Koloneel Dabalaa Dhinsaa: Namni Hayilasillaasee angorraa buuseefi 'Qayyi Shibbirii' dhaabsise eenyu?

Koloneel Dabalaa Dhinsaan abbaasaa Obbo Dhinsaa Wageenaafi haadhasaa Aaddee Kitilee Ambaliitiif ilma tokkicha ta’uusaa irraa kan ka’e haalaan kunuunfamee guddate. ALI'tti bara 1933 keessa Wallagga Lixaa Gimbiitti dhalate.

Maatiin Koloneel Dabalaa hojii qonnaan ofirra hafoo waan ta’aniif bara namni barate ibsaan barbaadamu hanga kutaa 8 Gimbiitti barachuun Naqamteetti imaluun ammoo barnoota sadarkaa lammaffaa barate.

Baadiyaa Gimbii, Looyyaa Gafareedhaa ka’ee qondaala waraanaafi siyaasaa gulantaa olaanaa ta’uu danda’eera. Warra jalqaba Dargii hundeessan keessas tokko yoo ta'u, mootii Hayilasillaasee kan namni akka Waaqatti ilaalu aangorraa buusuu keessatti adda durummaan maqaansaa ka'a.

Gaafa Dargiin karaarraa maqus sirrii miti jedhee nama jalqaba Mangistuu Hayilamaariyam dura dhaabbatee akka ture himama.

Ofii Koloneel Dabalaa Dhinsaa kan waa'ee gootummaafi hojii gaarii inni hojjatee ilaalchisee seenansaa hin himamine kun eenyudha? Dhiyaadha.

Haala barnootaa

Odeessi kunis kitaaba Koloneel Dabalaa Dhinsaa osoo lubbuun jiruu barreesse “Du’anii Jiraachuu” jedhuufi namoota waa'eesaa beekan irraa kan qindeefameedha.

Bara sana hanga kutaa 8 barachuun mataansaa iddoo guddaa qaba. Sadarkaa lammaffaa barachuuf yeroo sana Wallagga keessatti carraan namni qabu Dambi Dolloo ykn Naqamtee Deemudha.

Koloneel Dabalaan baruumsa Sadarkaa lammaffaa barachuuf gara Naqamtee imaluun mana baruumsa bultiitti barachuu eegale.

Yeroo boqonnaasaatti hiriyootasaa waliin xajjii dhuguu jaalata. Ammalli kana yeroodhuma Gimbii tureyyuu qaba. Xajjii dhuguufi nama isa qoccole tumuu jaalata.

Dabalaan gaafa xajjii dhuge haa hafuutii gaafuma kaanuu dhiirummaasaa warri isa beekan ragaa bahuuf. Baruumsattis akka malee colleedha.

Haala Finfinnee itti dhufan

Koloneel Dabalaa Dhinsaa hiriyaasaa waajjin ALI bara 1951'tti Naqamtee bahanii waktii gannaa keessa Finfinneedhuma halaalaa waa’eeshee dhageenyu kana maaf hin ilaallu jechuun lama ta’anii manaa bahan.

“Finfinnee gaafa geenyu baay’ina namaafi konkolaataa arginee waaqaafi lafti nuun garagale. Guyyaa lama hojiidhuma idilee godhannee naannoo Charchil dhaabbataa oollee konkolaataa ol bahee gadi bu’uufi namasaa daawwataa oolle.

Sana booda Finfinnee keessa olii gadi deemaa oollee hirriba qofaaf halkan mana kireeffannetti galla ture. Markaatoofi Piyaassaa deemnee foon hoolaa saantima shantamaan nyaanna turre,” jechuun ibsa.

Turtii ji’a lamaa booda Naqamtetti akka hin deebine lamaanuu murteessan. Jireenya Finfinnees dhandhamaniiru mitiiree?

Guyyaa tokko Dabalaan hiriyaasaa waliin beeksisa leenjii poolisummaaf bahe argee galmaa’e. Qormaata darbuun ALI bara 1952-1953'tti waggaa lamaaf leenjii poolisummaa fudhachuun poolisii ta’e.

Osoo hin turin Harargeetti ramadamuun hojii poolisummaa itti fufe. Bara sanatti Dabalaan nama barate waan ta’eef hojii poolisummaa qofa osoo hin taane buufata poolisii keessatti poolisootaafi gaggeesitoota hin baranne kan qubaan mallateessan barsiisuu jalqabe.

