Kongoo: Mana nyaataa namoonni Ayyaana Qilleef walitti qabamanitti bombiin namoota jaha galaafate

Madda suuraa, AFP
Haleellaa of galaafataan Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo magaalaa Benii mana nyaataa namoonni keessa baay’atanirratti dhooseen yoo xiqqaate jaha ajjeefamuu qondaaltonni himan.
Poolisiin namtichi gamoo manni nyaataa irra jiru akka hin seenne dhorkuus, balbalatti of dhoosee ofiifi namoota shan biroo galaafate.
Namoonni 13 biroo madaa’an.
Haleellaa gaafa Sambataa raawwate qondaaltonni garee Allaayid Dimookiraatik Foorsis (ADF)’tti quba qabaniiru.
Gareen hidhate kuni garee Islaamik Isteet (IS) waliin hidhata qaba.
Hanga yoonaa gareen badii kana natu raawwate jedhee ifatti itti gaafatama fudhate hin jiru.
Kanneen ijaan argan lama AFP’tti akka himanitti yeroo boombichi dhohe namoonni 30 ol resturaantii In Box jedhamu keessa turani.
Daa’immaniifi qondaaltonni yeroos mana nyaataa keessa akka turan gabaafameera.
‘’Achi taa’aan ture,’’ jechuun gaazexeessaan biyyattii keessa miidiyaa biyya keessaaf oduu dubbisu Nikolaas Ekilaa AFP’tti dubbate.
‘’Doqdoqqeen dhaabatee ture. Tasa doqdoqqeen kaatee sokkite, achumaan waci guddaa dhagahame.’’
Dhoo’insa booda qondaalli waraanaa Labsii Yeroo Muddamaa naannawicha jiru hoogganan nageenya isaaniif jecha jiraattonni mana isaanitti akka galan dhaaman.
Torbanoota muraasa darban Benii keessatti waraanaafi garee Islaamistoota gidduu walitti bu'iinsi ture.
Sadaasa keessa, waraanni Kongoofi Yugaandaa haleellaa garee kanaan raawwatutti xumura tolchuuf oppireeshinii waloo gaggeessuu eegalaniiru.
Qondaaltonni Yugaandaa akka jedhanitti gareen kuni ajjeechaa booda kana Kaampaalaatti raawwate dabalatee harka keessaa qaba.

Gareen hidhataa kuni bara 1990 keessa lammiilee Yugaandaa akkaataa mootummaan yeroos Muslimoota qabuurratti gammachuu dhabaniin hundaa’e.
Lixa Yugaandaa keessaa ari’amuus garuu hafteen isaa gara daangaa Rippablika Dimokiraatawaa Kongootti baqate.
Baha Kongoottis of ijaaree kiristaanota dabalatee ajjeechaa kumaatama lammiilee nagaarra geessisuun himatama.
Bitootessa darbe US, ADF’tiin tarree garee shororkeessaa IS waliin hidhata qabu jala keesse. IS illee ADF waliin michooma akka qabu hime.















