Daa'imman Chaayinaa TikTok biyyattii Douyin fayyadaman irratti daangaan yeroo kaa'ame

Appiin TikTok addunyaa gubbaatti haalaan beekamuufi Chaayinaatti maqaa Douyin jedhamuun waamamu, itti fayyadama daa'immanii guyyaatti daqiiqaa 40tti daangessuuf.

Seerri haaraa kun daa'imman umuriin isaanii ganna 14 gadi tahan, maqaa sirrii isaanii fayyadamuun galmaa'aniifi ganama sa'aatii 12 hanga galgala sa'aatii 4tti fayyadamuu danda'an irratti kan hojjetu taha.

Kaampaaniin appilikeeshinicha dhunfatu Bytedance barreeffama maxxanseen sirna haaraa 'Youth Mode' jedhamu kan beeksise yogguu tahu, appiiwwan biroo viidiyoo gaggabaaboo maxxansuuf dandeessisan keessaa daangaa kana kaa'uuf isa jalqabaa tahuu hime.

Oduun kun kan dhagahame wayita Chaayinaan itti fayyadama teknooloojii olademoo irratti tarkaanfii ciccimaa fudhachaa jirtutti.

Akka waliigalteen itti fayyadamaa agarsiisutti, appicha fayyadamuuf umuriin isa xiqqaa jedhamee kaa'ame hinjiru. Haatahu malee kanneen umuriin isaanii 18 gadi tahe, maatii isaaniirraa heeyyama argachuu qabu. Appii kaampaanii tokkoo kan tahe TikTok irra garuu umuriin inni xiqqaa 13 jedhamee kaa'ameera.

Sirna haaraa Youth Mode kanarratti qabiyyeen viidiyoo barsiisoo tahan - kanneen akka yaaliin saayinsii, agarsiisni godambaa fi barnootni seenaa beeksifamaniiru.

''Een, daa'imman oladeemoo irratti seerri qabnu cimaadha. Qabiyyee qulqullina qabu dhiyeessuuf yaalii keenya itti fufna - kanaanis ijoolleen addunyaarraa akka barataniifi ilaalan gargaarra,'' jedha barruun maxxanfame.

Hordofffii cimaa teknoloojii

JI'a dabre keessa Chaayinaatti oladeemoon ganna 18 gadi guyyoota dhum-torbeen alatti tapha viidiyoo (video games) akka hin taphanne dhorkamaniiru. Yoo taphatanis sa'aatii tokkoof guyyaa Jimaataa, dhum-torbee fi gaafa ayyaanaa akka taphatan daangeeffamaniiru.

Ji'a Guraandhalaa keessa ammoo, ijoolleen bilbila isaanii baatanii gara mana barumsaa akka hin deemne dhorgamaniiru.

Xiinxaltuu miidiyaa Chaayinaa BBC kan taate Kerry Allen waan jettu, qajeelfamni TikTok kan Chaayinaa kanarratti amma kaa'ame, adeemsa keessa dabraa as gahe.

Waggoota sadan dabranitti, miidiyaan mootummaa biyyattii dargaggoonni Chaayinaa yeroo intarneetarratti dabarsaniin walqabatee akeekkachiisa dabarsaa ture. Yeroo baay'ee achirra gubuun fayyaa qaamaa fi sammuurra miidhaa geessisa jechuun.

Ragaan ejensii marsaalee hawaasaa We Are Social [Afaan Ingiliizii] jedhamu akka agarsiisutti, uummanni Chaayinaa guyyaatti sa'aatii shaniif intarneeta fayyadamaa dabarsu, kana keessaa sa'aatiin lama miidiyaa hawaasummaati.