Hojii gaariifi amanamummaan inni agarsiisu gaggeessitootasaa duratti jaalatamummaa guddaa isa argachiise. Namoota kaan caalaa gulantaarratti gulantaan dabalamaafii dhufe.

Imala gara Ameerikaa

Harargee deemee waggaa hedduu osoo hin turiin Ameerikaa deemee leenjii poolisqummaa dabalataa fudhachuun deebi’ee poolisoota akka barsiisuf carraa argate.

Qormaata darbuun ALI bara 1959'tti gara Ameerikaa deemun Washington International Police Academy'tti leenjii yeroo gabaabaa fudhatee deebi’ee bakkuma duraan ture Harargeetti akka hojjatu godhame.

Poolisiin qubaan mallatteessu akka hin jiraanneef duula poolisii barsiisuu akka biyyatti qophaa’e irratti hirmaatee leenjii fudhatee akka barsiisuf Dabalaan poolisii guutummaa Harargee bakka bu’uun Finfinneetti waamame.

Dabalaan waan itti amane ogummaafi gootummaan dubbachuuf akkasumas hojjachuuf nama duubatti hin deebiine akka ta’e heddutu ragaa bahaaf.

Barreessaafi qorataa seenaa kan ta’e Yaasoo Kabbabaa, “Dabalaan nama kutataa, waan itti amane gochuuf duubatti hin deebine akkasumas gara laafessa,” jechuun BBC'tti hime.

Dabalaan beekamtiifi maqaa guddaa kan horate bara bulchiinsa Dargii keessa ture. “Dargii keessatti yeroo warri kaan Mangistuu Hayilamaariyamiif harka dhahan Dabalaan waan itti hin amanne qophaa isaa nama mormaa tureedha,” jechuun seenaan isaa garuu akka hin barreeffamne dubbata Yaason.

Dabalaan ALI bara 1964-1965'tti Ertiraa turuun waggaa 11 booda bara 1965'tti Finfinneetti deebi'uun giddu gala ajaja poolisii waliigalaatti barruuwwan hubannoofi gahuumsa poolisii gabbisan qopheessun maxansuurratti itti gaafatamummaan muudame.

Kun ammoo qondaaltota poolisii, waraanaafi siyaasaa bara Hayilasillaasee hedduun akka wal-baruuf carraa baneef.

Warraaqsa Hayilasillaasee aangorraa buuse

Bulchiinsi mootii Hayilasillaasee fonqolcha ALI bara 1953'tti irratti yaalamee fashaleen booda bara 1960’oota keessa sochii barattoota Yuunivarsiitii dabalatee waraanaafi kutaalee hawaasaa garaa garaarraa mormiin cimaan mudachuu eegale.

Warraaqsi barattoonni eegalan hawaasa, humna waraanafi poolisii gidduuttis babal’atee hundee godhachuu eegale. Bulchiinsi mootummaa Hayilasillaases keessisaa nyaatamuu akka eegale himuun waan ture kitaabasaa keessatti seenessa.

"Namni miidhaa irra gahe akka hin dubbanne ukkaamsun fanjii guyyaa tokko dhohuunsaa hin oolle awwaaludha. Kasaaran Hayilasillaaserra gahes kanuma. Roorroon bara baay'ee kuufame osuma jiruu boba'aarratti saantimni kudhan dabalamnaan yeroo sana konkolaachiftooni taaksii [Finfinneetti] diddaa hojii taasisan.

''Kana hordofee sirna barnootarratti jijjiiramni godhamnaan barsiisonni waamicha hojii dhaabuu taasisuun hiriirri bahamuu eegale," jedha.

Bulchiinsa sirna mootii mormuuf warraaqsi Finfinneetti eegale guutummaa Itoophiyaatti babal'atee mormiin barattoota yuunivarsiitifi sadarkaa lammaffaa giddu galeessa godhate itti fufuu ibsa Dabalaan.

"Waraana keessatti warraaqsi ummataa kun iddoo qabachuun ammoo kufaatii sirna mootif iddoo guddaa qaba. Hayilasillaasee kan kuffise waraanuma inni leenjiseedha.

