Chaayinaa: Maatiin ilmasaanii waggaa 32 dura jalaa hatame argatan maal jedhu?

Chaayinaatti haati warraafi abbaan warraa ilma isaanii bara 1988 jalaa hatame waggoota 32 deebiyanii ijaan arguu danda'aniiru.

Maa'oo Yuun ilmisaa umurii waggaa lamaatti ture kan jalaa hatame.

Abbaan daa'imsaa kana osoo oolmaa daa'immaniitii fudhatee galaa jiruu bishaan dhugamu ilmasaa kanaaf bituuf gara suuqii tokkotti yeroo goru hattoonni jalaa butanii badan.

Haati daa'ima hatamee kanaa ammoo yeroo sanatti barbaachisasaatiif waraqaa beeksisaa kuma 100 ol qopheessuun guutummaa Chaayinaatti rabsuun barbaadaa turan.

Wixata darbe kore poolisii tokkorratti haatiifi ilmi waggoota 32 booda wal arganiiru. Ga'eessi umuriin isaa waggaa 34 guuteeru kun kanaan booda maatii isaa waliin dabarsuuf karoorfachuusaas dubbateera.

Haati gurbaa badee argame kanaa Lii Zhingiziin, "namoota kumaan lakkaa'aman nu gargaaraa turan galateeffachuun barbaada," jette.

Maa'oo Yuun akkamiin hatamee?

Maa'oo Yuun bara 1986 dhalate. Haati isaa baruma sana Sadaasa keessa ibsa Saawuuz Chaayinaa Moorniing jedhamuuf kenniteen, "qaroo, miidhagaafi fayyaalessa," jedhanii turan.'

Onkoloolessa 17, 1998 abbaan oolmaa daa'imaniitii fudhatee galaa ture. Yeroo sanatti kutaa bulchiinsaa Shaanzhii jedhamtu magaalaa Zhiyaan keessa jiraatu ture.

Yeroo sana daa'imni bishaan dhuguu barbaade. Karra irra dhaabee abbaan bishaan qorraa bituufiif suuqii tokkotti ol seene. Yeroo bitanii galagalanii ilaalan ilmi isaanii hin jiru, hatameera.

Maatiin barbaacha ilmasaanii guutummaa magaalattii waliin gahan. Yeroo tokko akka argatan itti himamee boodarra garuu odeeffannoo sobaa akka ta'e yaadatu.

Haati ilmashee bade barbaachaaf jecha hojii ishee dhiifte. Waraqaa beeksisuun ittiin barbaadan kuma 100 ol maxxansuun kutaalee biyyaafi magaalotarra deemuun rabsuun barbaadaa turtullee oomaa hin arganne.

Waggoota gara garattis saganataa TV hedduurratti dhiyaachuunis ilmakoo warri argitan jechuun baayyee dhama'aa turteetti. Haati kun ilmashee bade kana argachuudhaf jecha waltajjii dorgommii weellistootaa Heksi Faakter irrattillee dhiyaattee ture.

Eeruu 300 ta'an ilmakee argineerra jedhan hordofuudhaanis baayyee jooraa turteetti. Haata'u malee, tokkoyyu hin milkoofne.

Bara 2007 haati gurbaa badee, Liin dhaabbata "Baby Come Back" [Yaa Mucaa Deebi'ii Kottu] jedhamu keessatti haadholii biroo ijoolleen isaanii jalaa badan gargaaruuf hojii tola-ooltummaa seente.

Bara hojii tola-ooltummaa ishee kana keessa ilma ofiishee argachuu baattus garuu daa'imman 29 ta'an haadha isaanitti deebisuu dandeesseetti.

Ilmi bade akkamiin argame?

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti baatii Eblaa kana keessa odeeffannoon nama kutaa bulchiinsaa Siichuhaan keessa jiraatuu poolisii qaqqabe.

Odeeffannoon kun waa'ee nama waggoota dheeraa dura guddifachaatiin fudhatameedha.

Kutaan bulchiinsaa kun Zhiyaanirraa kiiloomeetira 1,000 kan fagaatudha.

Poolisiin yeroo odeeffannoo sana sakkatta'ee ilaalutti namichi guddifachaa kun umuriin isaa waggaa 34 guuteera.

Isaan booda ilma Maa'oo Zhiingiiziifi Lii Zhiingiizii ta'uu isaa adda baasuudhaaf qorannoon qaccee sanyii taasifame. Bu'aan qorannoo sanaas ilmasaanii akka ta'e agarsiise.

Maa'oo Yuun maqaa haatiifi abbaan isaa isaaf baasanii ture ta'ullee, maatiin guddifachaa isaa ammoo Guniingiinig jechuun moggaasaniiru.

Namni badee argame kun hojii galma miidhagsuurratti bobba'ee jira. Waan gara fuula duraa yeroo dubbatu garuu "waanan ifatti beekun hin qabu" jedhullee maatii isaa waliin garuu akka yeroosaa dabarsu dubbateera.

Poolisiin akka jedhetti yeroo hatame sana maatiin warri guddifate kun dhala waan hin qabneef Dolaara 840n itti gurgurame.

Haati ilmishee argamuu kan dhageesse guyyoota kudhan dura ture. Guyyaan isaa ammo oguyyaa haadhotii ture. "Kennaan kennaa caalun argadhe," jette.

Chaayinaatti ijoolleen hatamuun rakkoo ta'ee itti fufeera. Mootummaan lakkoofsa ifatti beekamu qabaachuu baatus akka dhaabbata Baby Come Home jedhutti ijoolleen dhiiraa 14,893 ijoolleen duraa ammoo 7,411 baduun isaanii ibsamee barbaadamaa jiru.

Chaayinaati waggaa waggaan daa'imman 20,000 akka hataman odeeffannoon bara 2015 keessa bahe ni mul'isa.

Bara 2009 keessa Ministeerri Nageenya Ummataa Chaayinaa odeeffannoo qaccee sanyii qindeessee qabachuudhaan daa'immaan badan 6,000 ol ta'an argachuu danda'eera.