Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sagantaan Nyaata Addunyaa gargaarsa Tigraayitti dhiyeessu yeroof addaan kute
Sagantaan Nyaata Addunya a (WFP) nyaata gargaarsaan naannoo Tigraay keessatti dhiyeessaa jiru yeroof addaan kutuu beeksisuu isaa Asoosheetid Pirees gabaaseera.
WFP gargaarsa midhaan nyaataa Tigraay keessatti dhiyeessu kan addaan kute torban muraasa dura gargaarsi nyaataa namootaaf dhiyaatu hatameera himata jedhu qulqulleeffachuudhaaf qorannoo keessoo gaggeeessuudhaaf akka ta'e hojjetoonni gargaarsaa afur ibsaniiru.
Sagantaan Nyaata Addunyaa waraana hamaa waggaa lama keessa kan turte naannoo Tigraay keessatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi michoota irraa gargaarsa nyaataa argamu hawaasa gargaarsi barbaachisuuf dhiyeessuuf qaama itti-gaafatama qabudha.
Hojjetoonni gargaarsaa afur Asoosheetid Pireesiif akka ibsanitti, odeeffannoon midhaan gargaarsaa kaayyoo hin malleef ooleera jedhu bahuu isaa hordofee dhaabbatichi gargaarsa gara Tigraay geessu torban lama dura irraa kaasee yeroof addaan kuteera.
Kanas hojjetoonni gargaarsaa sadii madda oduu Assoosheetid Pireesiif kan mirkaneessan yoo ta'u, hundi isaanii dhimmicha irratti gaazexeessitootaaf odeeffannoo kennuudhaaf hayyama waan hin qabneef maqaan isaanii akka hin kaane gaafataniiru.
Sagantaan Nyaata Addunyaa hojii gargaarsaa lubbuu baraaruu naannoo Tigraay keessatti taasisu irratti hanni raawwatameera jedhame qorachaa akka jiru ibsee turuun isaa ni yaadatama.
Kana ilaalchisee Itoophiyaatti daarektarri WFP Kilaawud Jibidaar xalayaa dhaabbileen michootaa biyyattii keessa jiraniif barreessaniin," midhaan gargaarsaa bal'inaan gurgurtaaf dhiyaatee gabaa keessatti mul'atu Sagantaa Nyaata Addunyaa akka yaadda'u taasiseera," jedhan.
Nyaatni gargaarsaaf jedhamee dhiyaate maqaa dhaabbatichaa xureessuun alatti humna gargaarsa namoomaa sassaabuu irratti dhiibbaa uuma jechuun ibsan daarektarichi.
Kana waan ta'eef, midhaan nyaataa biyyattiitti gargaarsaan dhiyaatu, "qixa sirrii hin taaneen itti fayyadamuufi kaayyoo jedhameefiin ala fudhachuun atattamaan dhaabuun murteessaadha," jedhan.
Jaabiir jalqaba Ebla 2023 dhaabbileen michoota ta'an Itoophiyaa keessa jiraniif xalayaa barreessaniin, dhaabbileen gargaarsaa michoota ta'an midhaan nyaataa qixa hin malleen faayidaarra oolee ykn akka hin taaneen fudhatamee yoo arganii jiraatan odeeffannoo akka kennaniifillee gaafataniiru.
Torban muraasa dura APn hojjetoota gargaarsaa eeruun akka gabaasetti, waraanaan kan baayyee miidhamte Shiraaroo keessa man-kuusni midhaan gargaarsaa namoota kuma 100 gahuu danda'u baduu isaa dubbateera.
Waraanni waggoota lamaaf dhiiga dhagalaasaa turee Sadaasa 2022 waliigaltee nagaa buusuun akka dhaabbatu taasifamekeessatti, humnoonni Tigraay midhaan nyaataa saamuufi loltoota isaaniitiif dhiyeessuutiin mootummaa Federaalaan himatamaa ture.