Warraaqsi jabaatee waraana keessattis hundee gadi fageeffannaan mootummaan Hayilasillaasee dirqamee Guraandhala 20, 1961 Ministeera Muummee kan ture Akliiluu Habtawald aangorraa gaggeessun mootummaan haaraan Lij Indaalkaachoo Makonniniin durfamu hundaa'uu beeksise," jechuun ibsa.

'Warra dargii hundeessan keessaa tokko ana'

Dabalaan akka barreessetti, mootummaan Hayilasillaasee warraaqsi ija baasee waan itti dhufeef hanga dhumaatti sirna sana oolfachuuf jecha waraana keessatti jijjiirama bu'uuraa finna jechuun koree hundeessun qondaaltota olaanoo 60 to'annoo jala oolche. Yeroo kuni ta'u Dargiinuu hin hundoofne.

Sirni mootii of-oolchuf tarkaanfii garaa garaa fudhatus kufaatirraa ooluu akka hin dandeenye kan baran namoonni akka Koloneel Dabalaa Dhinsaa humna waraanafi poolisii keessa jiran suuta akkaataa itti Hayilasillaasee aangorraa kaasan karoora baasuu eegalan.

Mootummaan koree hundeessee haaromsan fida jedhee hojii jalqabus, gama biraan ammoo hundeeffamuu Dargiif bu'uura kan ta'e koreen 'Shaalaqaa' Axinaafuu Abaataa fa'iin gaggeeffamu Kutaa Waraana Lafoo 4ffaa (Fourth Infantry Division) keessatti hundeeffamuu ibsa Dabalaan.

"Koreen Shaalaqaa Axinaafun gaggeeffamu waraana keessatti jijjiiramni akka dhufuuf kutaalee waraanaa garaa garaaf waamicha dhiyeessun kutaa isaanii keessaa nama tokko tokko bakka buusun gaafa Waxabajjii 21, 1966 wiirtuu Kutaa Waraana Lafoo 4ffaa Finfinnee jiruutti akka ergitan kan jedhu ture," jedha.

Nammoonni kora kanaarratti akka hirmaataniif waamaman humna waraanaa, humna poolisii, waraana biyyoolessaafi mana amala sirreessaa irraa yoo ta'an gulantaan isaanii 'Shaalaqaa' fi isaa gadi ta'anii hojii isaanitti cimoo, amanamoo ta'uu akka qaban ulaagan kaa'amee ture.

Yaasoo Kabbabaa akka jedhutti garuu, hirmattoonni hundeeffamuu Dargiif sababa ta'an sun gulantaa shaalaqaa akka hin caalle sababni godhameef qondaalota waraanaa olaanorraa mufiifi aarii waan qabaniif akka ta'e ibsa.

Koreen Shaalaqaa Axinaafuu Abaataa fa'aa hundeessan kora hatattamaa Caamsaa 21, 1966 ALItti waaman irratti namoota argaman keessaa tokko Mangistuu Hayila Maariyamiidha akka Dabalaan barreessetti.

"Eenyummaa Shaalaqaa Mangistuu Haayilamaariyam kan barre wal-gahii sanarratti gara fuulduraatti maal-gochuu akka qabnuufi maaltu akka nurraa eegamu akka dubbatuuf carraan erga kennameefii booda.

"Mangistuun sodaa malee gaafa dubbachuu eegalu wal-sodaachufi wal-amanuu dhabuu gidduu keenya ture nurraa mulqe. Dubbii ijoon inni dubbate tokkoffaan eessaa kaanee eessa geenya kan jedhu tarsiimoo qopheessuu, caasaa kana milkeessu diriirsuu barbaachisa erga jedhee booda ijannoo waloo ''Itoophiyaa Tiqidam yaala mini dam! (Dhiigi osoo hin dhangala'in Itoophiyaan haa dursitu!) kan jedhu nu barbaachisa jedhee guddisee gabatee gurraacharratti barreessee taa'e," jechuun Dargiin akkamitti akka hundaa'e ibsa.

Walgahii godhatan kanaan koreen Dargii nama108 qabu Mangistuu Hayilamaariyaam dura taa'aa gochuun Shaalaqaa Axinaafuu Abaataa ittaanaa, haalaqaa Gabrayyas Walda Hannaa barreessaa gochuun filate.

Mangistuun colleefi sodaa malee dubbachuusaatin dafee ija namaa keessa seenuusaatin gaggeessaa ta'ee filatamuuf carraa akka argate ibsa Dabalaan.

