Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii TikTok irratti shaaxxee rifeensaan eegaltee mana jireenyaa argatte
Mana jireenya dhuunfachuuf wanti isin barbaachisu shaaxxee rifeensaa bu'aa hin qabne utuu ta'ee hoo?
TikTokeriin Demii Iskiipper jedhamtu TikTok irratti meeshalee wal gegeeddaruun kana dhugeessiteetti.
Piroojeketii Na Geeddara (Trade Me) jedhu Caamsaa 2020 keessa eegaltee, hanga ammattii wantoota hedduu namootaan wal geeddarteetti, kan akka faaya gurraa, bibila iphone fi tiraaktaroota sadi.
Maal kana qofaree, dubartiin ganna 30, Saan Firaansiskoo, Kaaliforniyaarraa taate kun amma Naashviil, Tenasii keessatti mana jireenyaa dhuunfatteetti.
Namicha Kaayel MaakDoonald jedhamu, bara 2006 irraa eegalee kilippi waraqaa geeddaruun eegalee hanga mana jireenyaa argachuu gahe fakkeenya godhachuun eegalte.
Jalqaba shaaxxee rifeensaa tokko fuute na geeddaraa jettee TikTok gubbaattti baastee, faaya gurratti geeddaratte.
Isaarraa eegaluun, kubbaayyaa maargariittaa (dhadhaa), sanarraa vakiwuum kiliinarii (mana qulqulleessituu)tti guddiste. Mi'a sirrii argachuufis gabaa interneeta akka eBay, Facebook Marketplace fi Craiglist fayyadamteetti.
Geeddarri ishee jalqabaa qaamaan Saan Firaansiskoo keessatti taasifte. Geeddarsi boodarra ammoo US keessa imaluun taasifte.
Kanumaan TikTok irratti Iskippeer viidiyoo namoota mi'a TikTok fi Instagram irratti geeddaru fedhan gaaffachuun maxxansitee, galmi ishee inni dhumaa mana jireenyaa argachuu akka ta'e himte.
Vaakiyuum Kiliinarii gara Isnoowboordiitti, sanammoo gara heedfoonitti, sanarraa gara laaptooppiitti, sanammoo kaameeraatti geeddarte.
Sana booda kophee Naayikii hedduu geeddaruun iphone argattee sana booda konkolaataatti geeddarte.
Abbaan qabeenyaa konkolaaticha Minisootaa irraa gara Saan Firaansiskootti oofee itti kenne - akka seenaan Piroojektii Na Geeddaraa ishee baramaa dhufeen hordoftoonni Iskiipper baay'achaa dhufani.
Sana booda, Iskiippar konkolataa biraatti geeddarte, torbanoota muraasa booda, konkolaaticha faaya mormaa doolara 20,000'tti tilmaama jettee yaaddetti geeddarte, garuu faayyi kun doolara 2,000 gadi ta'e.
Nyaata bilisaa
Barbaacha torban lamaa booda, Iskiippar faaya mormaa kana saayikilii doolaara 1,800'tti tilmaamamutti geeddaratte.
Saayikilii kana ammo konkolaataa Mastaangitti geeddaratte - Mudde darbe ammoo Iskiippar konkolaataa ishee mana xiqqootti geeddaratte.
Manichi ammo konkolaataa Honda CRV'tti, sunimmoo tiraaktaroota sadiitti, sanamoo kaardii mana nyaataa Chipootleetti wagga tokkoof maallaqa malee akka nyaattuu fi kaaffaltii malee paartiif nyaata akka dhiyeessuufitti geeddaratte.
Iskiippar Kaardii sanammoo mana konkolaataa Tesla Powerball doolara 40,000 ta'utti geeddaratte, dhuma irratti, geeddarsa dhumaa isheen konkolaaticha mana Naashiviilitti dhiyoo jirutti jijjiirratte.
Viidiyoon isheen maxxansite yeroo isheen manashee yeroo jalqabaaf agartu mull'isa.
Namootni miiliyoona shan ol ta'an imalashee kan hordofaniiru.
Amajjii keessa Iskiipparii fi abbaan manaashee waliin Kaaliforniyaa irraa gara Teennasiitti imaluun mana isaanii kana haarressuu.