Daa’imman lakkuu garaa garummaa daqiiqaa 15f jecha bara garaagaraa keessa dhalatan

Daa'imman lakkuun wal-hin fakkaanne(fraternal twins) Kaaliforniyaa keessatti garaagarummaa daqiiqaa 15nin bara adda addaa keessa dhalataniiru

Afireedoo Antooniyoo Tiruujilloon jala bultii bara haaraa warra faranjii halkan sa’atii 5:45 bara 2021 dhalate.

Obboleettiinsaa Ayliin Yolaandaa Tiruujiloo daqiiqaa 15 booda halkan qixxee Amajjii 1, 2022 dhalatte.

Haatisaanii Faatimaa Maadrigaal ijoolleenshee guyyaa dhalootaa gargar tahe qabaachuun ‘waan addaati’ jette.

Dabaluunis kana akka hin yaadneefi akka gammaddee dubbatte haati.

Mucaan intalaa halkan qixxee dhalattes hopitaalichaaf daa’ima bara 2022tti dhalatte kan jalqabaa taateetti.

Akka ragaan Wiirtuun To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa agarsiisutti biyyattiitti waggaatti ijoolleen lakkuu al 120,000 dhalatu, kunis ijoollee dhalatan keessaa harka 3 dha.

Wiirtuun Fayyaa Naatividaad daa’imman kunneen deesise lakkuun waggaa garagaraa keessatti dhalachuun miiliyoona lama keessa al tokko qofa waan mudatu dha jedhe.

Hakiimni daa’imman kunneen deesisanis, ‘’mudannoo jiruu koo keessaa kuni kan hin irraanfatamne dha,’’ jedhan.

‘’Daa’imman kana nagaan bara 2021 fi 2022tti akka dhalatan gargaaruun gammachuu guddaa ture,’’ jedhan Dr Anaa Abriil Ariyaas.

Daa’imni dura dhalate Alfreedoon kg 3 kan ulfaatu yoo tahu obboleettiinsaa Ayliin immoo kg 2 fi walakkaa ulfaatti.

Daa’imman lakkuu kuni obboleewwan hangafaa sadiitti makamu.