Ijoollee lakkuu abbaa lama irraa; attamiin ta'uu danda'e?

Aleeksaandiraa fi Kaaleedar obbolaawwan dhiiraa fi dubaraa lakkuu umuriin baatii 19ti. Garuu abbaan isaanii gargari.

Aleeksaandiraan intala Simoon yoo taatu, obboleessi ishee Kaaldar ammoo ilma Graamees. Garuu lakkooleen kunneen abbaa garaa garaa akka qabaataniif attamiin danda'amee?

Maatii afur, biyya sadii irraa fi ijoollee lama

Wayita Saayiman fi Giraamee Ediwaard abbaa ta'uuf barbaadaniitti waan cimaa itti yaadan fulduura isaanitii qabu turan.

Isaanis maatiiwwan Biritish kanneen tokkoon tokkoosaanii sanyii gabbisuuf barbaadan muraasa keessatti argamu.

Isaan boodas, lamaan isaanuu gadaameessa dubartii kanfaltiin daa'ima namaaf ulfooftu keessa al tokkichaan sanyiin isaanii akka galu taasisan.

Adeemsichis dheeraa fi kan walxaxe yoo ta'u, tokkoon tokkoo abbaas killee gabbatu danda'u aargachuu qabu.

Karoorri isaanii inni duraa dubartii gadaameessa kireessan lama irraa daa'ima godhachuu ture.

Garuu ejansiin isaan gargaaraa ture daa'imman lamaanuu haadha tokko irraa argachuu akka danda'aniifi dubartii killee arjoomtu akka jirtu itti hime.

Abbootiin kunneen; Saayiman fi Giraameen kan jiraatan UK yoo ta'u gargaarsa barbaachaaf biyya biraa deeman.

"Sababii wallaansi gabbisa keenyaa Los Anjelas keessatti raawwateefuu, dubartii maqaanshee osoo hin dhahamiin killee sanyii nuuf arjoomuu dandeessu Ameerikaa irraa arganne,'' jedha Simoon.

Killeewwanis fudhatamuun garee lamatti qoodaman: waldhakknsaanii kan sanyii dhiiraa Simoonii kan hafee ammoo sanyii dhiiraa Giraameetiin gabbifamaniidha.

Micireewwan argamanis jalqaba ilaalamuun hanga haadha gadameessa kireessuun daa'ima isaaniif baattuu, kan Kaanaadaatti argamtuutti dabarfamaniitti bakka tursiifaman keessa olkaa'aman.

Haadha lammii Kaanaadaa Gadameessa Kireessitu

Kanaafuu micireewwan lamaanuu haadha tokkicha qabaatu. garuu abbaa adda addaa lama qabu.

Gadaameessa dubartii lamii Kaanaadaa kan Saayiman fi Giraameedhaaf daa'imman baachuuf kireessite Mer Stone keessatti walumaan guddata.

"Haala seera isaanii waan jaalannuuf Kaanaadaa filanne,'' jedheera Simoon. ''Haala UK keessa jiruun kan walfakkaatuudha. Dhimmisaa daldala osoo hintaane dhimma of kennuuti.''

Boodas abbootiin gara UK'tti kan deebii'an yoo ta'u, Kaanaadaa irraa oduu eeggataa jiru. ulfi kun ni milkaa'aa laata?

Dhumarratti bilbilli si'oominaan eeggataa turan bilbilameef. .

"Miira hedduutu sammuu keenyatti umamee ture,'' jedha Giraamee. ''Baayyee gammanneerra.''

Siimoon fi Giraameen faggeenya irraa ulficha hordoofaa turan. Akkasumas osoo ijoolleen kunneen hindhalatiin dura gara Kaanaadaatti yeroo jaha balalii'aniiru.

Erga daa'imman nama killee sanyii isaaniif gumaate waliin walitti hidhannoo hinqabaaneetti, ykn isaaniif hindanda'amneetti, abbootiin kunneenis haadha gadaameessa kireessituu waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun barbaachisaa ta'uu amananii turan.

Jarri kunis ijoollee biraa gochuuf ni yaaduu laata? Hanga daa'ima godhachuun Saayiman fi Giraamee gammachuun akka isaaniitti dhagahamu taasisee, kun kanumaan kan hafu hinfakkaatu.

''Gonkumaa lakkii hinjedhu,'' jedhe Saayiman seeqaa.