Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjettoonni warshaa simiintoo Caancootti hidhattootaan ugguramanii turan gadhiifaman
Kaaba Finfinnee dhiyeenya Caancootti hojjettoonni warshaa simiintoo Itiyoo hidhattootaan ugguramanii turan torbanoota booda gadi dhiifamuu aanga'aan mootummaa naannichaa tokko BBC'tti himan.
Finfinneerraa kiiloomeetira 47 fagaattee kan argamtu magaalaa Caancootti dhiyoo kan jiru bakka warshaa simiintoof galteen baafamuu namoonni 9 hidhattootaan butamanii akka turan gabaafamaa ture.
Bulchaan Aanaa Sulultaa Obbo Girmaa Wayyeessaa BBCtti akka himanitti torbanoota dura hojjettoonni warshaa kanaa 27 ugguramanii, namoonni 18 torbee lama dura gadi dhiifaman.
Namoota filamanii hambifaman keessaa 6 lammilee Hindii yoo ta'an sadi ammoo namoota Afaan hiikaniifidha.
Akka Obbo Girmaan jedhanitti namoonni saglanuu gadi dhiifamanii gara magaalaa Caancootti deebifamaniiru.
Hidhattoonni hojjettoota kana gadi dhiisuuf maallaqa danuu gaafatanii turan. Haata'u malee akkaataa kamiin akka gadi dhiifaman wanti beekan akka hin jirre Obbo Girmaan himaniiru.
Eenyummaan hidhattoota kanaa hin baramne. BBCn warshaa simiintoo Itiyoo irraa dhimma kanarratti yaada dabalataa argachuu hin dandeenye.
Erga yeroo dhiyootii as Oromiyaa iddoowwan gara garaatti hidhattoonni namoota ugguranii maallaqa gaafachuun baratamaa dhufeera.
Mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) 'ABO-Shanee' jedhee waamu gocha akkanaaf gaafatamoo yoo taasisu, WBOn garuu kana ni waakkata.