Koreen Mangistuu Hayilamaariyaamii gaggeeffamuufi Dabalaa Dhinsaa keessa jiru kun itti fufiinsan hojii qalbii uummataa hawwatufi piroppaagaandarratti hojjachuun mootummaa Hayilasillaasee keessatti mootummaa biraa uumuu danda'e

"Wantoota walitti bu'iinsaf yaaddoo ta'an hir'isuufi qabsoo qaamolee garaa garaan gaggeeffamu gidduutti qindoomina uumuf, akkasumas masaraa mootummaatti yaaddon hin malle akka hin dhagahamneef jecha ALI Caamsaa 22, 1966'tti jila nagaa Dargii tokko gara mootichaatti ergine," jechuun ibsa.

Dargiin jila kana gara Hayilasillaasetti erguunsaa yeroo bitachuuf ture. Jilli dhaqe sun roorron uummataa waan hammaatef koreen Dargii hundaa'e mana maree ministeerotaa haaraa hundaa'e wajjin fayidaa uummataa eegsisuuf akka hojjatu hayyama argachuuf ture.

Hayilasillaasen gaaffii Dargiin dhiyeesse kana fudhachuun ammoo caalmatti Dargiif humna ta'e.

'Hayilasillaasee duratti si'a afuran dhiyaadhe'

Koloneel Dabalaa Dhinsaa hundeeffama Dargii keessa turuurraa kan ka'e koree garaa garaa keessatti hirmaatee hojjateera. Waan itti amane ifattiifi sodaa malee waan dubbatuuf bakka rakkoon jiruufi namni kaan dhaquu sodaatu "Dabalaan haa dhaqu" akka jedhamu hima.

Koreen Dargiin hundeesse hojii jalqabee baay'ee osoo hin turin hanqinni maallaqaa mudate; Hayilasillaasen dolaara biliyoona tokko ta'u Swizz Bank akka dhokse odeeffamaa waan tureef koreen Dabalaa Dhinsaan durfamu dhaqee qarshiin eessa akka dhaqe Hayilasillaasee akka gaafatuuf Dargiin isa erge.

"Qaammee 5, bara 1966tti koreen anaan durfamu masaraa mootummaatti ergame. Yaa mootii qarshii tarii yeroo biyyi keessan rakkate ittiinan rakkina oolcha jettanii keessan keessaa yeroon itti uummata keessan ittiin gargaartan amma waan ta'eef koreen qindeessituu [Dargii] nu ergeera waan ta'eef akka nu gargaartaniif kabajaan isin gaafanna jedheen itti hime," jedha.

Hayilasillaasenis qarshii homaa akka hin dhoksine itti himuun waan Dabalaa aarse dubbate.

"Si'i gurbaa! Ofii qarshichi meeqa? naan jedhan. Dolaara biliyeena tokkoofi miliyeena 120tti kan tilmaamamuudhan jedheen. Silaa ati biliyeenni meeqa akka ta'e beektaa? naan jedhan.

Yaa mootii, biliyeena kan beeku isa biliyeena lakkaa'udha!" jechuun ciiqodhaan Hayilasillaasee tuqe. Boodarra Hayilasillaasen "qarshiin dhoksine hin jiru jedhaatii koricha isin ergetti himaa" jechuun Dabalaa fa'aa ofirraa gaggeesse.

Dabalaan fa'aa deebii kana qondaaltota Dargii isaan ergetti gaafa himan isa dhumaa Hayilasillaasen bu'uu akka qabu irratti walii galame.

Dabalaan jalqaba Hayilasillaasee duratti kan dhiyaate bara 1953 ALItti yeroo Kolleejjii Poolisii Abbaa Diinaa irraa poolisummaan eebbifamee Hayilasillaasee harkaa waraqaa ragaa fudhateedha.

Yeroo lammaaffaaf ammoo Birgaader Jeneraal Amaan Amdoom Itaamaajoorii waraanaa akka ta'uuf Hayilasillaaserraa hayyamsiisuf Dargiin koree hundeessee yeroo ergeedha.

Sadaffaa waa'ee qarshii dhokfamee gaafchuuf yoo ta'u, afraffaa Hayilsillaasee aangorraa akka buusuf yeroo ergamu akka ta'e Dabalaan barreessera.

