Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deeggarsa midhaan Sagantaa Nyaata Addunyaa fi dhaabbata US Itoophiyaatti adda cite
Baha Afrikaatti waggoota afurtamman darban keessatti bifa mul'atee hin beekneen gogiinsi mudateera.
Kaaba Itoophiyaatti warraanni dhiigi heddu itti dhangala’eefi bakkeewwan biyyattii garagaraatti walitti bu’iinsoti garagaraa mudataniiru.
Kun ammoo lammiilen Itoophiyaa miliyoona 20 ol ta'an deeggarsa hatattamaafi harka namaa akka ilaalan taasiseera.
Dhaabbileen deeggarsa idil-addunyaa garaa garaa akka jedhanitti, naannoo Tigraayitti lammiilen 90% ta’an deeggarsa nyaataa isaan barbaachisa.
Rakkoo kana furuuf dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa garaa garaa gochaa turan.
Itoophiyaadhaaf biyyoota deeggarsa nyaataa godhan keessaa Ameerikaan adda dureen yoo eeramtu, karaa dhaabbata gargaarsa isheefi dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa garaa garaa deeggarsa taasifti.
Haata’u garuu, ALI Caamsaa 1, 2015 irraa kaasee, dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID gargaarsa nyaataa dhiyeessu dhaabuu beeksise.
Kanaaf sababnni dhiyaate ammoo midhaan nyaataa namoota gargaarsa barbaadaniif kennamuu qabu fayidaa biraaf oole kan jedhuudha.
“Deeggarsi nyaataa uummata Itoophiyaaf dhiyaachuu qabu hangi isaa guddaa ta’eefi bifa qindaa’en kaayyoo biraaf oolera,” jechuun deeggarsa kana akka dhaabe USAID beeksisee ture.
Murtee kana ammoo mootummaa Itoophiyaa wajjin wal-ta’uun akka qoratu ibse.
ALI Caamsaa 2, 2015'tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) ammoo Itoophiyaatti deeggarsi nyaanni hangi isaa guddaa ta’e kaayyoo hin malleef oolera jechuun deeggarsa nyaataa biyyattiitti taasisu adda kutuu beeksise.
“Deeggarsi kaayyoo hin malleef ooluun isaa tasuma waan fudhatama hin qabneedha,” jedhan Hoji Gaggeessaa WFP kan ta’an Siindii Makeeyin.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa ALI Caamsaa 3, 2015'tti baaseen ammoo, murteen USAID kaayyoo “siyaasaa” of keessaa qaba jechuun mormee ture.
Ministiirri Tajaajila Kominikeeshinii Dr. Laggasaa Tulluu ibsa kennaniin, “murtee jumlaa” ta’uu ibsuun bifa kanaan namoota miliyeenan lakkaa’aman adabuun “bifa siyaasaa malee namoomaa hin qabu” jechuun ijjannoo mootummaa beeksisan.
US deeggarsa adda kutuu hordofee mootummaan Itoophiyaafi USAID deeggarsa nyaataa fayidaa hin malleef oole kana furmaata itti gochuuf kutannoon akka hojjatan lamaanuu ibsaniiru.
Ibsi waloon kennaniin mootummoonni biyyoota lamaanuu kanneen deeggarsa namoomaa fayidaa hin malleef oolachan irratti tarkaanfin seeraa akka fudhatamuuf waadaa galaniiru.
Deeggarsa namoomaa kaayyoo hin malleef oolchera jechuun Raayyan Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa komatameera.
Ministiirri Ittisaa ibsa baasen raayyaan ittisaa deeggarsa nyaataa akka hin fayyadamnee fi himata irratti dhiyaates balfeera.
Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Refugee International ibsa BBC'f ergeen deeggarsi namoomaa Itoophiyaatti kaayyoo hin malleef oolun hordofee mootummaan Ameerikaa “gochaa akkasii akka bira hin dabarre,” ifatti agarsiisuu qaba jedhe.
Maaltu mudatee ture?
