatamummaan hanqateedha dhaabbachu qaba,’’ jedhan.
Naannoo Amaaraatti caasaan humna addaa diigamu akka hin qabaannee kan cimsanii mrman Obboo Malkaamuun, naannichi keessoofi alaan kan rakkoo nageenyaatiif saaxilamee ta’u kaasu.
Waraana humnoota Tigraay waliin taasifamee, naanochatti namoonni nagaa hedduun kan dhuman akkasumas qabeenyaa hedduun barbadaa’u kaasu. Kana malees humnoota alaa kan jedhaniin Sudaaniifi humnootiin kaanis irra dedebiin dubbii barbaacha raawwatu jedhan.
Naannichatti nageenyi akka jiraatu kan taasise gochaa humni kun raawwatu ta’u kaasuun, naannawichatti humnoonni naannicha qoran humna humna addaatiin olii miti jedhu.
Itti dabalunis walitti bu’iinsa irra dedeebiin naannawa Axaayyeetti mudamus kaasaniiru.
“Naannichi kan yaaddoon nageenyaa ifaafi qabatamaa ta’e keessatti cime akka ta’e’’ kan hima Obbo Malkaamuun, murtichi kan yeroosaa hin eegamnee fi kan haala qabatamaa jiru hubannoo keessa hin galchine jedhan.
Rakkoolee siyaasaa biyyattii keessa jiru furuudhaaf mariin biyyaaleessaa kan jalqabame yoo ta’u, kanaanis dhimmoota irratti mari’atamu keessaa tokkoo caasaa mootummaa biyyaa dabalatee, haala ijaarsa humnoota nageenyaa akka ta’u abdii taasisuu.
Erga rakkooleen caasaa fi sirnaa erga furamaniin booda humni addaa hidhannoosaa hikkachuu ta’e dhimmi caasaa ka’u kan qabaatu jedhu.