'Hayilasillaasee buusuu gaafa dhaqnu sinbirri tokko mooraa keessaa fiigdee nutti iyyite'

Fulbaana ALI 2, 1967'tti Hayilasillasee aangorraa buusuf koreen Dabalaan durfamu ganama sa'aatii 2tti masaraa mootummaa gaheera. Garuu Hayilasillaasee caala waa'en sinbira tokkoo qalbiisaa fuute.

"Masaraa seennee haalaa mijeessaa osoo jirruu, mana eegduuf qophaa'erra asii achi fiigdee sinbirri tokko inuma iyyiti turte. Eegduu keessaa tokko ofitti waamen, sinbirri kun maalidha? jedhee gaafadhe.

Balaan wayii uumamuuf gaafa jedhu asiifi achi kaattee mallattoo kan dhageessiftuudha sinbirittiin. Sagaleen amma dhageesse kunis balaan wayii akka jiru of-eeggannoo kennuusheeti naan jedhe.

"Hayilasillaasen aangorraa bu'uu kan caalu balaan maaltu dhufan jedhe keessa kootti. Mootichi iddoo erga qabateen booda gaazexeessitoonni akka galan goone," jedha.

Hayilasiillaasetti aangorraa bu'uu itti himuun salphaa akka hin turre hima Dabalaanuu. Barreessaa Yaasoo Kabbabaas yaada Dabalaan barreesse kana qooddata.

"Bara dheeraf Hayilasillaasen sammuu namaa keessatti akka Waaqatti ilaalamaa waan tureef isa dura dhaabbatanii ati kana booda aangorraa buute jechuun ulfaatadha," jechuun Dabalaa Dhinsaa dhuguma kutataafi goota ta'uu hima.

Hayilasillaasen teessoo ulfinaasaarra taa'uu erga dhagahanii booda Dabalaan fa'aa ergaa Dargii biraa fudhatanii dhufan fudhatanii ol-seenan.

"Hunduu erga qophaa'en booda hiriyoota koo bitaan mirgaan hiriirsen kiisa keessa waraqaa fuudhee dubbise. Yaad-rimeen ergichaas, 'Yaa mootii, biyyaafi uummata keessan miidhuu caala yeroo ammaa Itoophiyaa bulchuuf umuriin isiniif hin hayyamu.

''Kanaaf aangorraa buutanii bakka nageenyi keessan akka eegamuuf isinii qophaa'e akka deemtan isin gaafannan jedheen. Waraqicha ergan dubbiseen booda mootichi daqiiqaa sadii hanga shanii erga callisanii booda, "dhageenyera!" jedhan.

'Gargaaraakoo [Wasanee] fudhee deemun naaf hayyamamaa naan jedhan'

Hayilasillaaseen bu'uunsaa erga itti himamee booda waa'ee siyaasaa akka hin taane ibse Dabalaan.

"Ashakariinoo? jedhan. Nuti kan beeknu uummanni Itoophiyaa marti ashkariisaanii akka ta'eedha. Enyudha inni? jedheen gaafadhe. [Eenyummaasaa] maaltu si filachiise? naan jedhan miira aarin. Wantichi dalga natti galee osoon dhaabadhuu, Wasanee! Wasanee! kan jedhu duubaa sagalee akkuman dhagaheen namni huccuu bareeda uffate wayii addaan lafa gahee osoo oljedhuun arge.

"Ashkarichi isa akka ta'en bare. Mootichi quba harkaarratti qubeellaa warqee godhataniiru. Mootonni yeroo rakkoon akkasii isaan mudatu harka kennachuurra summii achi keessa olkaa'an dhuganii du'u oduun jira waan ta'eef sochii inni qubeellaa harkasaa wajjin godhu sirriitti hordofaa, yoo dhuguuf ka'e gachisiisaa kan jedhu ajajni nuu kennamee ture.

Hayilasillaasen Ashkariisaa Wasanee fudhatee akka deemu Dabalaan erga hayyameefii booda sochii eegalan.

"Mootichi ka'ee bahuu osoo hin eegalin qawwee 'uuzii' hidhadhee jiru gadi buusen 'milaaccii' qabadhee dhaabadhe. Jaanoyi gaafa ka'an kallattii ani itti qawwee qabadhee jirutti dhufan. Qawwee qabattee maalif dhaabatta naan jedhan? Jaanhoyi, qabannaaf akka natti toluuf jedheetanin jedheen.