Barruun Ameerikaa Waashingitan Post jedhamu odeeffannoo dhoksaan argadheera jechuun deeggarsa nyaataa kaayyoo hin malleef oolchuu keessatti mootummaan federaalafi kan naannolee hirmaachuu gabaase.
Haa ta’u garuu deeggarsi nyaataa hatame hangam akka ta’e ifa hin goone.
Angawoonni deeggarsa nyaataa afaan uummataatii fuudhun loltootafi warra duraa loltoota turaniif akka kennan gabaase. Warshaalee daakuu biyya alaatti erganiifis ifatti gurguruu isaanii qorannoon USAID ifa gochuu gabaase.
Gareen qorannoo kun warshaalee daakuu 63 naannolee Itoophiyaa 9 keessatti argaman daawwachuun, naannolee 7 keessatti deeggarsi midhaan nyaataa guddaan fayidaa hin malleef ooluu ibseera.
Midhaan nyaataa US, Yukireen, Jaappaanifi Faransaayi irraa Sagantaa Nyaataa Addunyaa2f arjoomame saamameera jedha gabaasichi.
Hojjataa deeggarsa namoomaa dhimmicha beekurraan odeeffadhe jedhee Washington Post akka gabaasetti aangawoonni naannoo itti gaafatamummaan itti kenname maqaa namoota deeggarsa barbaadanii yeroo qopheessan lakkoofsa maatii rakkatanii olkaasufi kanneen beela'aniif deeggarsi akka hin qaqqabne godhaniiru.
Dhiimicha kan quba qaban dippiloomaatin tokkommoo midhaan nyaataa USAID deeggarsaan dhiyeesse loltootafi humnoota Tigraay duraan lolarra turan sooruf fayidaarra ooluu ragaan agarsiisu jiraachuu dubbatan.
Lammiilen Itoophiyaa beelan dararamaa yeroo jiranitti midhaan deeggarsaa daakun gara gabaa Keeniyaafi Somaaliyaatti ergmaa jira kan jedhan dippiloomatin kun Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) "maal na dhibeen calliseera ykn wajjin hatan" jedhan.
Warshaaleen daakuu naannoo Somaaletti argaman qamadiin deeggarsaa kuntaala asxaa USAID fi WFP ofirraa qaban baay'inaan bitaa akka turan garee qorannichaatti akka himan ibsan dippilomaatin kun.
Mootummaan federaalaafi Tigraay maal jedhan?
Nannoon Tigraay koree himannaa kana qoratu kan hundeesse yoo ta'u, koricha kan gaggeessu itti gaafatamaa dhimma nageenyafi tasgabbii naannoo Tigraay Jeneraal Fissahaa Kidaanuu deeggarsi hangamii akka gale, eenyu akka raabsefi akkamitti akka raabsame qorannoo akka gaggeessaniifi hawaasa biraas eerun akka kenname ibsan.
"Xiiqqaatus baay'atus deeggarsi namoomaa akka bade mirkaneeffanneera. Kuni akka ka'uumsatti kan bira geenyedha malee kan biraas jiraachuu akka malu tilmaama keessa galuu qaba," jedhan Jeneraal Fissahaan.
"Qaamolee hundumaan wantoonni godhaman jiru. Fakkeenyaf, yeroo waraanni gaggeeffamee ture [fi] mootummaan federaalaa bulchaa ture, qaamoleen bulchiinsa yeroo muudamanii turan hanniifi waliin dhahuun raawwatan jira.
"Midhaan deeggarsaa humni Shaabiyaa hates jira. Deeggarsa akka raabsaniif uummataafi bulchiinsan kanneen bakka buufaman hanni raawwatan jira. Kanneen deeggarsa dhiyeessan hojii gaarii hojjataniif galateeffamuu qabaatanis gama isaaninis hanni raawwatame jira," jedhan.
