Magaalaan guddoo Yugaandaatti dhoyiinsa raawwateen, jahaa ol du'anii hedduun madaahan

Dho'insa Yugaandaa, Kampaalaa keessatti buufata poolisii cinaatti qaqqabe

Madda suuraa, Reuters

Magaalaa guddittii Yugaandaa, Kampaalaa, giddu-gala distirktii gabaa keessatti dho'insi bakka gara garaatti qaqqabeen yoo xiqqaate namootni jaha du'anii hedduun madaahan.

Gidduugalli waldhaansa yeroo atattamaa namootni jaha balaa kanaan du'uufi kana keessaa lama poolisoota ta'uu beeksiseera. Namoota du'an keessaa sadii ammoo kanneen haleellaa kana duuba jiru jedhamee amanamuudha.

Dubbii himaan Poolisii biyyattii Fred Enanga namootni 33 miidhamanii hospitaalatti yaalamaa jiraachuufi kanneen keessaa shan haala yaaddessu keessa jiraachuu himaniiru.

Gabaasawwan achii bahan akka agarsiisanitti dho'insi tokko wiirtuu gabaa giddu-galeessa buufata poolisii cinaatti argamu tokkotti kan qaqqabe yoo ta'u, kan biraan ammoo Paarlaamaatti dhiyootti kan qaqqabedha.

Yeroo dho'insawwan kunneen dhaga'amanitti gamoowwan waajiraa ni raafaman jechuun namoonni ijaan argan BBC'tti himan.

Sababni dhoyinsa kanaa ammatti hin beekamne.

Yugaandaan haleellaa ji'a tokko dura hoteela keessatti raawwatee lubbuu keessummeessituu tokkoo galaafateef garee shororkeessaa al-Shabaab gaafatamaa gooteetti.

Yugaandaan humnoota nagaa eegduu Gamtaan Afrikaa kan Somaaliyaa keessatti al-Shabaabiin waraanuuf biyyoota loltuu gumaachan keessaati.

al-Shabaab haleellaa ji'a darbee duuba akka jiru amaneera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ji'a darbe, dho'insa gara garaa lama biyyattii keessatti raawwataman namoota lama galaafatanii turan. Dho'insi tokko keessummeessituu mana dhugaatii tokko yoo ajjeesu, kan biraan ammoo nama dhukaasaan nama balleessee ofis balleessu wantota dhodha'an awutoobusii tokkoon dabarse galaafate.

Dho'insa Onkoloolessa darbe qaqqabeef aanga'oonni biyyattii garee milishaa Islaamistoota Yugaandaa itti gaafatamoo taasisan. Gareen Humnoota Dimokiraatawoo Waltummsan (Allied Democratic Forces) kun biyya ollaa taate Dimokiraatawa Rippabilika Koongoo keessa maanneffatan.

Ega dho'nsa yeroo dabee sanaatii yoo xiqqaate namoonni 50 to'atamanii, isaan keessaa gariin mana murtiitti dhiyaataniiru.

Dho'insa yeroo darbee sana gaazexaan The Daily Monitor viidiyoo yeroo konkolaataanm gubatu agarsiisu qoode ture.

Namoota hospitaala deemaa jira

Madda suuraa, Reuters