Lakkoofsi daa'imman lakkuu dhalatanii yeroo kamuu caalaa dabale, maaliif?

Lakkoofsi daa'imman lakkuu ta'anii dhalatanii kan yeroo kamuu caalaa dabaluu qorattoonni ibsan.

Addunyaarratti daa'imman lakkuun miiliyoona 1.6 ta'an waggaa waggaan ni dhalatu, kana jechuun daa'imman dhalatan 42 keessaa tokko lakkuudha jechuudha.

Erga bara 1980 as lakkoofsi daa'imman lakkuu ta'anii dhalatanii dachaa sadiin dabaleera.

Baay'inni daa'imman lakkuu dabaluun fiixeerra ga'uu kan ibsan qorattoonni, waggoota 30 darban keessatti lakkoofsi kun Eeshiyaa keessatti harka 30, Ameerikaa Kaabaatti ammo harka 71n dabaleera jedhan.

Qorattooonni kunneen biyyoota addunyaa 165 irrati bara 2010 hanga 2015tti qorannoo kan gaggeessan yoo ta'u qorannoo kanas kan bara 1980 hanga 1985tti ture waliin wal bira qabuun qoratan.

Dhiyeenya kana addunyaarraa lakkoofsi daa'imman lakkuu Ameerikaa Kaabaa fi Awurooppaa keessati heddummaataa jira.

Akka addunyaatti lakkoofsi daa'imman lakkuu ta'anii dhalatanii 1,000 keessaa sagal kan ture amma gara 12tti guddateera.

Afriikaa keessatti garuu lakkoofsi kun waggoota 30 darban hir'isee hin beeku, sababni isaas baay'inni uummata dabaluu waliin walqabata.

Waraqaa qorannoo kana kan barreessan hojjetaan Yuunivarsitii Oksifoord Pirofeesar Kirstiyaan Moondan, biyyoonni Afriikaa fi Eeshiyaa lakkoofsa daa'imman dhalatanii akka addunyaatti jiru harka 80 qooddatu jedhan.

Kanaaf sababa yoo dhiyeessan, ''yeroo baay'ee daa'imman Afriikaa keessatti lakkuu ta'anii dhalatan kanneen hanqaaquu adda addaa lama(dizygotic) irraa uumamaniidha. Hanqaaquun hormaataa lama yeroo qophaa'u lakkuun uumama. Haalli kun biyyoota Afriikaa keessatti baay'inaan mul'ata,'' jedhan.

''Kunis tarii qacceen sanyii uummata biyyoota Afriikaa fi kan biyyoota kaaniin garaagaraa ta'uu waan danda'uufidha kan mudatu.''

Lakkoofsi lakkuuwwan dhalatanii biyyoota Awurooppaa, Kaaba Ameerikaa fi biyyoota garbaan marfamanii(Oceanic) kan dabaluu eegale erga tajaajila wal'aansaan da'uun bara 1970moota keessa eegalameeti.

Maloonni hormaataa gama wal'aansa yaalaatiin gaggeeffaman kunneen dubartiin tokko daa'imman hedduu akka deessuuf karaa saaqa.

Dubartoonni turanii daa'ima godhatan, dawaa ittisa ulfaa fudhatanii fi waliigalatimmoo hormaatarratti rakkoo qaban yeroo baay'ee lakkuu da'uuf saaxilamoodha.

Daa'imman lakkuu da'uun fayyaa haadhaafis ta'e lubbuu daa'immanii irratti rakkoo uuma.

Haati tokko yoo lakkuu deessu da'umsa duraa fi da'umsa booda rakkoon ishee mudatu cimaadha.

Akkaataa qorannoo kanaattti carraan daa'imman lakkuu ta'anii dhalatanii kan biyyoota galii gadi aanaa fi gidduu galeessaa keessa jiranii baayyee yaaddessaadha.

Biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti daa'imman lakkuu ta'anii dhalatanii keessaa tokko yeroo baay'ee ni du'u, waggaa waggaan haala kanaan daa'imman 200,000 ta'an ni du'u.