Midhaan nyaataa deeggarsaan dhiyaatu gabaatti gurguramuu kan eegale walii galteen nagaa osoo hin mallaati'in dura hojjattoonni dhaabbilee gargaarsaa kunneen sababa hanqina qarshii callaan mindaa argachuu waan hin dandeenyef bakkasaa midhaan deeggarsaa isaanif kennamu gurguruu isaanitiin shaqaxoonni naannoo Amaaraa, Affaarifi naannolee biroorraa Tigraay seenan kuntaala/korojoo dhaabbilee gargaarsaa kanaan ta'uurraa kan ka'e, akkasumas naannoo Tigraay keessatti midhaan deeggarsaa hatamuun gabaaf dhiyaateras jedhan.
Haadholiifi ijoollen hanqina nyaatan lubbuusaanii dhabaa osoo jiranii namni gara hannaatti seenu jiraachun dhagahuufuu kan namatti hin tolle ta'uu kan himan Jeneraal Fissahaan, kanarratti qabsaa'uu dhabuun "du'uudhan tokkuma" jedhan.
Bakkeewwan garaa garaarraa namoonni kanaan shakkaman 186 naannichatti to'annoo jala ooluu seeratti dhiyaataa jiraachus himan.
Tigraayitti koreen hanna midhaan deeggarsaa kana qoratu deeggarsi naannichatti akka addaan citu murtaa'un "murtee du'aa murteessun tokkuma" jechuun yeroo dhiyootti deeggarsi namoomaa kun deebi'ee akka eegalu abdii qabanis ibsan.
Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa federaalaa gamasaan murteen deeggarsa namoomaa addaan kutuu kun lammiilee miliyeenan lakkaa'aman rakkoo hamaaf kan saaxilu ta'uusaan murticha akka hin fudhanne ibsuun murtichi keessa deebi'amee akka ilaalamu gaafateera.
Mootummaan hanga ammaa dhimmicha adda baasuf maal akka hojjate waanti jedhame hin jiru. Waanti mootummaan hanga ammaa hojjata yoo jiraate gaafachuuf BBCn yaalin hodhe hin milkoofne.
Garuummoo deeggarsi midhaan nyaataa kaayyoo hin malleef hojiirra oolachurratti kan hirmaatan ragaan irratti argamnaan tarkaanfii fudhachuuf qophii ta'uu beeksise.
Dhimma kanarratti BBCn itti gaafatamtuu USAID kan ta'an Samaantaa Paaworiif gaaffii dhiyeessee deeggarsi midhaan nyaataa addaan cituun kan nama hin gammachiifne ta'uu ibsuun deeggarsi namoota gargaarsa barbaadaniif kenname gabaatti dhiyaachun bu'aan ittiin sassaabamaa jiraachuu himan.
"Qorannoon gaggeeffamaa jira. Deeggarsa irra deebin eegalchiisuf fedhii qabna. Kanaaf ammoo deeggarsi qaamolee bira gahuu qabu biraan gahaa jiraachurratti wal-amanuu uumuu qabna.
"Kanaaf ammoo dhaabbilee deeggarsa kennan kanneen akka USAIDfi aangawoota mootummaa Itoophiyaa gidduutti walitti dhufeenyi jiru dafee jijjiirama akka agarsiisu abdiin qaba," jedhan.
Jijjiirama maaltu jira?
Dhiyeenya kana Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa nyaataa Itoophiyaatti addaan kute deebisee itti fufuu akka malu beeksisee ture.
Namoonni deeggarsa barbaadan bifa kamiin akka filataman irratti to'annoo gochuun yoo danda'ame ji'a dhufurraa eegalee deegarsa nyaataa itti fufuu akka danda'u Rooyitars qondaaltota WFP waabeffachuun gabaase.
Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP)tti daayireektara misooma poolisii kan ta'an Valaarii Guwaarniyar, "Namoota deeggarsa barbaadan filachuurratti nuyi akka Sagantaa Nyaata Addunyaatti, akkasumas dhaabbileen miti mootummaa biroo michuu keenya ta'an kallattiin keessatti hirmaachuu barbaanna," jedhan.
Qorattoonni Sagantaan Nyaata Addunyaa sirna hordoffii dhaabbatichaarratti, keessumaa naannoo Tigraayitti, dadhabinni jiraachuu bira gahuu ibse.