'Lammiilee Itoophiyaa dabalatee namoonni 1200 ol hidhaman'

Magaalaa daldalaa ho'ituu Afrikaa Kibbaa Johaanisbargi naannooo Jaappii jedhamtutti walitti bu'insa lammiilee Itoophiyaafi poolisoota gidduutti umameen namootni 1200 hidhamuu jiraattotni magaalichaa BBCtti himan.

Naannoo Jaappii jedhamutti mana nyaataa kan qabu Obbo Tekeste Shuumiyyee BBCti akka himetti kaleessa poolisootni hedduun oomishaalee sobaa to'anna jechuun naannicha cufanii namoota hedduu hidhan jedhe.

Obbo Tekesteen kanaan duras lammiileen Itoophiyaa hedduun poolisoota waliin walitti bu'uun hidhaan jiraachuu danda'a jedhanii bakka daldala isaanii cufanii akka turan himaniiru.

Namootni naannichatti argaman qorannoo tokko malee fuudhamanii akka mana hidhaa galfaman himeera.

Namootni waraqaa ragaa seera qabeessa qabanis torban dura walitti bu'insa umame irratti hirmaachuun poolisiitti kanneen dhagaa darbatan adda baafamanii gadhiifamu jedhamee ibsamuu isaas himeera.

Obbo Tekesteen kaleessa poolisootni naannoo mana nyaataa isaas namootni akka hin geenye gochuu irraa kan ka'e manni nyaataa isaas cufamee turuu himee hojjettootnis manuma keessatti itti cufamuun dhokatanii akka turan dubbata.

Dabalataan bakka hojii isaa yeroo gahu naannichi poolisoota hedduun marfamuu isaa arguun fageenya irratti erga haalicha daawwatee gara mana nyaataa isaa deemuu BBCtti hime.

Poolisootni kunneen oomishaalee sobaa to'anna jedhanii haa hojjetan malee karaa seera qabeessaan namoota Chaayinaa irraa meeshaalee fidan irraa meeshaa baay'een fudhatamuu isaa hime.

Namoota meeshaalee seraan alaa daldalan caalaa kan miidhames warra kanadha jedhe.

''Kan seeraan alaa seeraan aladha, namni dhiisaa isaan jedhu hin jiru. Garuu namoota karaa seera qabeessaan hojjennu irratti garuu miidhaa guddaa geesiseera'' jedhe.

Erga poolisoonni deemanii gara galagalaa ammoo namootni naannicha jiraatan saamichaaf dhufanii walitti bu'insi salphaan uumamee osoo hin hammaatiin furamuu danda'eera jedhan.

Obbo Tekesteen rakkoon kun amma kan jalqabe osoo hin taane waggota saddet darbaniif lafa irra harkifachaa dhimma dhufedha jedha.

Bakka bu'aan kaampanota uffata ispoorti oomishanii namni tahe tokko biraandii [brand] sobaa daldalaa jiru jechuun poolisoota hedduu waliin dhufee meeshaalee fudhachiisaa akka tures hima.

Meeshaaleen fudhataman ammoo akka seeraatti gubachuu ykn mootummaaf gali tahuu osoo qabanii naanna'anii dhufanii asumatti gabaaratti argamuun isaanii ammoo daldaltoota lammii Itoophiyaa hedduu mufachiiseera jedha.

Gubachuu ykn mootummaaf galii hin tahan taanaan akka saamicha gaggeessuutti ilaalama jedhuudha jedhe Obbo Tekesteen.

Namni dhunfaa dedebi'aa ture ji'a keessatti si'a afurii ol dedebi'ee dhufuun isaa lammiilee Itoophiyaa akka nuffisise himee mana murtii irraa waraqaa sakatta'insaa gamoo tokkoof tahu qofa qabatee dhufee dukkaana [suuqii] hundumaa sakkattasisa jedhe.

Yeroo hedduu poolisiidhaan dabaalamee waan dhufuuf lammiileen Itoophiyaa isa waliin wal mormuuf humna hin qaban jedhe.

Namni dhuunfaa kun qabeenya namaa fudhachuu, namoota dedebisuu, dadarbachuu fi rakkisuun waan baay'iseef lammiileen Itoophiyaa mana murtiitti himata bananii dhimmicha hordofaa akka jiran BBCtti himeera.

Sababa himata baname irraa kan ka'e akka naanicha hin deemne namni dhorkame kun guyyoota muraasa dura poolisoota sibiila ittisaa godhatan konkolaataatti fe;ee waan dhufeef lammiileen Itoophiyaa dhagaa itti darbachuu eegaluu isaanii hime.

Sa'aatii hin eegamnerra dhufuu isaa hordofee akkasumas qabeenyi namoota baay'ee waan jala fudhatameef dabalataan ammoo adeemsa mana murti cabsee waan dhufeef poolisoota waliin walitti bu'insi akka uumamu taheera jedhe.

Haalli kun akka malee odeeffamuun miidyaalee biyyattii hundaanis gabaafamuun akkamitti namootni dhuunfaa poolisoota irratti dhagaa darbatu jechuun ammoo hanga qaama mootummaa ol aanaatti akkaisaan dheekamsiise kan dubbatu ammoo Henook jiraataa biraa naanno Jaappitti.

Akka Obbo Tekesteen jedhutti ammoo viidiyoo lammiileen Itoophiyaa poolisoota irratti dhagaa darbatan miidiyaalee hawwaasaa irratti bal'inaan qoodamuun isaanii akka namootni baay'een hidhaatti guuraman taasieera jedhe.

Namoota mana hidhaa galan ilaalchiee ragaa gutuu akka hinqabne dubbatee akka duraan turetti yoo tahe guyyota torba keessatti gadhiifamuu danda'u jedha.

Heenook akka jedhutti ammoo Lammiileen Itoophiyaa hedduun hidhaamuu dandeenya jechuun maatii isaaniis tahe hiriyoota isaanii gaafachuu akka sodaatan hima.

Taatee kaleessaa hordofees qondaaltotni poolisii torba to'annoo jala ooluu Poolisiin Afrikaa Kibbaa beeksiseera.

Poolisoota torba keessaa shan meeshaalee suuqii namoota dhuunfaatii fuudhaman deebisanii namoota suuqii Dukkana qabaniif gurguruu isaaniin himatamuu ibsaniiru. Lameen hafan ammoo sakatta'insa poolisiin gochuuf karoorse dursuun odeeffannoo waan baasaniif himataman. jedhame.

Sakatta'insa kaleessaan meeshaalee fakkeeffamanii hojjetaman hedduun qabamanii baqattotni seeraan ala biyyicha galanis baay'een qabamuu beeksiseera.

Lakkofsa namoota hidhamanii ilaalchisee poolisiin namoota 600 jechuun kan beeksise yoo tahu lammiilee Itoophiyaa qofa tahuu isaanii hin ibsine.

Akka odeeffannetti ammoo lammilee biyyota garaagaraa daldala irratti naannichatti bobba'an hunda irratti akka tahe iyyaafanneera.