Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itiyoo-Eertiraa: Daangaan Humaraa fi Omhaajir ifatti baname
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, daangaa Itiyoo-Eertiraa karaa Humaraafi Oomhaajir wal-qunnamsiisu bananiiru.
Pireezidantii itti-aanaa naannoo Tigraay Dr. Dabratsiyoon G/Mikaa'el fi pireezidantiin naannoo Amhaaraa Gadduu Andaargaachaw sirna baniinsa kanarratti argamaniiru.
Itoophiyaa fi biyyoota Kiristaana Koptikii hordofan biratti guyyaan har'aa guyyaa ayyaana Qillee ykn kabaja Dhaloota Yesuus Kiristoos tahuun ayyaaneffatamaa oola.
Banamuun daangaa kanaa walitti dhufeenya uummatoota biyyoota lamaanii akka cimsuu fi gara fuuladuraattis daldala daangaa cehu ni cimsa jechuun waajirri Ministira Muummee fuula Twitter isaaaniirratti maxxansaniiru.
Kanaan duras bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii kunniin daangaa Itiyoo-Ertiraa gama Zaalaambassaa fi Sanaafee waggoota digdamaa oliif cufamee ture ifatti banuun isaanii ni yaadatama.
Dhiyeenyattis daangaan Zaalambassaa sababa hin beekamneen hayyama Mootummaa Federaalaa imaltoota hin qabneef dhorkamuu Bulchaan aanaa Guloomeedaa Obbo Gabrehiwoot Gabreyesuus BBCtti himanii turan.
Jiraattotni naannichaa akka jedhanitti qajeelfamni kun osoo hin bahiin dura Itoophiyaa irraa gara Eertiraatti Eertiraadhaas gara Itoophiyaatti rakkoo tokko malee akka seenanii bahaa turan dubbatan.