Yugaandaatti haleellaa bombii shororkeessitootaan ta'uu hin oolle jedhameen namni du'e

Haleellaa bombii shororkeessitootaan ta'uu hin ollee jedhamuun shakkamu magaalaa guddoo Yugaandaa- Kaampaalaatti qaqqabeen yoo xiqqaate namni tokko ajjeefamee torba madaa'uu aanga'oonni himan.
Dhohi'insi bombii kun halkan Sanbataa mana dhugaatii irratti raawwatee jedhameera.
Pirezidanatiin Yugaandaa Yoweerii Musevanii shororkeessitoota shakkamanituu boorsaa pilaastikaa keessa kaa'aniin kan ta'edha jedhan.
Dhohiinsi kun mootummaan UK Yugaandaa keessatti haleellaan shororkeessaa raawwachuu akka danda'u ilaalchiisuun akeekkachisa kenneen torbaniin booda mudate.
Akkasumas, lammiilee Biritish kanneen biyyoota Baha Afriikaa bakka haleellaan akka kanaa keessatti hin baramne keessa jiran akkeekakchiseera.
Keessattuu manneen dhugaatiifi manneen nyaataa dabalatee bakka ummanni itti baayyatuutti of eegannoo akka taasisaniif akeekachisee ture.
Poolisiinis bakka dhohinsichi itti mudatee, kan dhugaatii biiraafi waaddii foniitiin beekamaa ture, namoonni akka hin geenyeef dhorkan yoo ta'u, bakkichi irra caalaa manneen jireenyaatiin kan marfame ta'uu gabaastuun BBC Paatirishiyaan Atuhaarii bakkichaa gabaafteetti.
Gareen qorattootaas odeeffannoo waliitti qabachuuf bakkicha kan galan yoo ta'u, eegdoonni nageenyaa baayyeenis naannicha jiraachuun himameera.

Madda suuraa, Reuters
Kantiibaan naannichaa BBCtti akka himaniitti, hawaasichi baayyee sodaataa jiraachuufi maaliif naannichi akka irratti xiyyeefatamee bitaa itti galeera.
Namni ijaan arge jedhu tokko miidiyaa biyya keessatti akka himeetti, namoota lamatu waan akka boorsaa pilaastiikaa fakkaatu tokko qabatanii gara dallaa keessa seenan. Haata'u malee, meeshaa attamii akka fayyadamamee poolisiin qorataa jira.
Pirezidaant Museveniin karaa toora tiwiitara isaaniitiin gochiichi kan shororkeessaa fakkaata jechuun kanneen kana raawwatan adamsanii to'achuuf waadaa galan.
''Ummanni sodaachuu hin qabaatu. Yakka kanas akkuma yakka raawwattoota baayyee lubbuu namaatiif kabaja hin qabee kaan mo'anneetti ammas ni mo'anna,'' jedhan.
Dhohinsa kanaaf hanga ammaatti qaamni ykn gareen itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Yugaandaa keessatti dhohinsa boombii bara 2010 Kaampaalaa bakka deeggartoonni kubbaa miilaa walitti qabamanii dorgommii Kubbaa Miilaa Adduunyaa xumuraa dowwataa turaniitti qaqabeen namoonni 74 ajjeeffamanii ture.
Haleellicha duuba kan turan milishoonni garee Islaamaa garee al-shabaabaa irraa ta'an hidhaa umurii guutuu itti murtaa'eera.












