'Giddu-galli Buddeena Lammii' guyyaatti buddeena kuma 288 ol omishu Finfinneetti eebbifame

Warshaan guyyaatti buddeena kuma 288 ol tolchuu danda'u har'a Caamsaa 1, 2023 magaala Finfinneetti eebbifame.

Kantiibaan magaala Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fuula Facebook isaanirratti akka barreessanitti, warshaan buddeenaa kun akka biyyaatti isa jalqabaati jedhan.

Sagantaa eebba warshaa buddeenaa kanarratti kantiibonni magaalota Itoophiyaa garaa garaarraa dhufanis argamaniiru.

Warshaan buddeenaa kun kutaa magaala Lammii Kuraatti kan ijaarame yoo ta'u, "Giddugala Buddeenaa Lammii" jedhamas jedhan Adde Adaanach.

"Giddu-galli Biddeenaa Lammii dadhabbii haadholii kan salphisuufi biddeena sadarkaa olaanaadhaan omishuu kan dandeessisu wayita ta'u, qormaatilee keenyaa ol taanee waan hin danda'amne kan fakkaatu danda'uu keenya kan agarsiisuudha," jedhan.

Giddu galli buddeenni itti omishamu kun haadholii 2000 ta'aniif carraa hojii akka banutu himame.

Ijaarsa giddu galaa kanarratti abbootin qabeenyaa hirmaachus ibsan Adde Adaanach.

Kana dura waa'ee warshaa kanaa maaltu jedhame?

Bulchiinsi magaala Finfinnee warshaa budeenaa guyyaatti buddeena 280 oli omishuu danda'u ji'a sadi keessatti ijaaruuf akka jiru ji'a Amajjii keessa beeksisee ture.

Akkuma jedhame warshaan kun bakka qondaaltonnifi kantiibonni magaalota Itoophiyaa bakka garaa garaarraa dhufan argamanitti eebbifamee jira.

Warshichi bulchiinsa magaala Lammii Kuraa keessatti akka ijaaramuufi haadholii harka qaleeyyii 2000 dabalatee walumaa galatti namoota 4,00 ta'aniif carraa hojii akka banu ibsamee ture.

Warshaan kuni hanqina biddeenaa furuuf akkasumas carraa hojii uumuuf akka gumaachu Hogganaa Itti-aanaa Kominikeeshinii magaalichaa Obbo Solomoon Dibaabaa BBC'tti himanii turan.

"Magaalattii keessas hanqina buddeenafi daabboo jiru furuudhaaf, qotee bultoota naannoo kana jiraataniifi jiraattota magaalaa akkamitti akka fayyamtoota taasisu irratti kaka'uumsa Kantiibaa magaalichaatiin hojjatamaa jira," jedhanii turan.

Warshaan daabboo Shaggar akkam ta'e?

Waggoota muraasan dura bifuma wal-fakkaatun warshaa daabboo Shaggar jedhamu dhaabuufi hanqina dhiyeessii daabboo magaalattii furuuf fayidaa akka qabu ibsamee ture.

Haa ta'u garuu warshaan daabboo Shaggar kun waan dhaabateef hin milkeessine jechuun komiin irratti ka'ee ture.

Kanarraa bulchiinsi magaalichaa muuxanoo maal fudhatee warshaa budeenaa banuuf karoorse? jedhanun gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin:

"Saniin qofa [warshaa daabboo Shaggara] fedhii uummata magaalattii guutun hin danda'amne. Namni waan itti godaanufis baay'inni uummata magaalattii dabalaa jira, qaala'iinsi jireenyaa kunis jira waan ta'eef suni qofti gahaa miti," jedhan Obbo Salamoon.

Warshaan buddeenaa kun gaafa hojii eegale guyyaatti birrii miiliyoona 3.4, waggaatti ammoo birii biiliyoona 1.3 galii akka galchutu himame.

Akka Obbo Salamoon jedhanitti haadholiifi namoonni harka qaleeyyii ta'an gaafa warshicha keessatti of danda'an, namoota biroo ammoo itti hojjatanii akka of-jijjiiraniif carraan ni kennamaaf jedhame.