Sodaafi jibbinsa Afrikaa Kibbaa: Waan Lammiileen Itoophiyaafi kaan himan

Afrikaanonni hedduu jeequmsaafi hiyyummaa baqatanii jireenya wayyoo qabu barbaachaa gara Afriaa Kibbaa imalu. Haata'u malee himata hojii lammiilee biyyattii jalaa fudhachuu jedhuun balaaf saaxilamanii of argaa jiru.

Ogeessii suuraa Shiiraaz Mohaammad Afrikaa Kibbaa Johaanisbarg, bulchiinsa magaalaa Alexandra keessatti haleellaawwaniifi yakka guyyaa guyyaan sababa nama biyya biraatii dhufe ta'uun irra gahu akkam akka ta'e gaafateera.

Abbaan supparmaarkeettii Getaachew Dastaa bara 2010, paartii mormituu deeggarta jedhamuun sodaatee Itoophiyaatii baqatee Afrikaa Kibbaa dhufee Aleksaandira keessatti suuqii sibiilaan xaxame keessa jirata.

Afrikaa Kibbaa keessatti jireenyi wayyoo qaba jedhus yakki hammaachuu komata.

''Sibiilaan marfamee jiraachuun koo gaariidha sababni isaas yakkitootni yoom dhufanii akka haleelan hin beeknu. Yeroo kamittuu dhufuu danda'u, meeshaa sitti qabanii maallaqa kee saamu. Si ajjeesuus danda'u.''

Haleellaa jibbaa lammiilee biyyoota biroorratti bara 2016' tti raawwatameen Getaachew namoota miidhaan irra gahe keessaati. Gareen namoota kanaa hedduun mana daldalaa isaa saamanii harka qullaa hambisan.

Irra deebiin bara kana wayita pireezidantiin duraanii Jaakoob Zuumaa hidhaman hokkora dhalate hordofee haleellaa raawwateenis miidhameera. Haleellaan bulchiinsota lama keessatti akkaan hammaatee dhalate badii raandii biyyattii biiliyoona 50 ta'u ($3.2bn, £2.4bn) geessiseera.

''Halkan raawwate. Ani achi hin turre. Poolisiitti bilbilee beeksiseen ture, isaan garuu homaa gochuu hin dandeenye. Waan hundan dhabe, irra deebi'ee eegaluuf maatii koorraan maallaqa liqeeffadhe, garuu innis gahaa hin turre, liqiidhaan meeshaalee bituuf dirqame'' jedha Getaachew.

Getaachew saamamuu qofa osoo hin taane yeroo lama bara 2016 fi 2019 butamee gadhiifamuuf yeroo lamaanuu $3,000 kaffalee gadhiifame.

Lammiin Itoophiyaa kun amayyuu biyya isaatti deebi'uurra Afrikaa Kibbaa keessa jiraachuu filata.

Poolisiin biyyatti warra yakka raawwatan hordofuu dhiisuu isaaniirraa komii qaba.

''Lammiilee alaaf Poolisiin asitti homaa hin godhuuf. Akka waan waayeen keenyaa dhimma isaanii hin taaneeti.''

Lammiin Itoophiyaa kan biroon Mulugeetaa Nagaash waggoota 13'f Aleksaadiraa keessa jiraateera. Balaan irra gahaa jiru hammaachaa dhufuu isaatiin biyyatti deebi'uuf yaaduu eegaluu hima.

Ragaalee eenyummaa argachaa hin jirru. Sababa kanaatti herrega baankii banachuu hin dandeenyu, meeshaalee bitachuuf maallaqa callaa baannee naannofna. Hattootni kana waan beekaniif balaaf saaxilamoodha'' jedha namni ganna 34 kun.

Mukugeetaan akkuma Afrikaa Kibbaa gahee mana daldalaa banate namoota haleellaa lammiilee biyya alaarratti raawwataniin reebamee qabeenyi isaas saamamee ture.

''Guyyaa hunda sodaachaan jiraadha'' jedha.

Lammiileen Itoophiyaa qofa miti kan Afrikaa Kibbaatti haleellaaf saaxilaman. Namni ganna 43 Dimookraatiik Rippaabliik Koongoorraa garasitti baqate hiriyyaan isaa 2008 dhagaan reebamee ajjeefamuu dubbata.

''Akka sareetti dhagaan reebamee du'e. Namni biyya isaarraa baqatee asii nagaa argachuuf dhufee yeroo ajjeefamu yaadi,'' jedha namni kun.

Nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne kan gaafate namni kun waggaa 20 gargaarsa mishinariiwwan Kaatoolikiin mana hidhaatii akka miliquu gargaaramee gara Afrikaa Kibba gale.

Pireezidantii Koongoo bara sanii qeequun ture kan hidhame.

Afaan Ingiliffaa waan hin beekneef jalqaba yeroo garasitti imalu hojii dhabee rakkatus booda hojii nageenya eeguurratti boba'ee jiraata.

Sodaan kan jiraatu ta'uus maatii isaa sooruu danda'uutti gammaachuu qaba.

Lammiin MoozaambiikNeelfaald Duulee ofiifi maatii ishee jiraachisuu danda'uu isheetti gammadduudha. Mana riifeensaa bareechu qabdi.

Hawaasa Moozaambiik guddaa keessa kana jiraattu ta'uus saamtootni guyyaa guyyaan kan dhufan ta'uun jireenyi ishee sodaarraa bilisa miti. Hawaasni isheen keessa jirtu nageenya isaaniif jecha walitti siqeenya guddoo qabu.

Dubartiin kun sodaa nageenyaa qabduun cinaatti arrabsoo hamilee ishee tuqaniin akka gadditu taasifamuu himti.

Lammiin Moozaambiik kan biraan waaggoota 10 kan Afrikaa jiraateefi haadha warraas achuma lammii Afrukaa Kibbaa taate fuudhus arrabsoo dhalattootni achii godaantota biyyoota Afrikaa ittiin jedhan ''kwerekwere" jedhu jalqaa hin miliqne.

Dubartiin ganna 40 ijoollee ishee waliin Zimbaabwee irraa gara Afrikaa Kibbaa imaltee hojii mana keessaa hojjechuun jiraattu qorichi sammuu namaa hadoochu yaaddoo guddaa ta'uu dubbatti.

Naannoowaan isheen keessa jiraattu Hiilbrow keessa gareeleen qoricha sammuu hadachuu irratti hojjetan lammiilee biyya alaarra miidhaa geessisuu jetti.

''Jireenyi asitti ulfaataadha. Warra qoricha sammuu hadoochu daddabarsan waliin jiraanna. ijoolleen koo akka hin butamnen sodaada. ''