''Akka kolfuu ta'anii, 'nu qabuuf moo? naan jedhan. Lakki qaweedha malee jedheenin konkolaataa yaabbachuuf gaafa gadi bahan hojjattoonni mooraa keessa jiran hundi addaan gadi jedhanii mooticha yeroo dhumaaf gaggeessan," jechuun taatee gaafa sanaa ragaa baha.

Hayilasillaasee konkolaatan fuudhanii gaafa karaarra deeman namoonni karaatti yaa'anii "hattuu!, hattuu!..." jechaanii akka turanis Dabalaan kitaaba isaa keessatti ibseera.

Rakkoon nageenyaa osoo hin uumamin Hayilasillaasee aangorraa buusanii gaafa deebi'an qondaaltonni Dargii gammachuu guddaan Dabalaa simatan. Hayilasillaasee buusanii Kutaa Waraana Lafoo 4ffaa geessuu gaafa itti himan, "Koloneel Mangistuun amanuu dadhabee gammachuurraa kan ka'e natti maramee akka na dhungate nan yaadadha," jechuun taatee gaafa sanaa ibsa.

Hayilasillaasen erga aangorraa bu'een booda Dabalaan qondaala Dargii olaanaa ta'uun ergama garaa garaa raawwateera. Dargiin akkuma aangoo qabateen mootummaa haaraa hundaa'e biyyoota garaa garaa wajjin walbarsiisuf jila ergamaa turan keessaa Dabalaan adda duree ture.

Biyya keessattis bakka roorron hawaasaa jiruufi hoomaa waraanaa keessattis rakkoon yoo dhalate dandeettii nama amansiisufi sodaa malee dubbachuu waan qabuuf "Dabalaan haa deemu!" jedhama.

Yeroo Fonqolchi Mangistuurratti yaalamu dubbiisana qabbaneessuf deemee, "Lafa abiddi jiru hundatti suma erguu?" jedhee Jeneraal Mariid Nugusee akka gaafate hime.

Fonqolcha Mangistuu Hayilamaariyam irratti yaalameefi yaalii Dabalaan gidduu galuuf godhe

Fonqolcha bara 1981 ALItti yaalame Dabalaan "hojii daa'imaati" jedhee ibsa. Jeneraalonni waraanaa fonqolcha sana qindeessan naannoo gaara Furii ykn Inxooxoo osoo hin taane Finfinneedhuma keessa taa'anii hojjataafi konkolaataan osoo mooraa seenee bahuu wal-gahii gaafa gaggeeffatan akka fashalan ibsa.

"Ministeera raayyaa ittisa kan turan Meejar Jeneraal Hayila Goorgis Haptamaariyaam warra fonqolcha qindeessan keessaa tokko kan ta'an Birgaader Jeneral Qummillaachoo Dajaneetin gaafa achuma ministeera ittisaa keessatti ajjeefamu fonqilchi walakkaan akka kufe agarsiistudha.

Qondaala tikaa kan ta'e Koloneel Tsagayee Waldagoorgis fiigee dhufee ministiirri ittisaa du'uu akkuma himeen gareen waraanaa taankin durfamu kan Shaambal Mangistuu Gammachuun durfamu naannicha [bakka jeneraalonni fonqolcha gaggeessan itti walgahan] akka marsu godhame.

Biiroo ittaanaa pirezidantirraa Dabalaa Dhinsaafi humna waraanarraa Koloneel Addis Tadlaa bakkicha deemanii waan jiru akka adda baasaniif ergaman.

Yaalii Fonqolchaa sana warra gaggeessan keessaa Jeneraal Mar'iid Nugusee wajjin falmii gaggeessee folqolchi gaggeeffamee dhiigni dhangala'uurra mariin furuu wayyaarratti walii galanii gara masaraa mootummaatti yeroo deebi'uuf jedhan taaten Dabalaafi Mangistuu Hayilamaariyam- walitti buusu uumame.

"Mangistuu Gammachuu maalif turtan? jedhee na gaafate. Affeerraa irbaatarra hin turre. Waan irratti walii galluufi hin gallerratti mariyataa turre. Ati waayee kana keessa isaa hin beektu. Daa'ima waan taatef akkasitti gaafattan jedheen.

