Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi maappii gandasaa ijoollummaa yaadatu kaaseen waggaa 30 booda haadha argate
Namichi lammii Chaayinaa hatamee guddifachaaf gurgurame tokko waggaa 30 booda haadha isa deesse waliin deebiyee wal argachuu danda'e.
Namni umurii ijoollummaan butamee achi buuteen dhabame kun maappii/danaa ganda yeroo ijoollummaa isaa yaadatu harkaan erga kaaseen booda barbaacha taasifameen ture kan haadhasaa argate.
Lii Jingwii yeroo mana maatii isaatii hatamee warra seeraan alan daa'imman daddabarsanitti gurgurame umuriin isaa waggaa afur ture.
Namichi kun Mudde 24 maappii bakka yeroo ijoollummaa isaa keessa ture harkaan erga kaaseen booda appilikeeshinii viidiyoo ittiin waliif qoodan Douyin jedhamu tokkoof qoode.
Isaan booda poolisiin maappii inni harkaan kaase sana fuudhee ganda inni maappicharratti kaaseefi seenaa dubartii ilmi akka jalaa badee ture iyyata qabdu tokko waliin walitti fidee ilaale.
Isaan booda qorannoo qaccee sanyii (DNA) taasifameen ilmaafi haadha ta'uun isaanii mirkanaa'ee Sambata darbe kutaa bulchiinsa Chaayinaa Yunaan jedhamtu keessatti walitti makamaniiru.
Viidiyoon akka haadhaafi dhalli kun itti waggaa 30 booda wal argan mul'isu bahe tokko akka agarsiisutti, Lii Jingwiin maaskii koronaavaayirasiif afaaniifi funyaanitti haati isaa godhattee turte suuta jedhee kaasuun fuula ishee guutuu erga ilaaleen booda imimmaan ittifachuu dadhabe. Achiin boodas mormatti maramee miira isaa ibsate.
"Waggaa soddomii sadiif eeguun booda, dharraafi dheebuu [haadhaa] halkanoota lakkoofsaan ol ta'aniin booda maappiin waan bara ijoollummaa sammuutti na dhufte kaasuutiin dhumarratti yeroon sirrii dhufe," jechuun fuula Douyin isaa irratti barreesse. "Warri akkan deebiyee maatii kiyya waliin wal argadhuuf na gargaartan mara guddaa galatoomaa," jedhe,
Mr Lii magaalaa kibba-lixaa Zhaotong jedhamtu kan kutaa bulchiinsa Yunaan keessatti argamtu keessatti bara 1989 butamuun maatii bakka sanarraa kiiloomeetira 1,800 ol faggaatan tokkotti gurgurame.
Yeroo ammaa kana kutaa bulchiinsaa Guangdong jedhamtu kan kibba Chaayinaatti argamtu keessa jiraachaa kan jiru yoo ta'u, maatii isa gudifatan ykn daataa-beezii DNA sakatta'us eessaa akka dhufe isatti himuu hin dandeenye. Karaa maatii erga abdii kuteen booda ture kan interneetaan soquu jalqabe.
"Viidiyoo maappii kaasee gadi dhiise sanarratti ani nama daa'immummaan osoon waggaa afur ta'ee jiruu badedha. Bara 1989 hattoota gara jabeeyyii ta'aniin butameen gara Henaan geeffame," jechuun barreessee qoode.
"Kun maappii/danaa naannoo mana jireenyaa kanan sammuu kiyya keessaa yaadadhu harkaan kaasedha," wantota naannoo ganda itti dhalate agarsiisan akka gamoowwaniifi mana barumsaa fakkaatan, akkasumas daggala micireefi haroo xiqqoo agarsiisan ol qabee dhaabbatee agarsiisa.
Hawaasa ilmoo dhiiraa qabaachuun gatii guddaa qabu akka Chaayinaa kessatti daa'immaan butuun waan haaraa miti.
Daa'imman baayyeen ijoollummaatti butamanii maatiiwwan birootti gurguramu. Bara 2015 keessa, waggaa waggaatiin daa'imman 20,000 ta'an akka butaman tilmaamamee ture.
Bara 2021 keessa ijoollonni hedduun badanii waggoota dheeraaf erga turanii booda maatii isaanii dhiigaatti makamaa turan.
Adoolessa darbe, Guo Gangitan ilma isaa umuriin isaa waggaa 24 ta'u kan kutaa bulchiinsa Shandong keessatti walitti makaman.