Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi Awustiraaliyaa guyyaa 18f badee ture waakkoo nyaachaa du'a oole
Awustiraaliyaa keessatti namichi guyyoota 18f badee barbaadamaa ture lubbuun argame. Namni kun waakkoo yookiin horroqoo nyaachaa bishaan hidhame dhugaa lubbuun ture jedha poolisiin.
Nama ganna 58 kan ta'e Roobert Weeber kan kutaa biyyaa Kuwiinsilaand keessatti achi buuteen isaa dhabame, ijjibbaatanii barbaachaa isaa itti dhiisanii turan.
Haa ta'u malee Dilbata naannoo hidha tokkootti nama miseensa paarlaamaa ta'e tokkoon argame jedhe poolisiin.
Weeber "wantoota tokko tokkoof saaxilamuu" isaarraan kan hafe fayyaan isaa haala gaariirra akka jirus poolisiin himeera.
Amajjii jaha achi buuteen isaa kan dhabame Weeber yeroo dhumaaf kan mul'ate magaalaa Kilkivan jedhamtu keessatti wayita saree isaa waliin hoteelaa bahu ture.
Konkolaataan isaa lafa qonnaa keessatti dhoqqeen qabamuutu rakkoof isa saaxile.
Poolisiin akka jedhutti Weeber guyyoota sadiif nyaataa fi dhugaatii malee konkolaataa isaa keessa erga tureen booda bahee miilaan qajeele.
Boodas bakki jiru jalaa bade jennaan hidha tokko bira, bishaan hidhichaa dhugaa, waakkoo nyaachaa bakkee bulaa ture.
Barbaacha lafoo fi xiyyaaraan deeggarameen bakka inni jiru arguun waan hin danda'amneef barbaachi akka dhaabbatu taasifame.
Haa ta'u malee poolisoonni fi kanneen lafa gurguddaa qaban akka quba qabaatan itti himamee ture.
Miseensi paarlaamaa naannawa sanii Toonii Peeret haadha warraa isaa waliin nama kana arguu gabaasa kan godhan Dilbata yoo ta'u, lafa konkolaataan isaa raareen liqimfamterraa kiiloomeetira 3 fagaatee ture.
Lafa horii itti horsiisan keessatti argame.
"Muka naannoo hidhaa jiru tokko jala taa'ee harka nutti raasaa argine," jechuun Peeret ABC'tti himeera.
"Torbee darbe keessa yeroo hedduu karaa hidha kanaa dabarreerra, akkamiin akka arguu dhabne ajaa'iba nutti ta'e," jedha.
Sareen Weeber garuu ammallee hin argamne.