"Kana garaatti qabatee Dabalaan ijoollee naan jedhe jechuun Mangistuu Hayilamaaramitti na himate," jechuun sanarraa ka'ee Mangistuu Hayilamaariyaam biirotti isa waamee akka isa qorateefi sana booda walitti dhufeenyi Mangistuu Hayilamaaramiif Dabalaa Dhinsaa laafaa deeme.

'Qayi shibbiriin' akka dhaabatuuf qophaa Mangistuu fuuldura dhaabatee falme'

Dargiirratti bitaa mirgaa mormiin hammaatee ajjeechaa qondaalota Dargiirratti raawwatuuf deebii kennuuf Dargiin 'Qayyi Shibbirii' labse. Finfinneefi bakkeewwan garaagaraatii dargaggootarratti tarkaanfiin fudhatama ture.

Yeroo kana kaayyoon Dargii hundeessineef karaarraa maqe jedhee kan amanu Dabalaan magaala Finfinneetti itti gaafatamaa koree warraaqsaafi duulaa ture.

Qondaaltonni Dargii bakka garaa garaatti ajjeechaa yeroo namarratti raawwatan Dabalaan callisee ilaaluu dadhabe. 'Qayyi shibbiriin' Finfinneetti namni manaa bahee galuusaatti yaaddofnaan qoldaaltota mootummaa Finfinnee keessa jiran walitti waamun adeemsi qabsoo karaarraa maqaa akka jiru itti himuun tarkaanfin ajjeechaa akka dhaabatu gaafata.

Namoota walgahii hirmaatan irraa namoota qubaan lakkaa'amaniin ala hunduu ittiin morman. Oduun Dabalaan warraaqsa Dargii ganeera jedhus Mangistuu Hayilamaariyam bira geesse.

Dabalaan akka ajjeefamuuf Mangistuun ajaja dabarsus warri Dabalaan nama dhugaa ta'uusaa beekan waan balleesseef koreetti dhiyaatee jecha haa kennu jennaan Mangistuun carraa laateef.

"Galma walgahiitti gaafan ol-seenu, walgahicha kan gaggeessu Mangistuu Hayilamaariyam gadi jedhee waa barreessa ture. Ol jedhee Jaallee Dabalaa! Nuti halkaniifi guyyaa warraaqsa keenyaaf fiigna. Ati ammoo dhaabbilee ummataa diigun warraaqsicha diigaa jirta. Ofii ati nama warraaqsaati ammoo farra warraaqsaati? naan jedhe.

"Waantin ittiin farra warraaqsaa ta'e maalidhaa? jedheen. Haasaa dhaabbilee warraaqsaa hidhannoo hiikkachiisu dubbatteetta. Ana wajjin hin hojjattan jettee diigdetta! naan jedhe. Ani kanin morme namni maqaa keessaniin ajjeeffamee daandii Finfinneerra guutee jira" jechuun namni maqaa Mangistuutiin buna dhugaa akka jiru itti hime.

Maqaansaa ummata keessatti hamminaan ka'uun kan itti dhagahame Mangistuun, itti gaafatamaa tikaa kan ture Koloneel Takkaa Tulluutiin, "Kun hundi gaafa maqaa kootiin dalagamu ati maal hojjatta? Ammaa kaastee Finfinnee keessatti sagaleen rasaasa tokkoo akka hin dhagahamne hin gootu taanan beekkadhu! jedheen," jechuun guyyaa sanaa kaasee Finfinneetti 'Qayyi shibbiriin' akka dhaabate ibse.

Dargiin keessoo isaa ilaaluu dadhabuun, rakkoo siyaasaa hundaaf deebii humnaa kennuu, siyaasni addunyaa gara itti deemu dursee hubachuu dadhabuu saatti kufaatii isaa akka saffisiise ibsa Dabalaan.

Kufaatii Dargiin booda qondaalonni Dargii heeddu gaafa hidhaman Dabalaan osoo hin hidhamin turuunsaa aantee inni ummataaf qabaataa tureefi qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo dhoksaan deeggaraa akka ture hima Yaasoo Kabbabaa.

Haata'u malee ABOn ADWUI wajjin wal-dhabee gaafa bahu Dabalaa Dhinsaas mana hidhaatti darbamee waggoota heddu booda gadi dhiifame.