Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa gaazexeessaa AP dabalatee warra sochii hidhattootaa gabaasan hidhuu beeksise

Komishiniin Poolisii Federaalaa Itoophiyaa gaazexessitoota 'Associated Press' ''garee hidhattootaa Shanee kan motummaan shororkeessaa jedhuun sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojjechaa turan'' jedhe to'achuu beeksise.

Miidiyaaleen biyya keessaa poolisii waabeefachuun akka gabaasaniitti, gaazexessitonni kunneen ''garee shororkeessaa Shanee sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuuf osoo hojjechaa jiranii'' qabamanii jedhan.

Poolisiin ''Shawaa Lixaa -Midaaqanyii hanga Keeniyaatti maallaqni guddaan kaffalameefii hojii garee shororkeessaa Shanee sadarkaa addunyaatti beeksisuu hojjetu'' jechuun himatee, qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Shakkamaan tokkoffaan Amiir Amaan gaazexessaa Associated Press, shakkaamaa lammaffaan Toomaas Ingidaa ogeessa kaameraafi shakkamaa sadaffaan Addisuu Muluneeh ammoo gaazexessaa miidiyaa biyya keessaa, FBC ta'uu isaaniis Inspeektar Tasfaayee Olaanii FBC'tti himaniiru.

Miidiyaan Ameerikaa waajjirri muummee isaa Niiwu Yoorki ta'e 'Associated Press', gamasaatiin gaazexessaan Itoophiyaa keessatti beekamtiin kennameefii dhaabbatichaa hojechaa jiru Amiir Amaan Finfinneetti poolisiin to'atamuu gabaaseera.

Gaazexeessaa viidiyoo kan ta'e Amiir Amaan Kiyaaroo, labsii yeroo muddamaa sababa waraanaan walqabatee labsame cabste jedhamuun gaafa Sadaasa 28 erga dirree hoojiitii deebiyeen booda to'atamuufi hanga ammaatti mana murtiitti akka hin dhiyaanne AP gabaasa baasee himeera.

Hidhamuu gaazzexeessaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo argachuuf AP'n irra deddeebiin Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, Waajira Ministeera Muummee, Ministeera Dhimma Alaafi waajiraalee mootummaa biroo gaafatus deebii akka hin argatiin himeera.

Amiir Amaan waliin gaazexeessitoonni biyya keessaa lama-Toomaas Ingidaafi Addisuu Muluneeh akka hidhamanis AP dabalee gabaaseera.

"Gaazexessitoonni kunneen sochii waraana 'Shanee' hordofanii waraabuun gaaffiifi deebii gochuun ragaalee walitti qabanii, hogganaa 'Associated Press' kan damee Afrikaa Bahaa teessoon isaa Keeniyaa ta'efi lammii Masrii Kaaliid Kaazeehiif dabarsuu isaanii ragaan mirkaneeffanneerra,'' jedha poolisiin.

Gaazexessitoonni kunneen ragaa sassaaban kana karaa hoogganaa damee Afrikaa Bahaa miidiyaa idil-addunyaa ta'e kanaan akka tamsaafamu godhaniirus jedheera poolisiin.

Shakkamtoonni kunneen ALI Sadaasaa16-18 Finfinneedhaa bahuun godina Shawaa Lixaa aanaa Midaaqanyiitti sochii hidhattootaa waraabanii piroodaakshinii isaa xumuruun Sadaasa 19 mana jireenyaafi waajira isaaniirraa to'atamaniiru jedhameera.

Laaptooppiifi bilbila harkaa gaazexeessitoota kaneeniirraa ragaaleen hedduun argamaniiru jedha Poolisiin Federaalaa.

Yeroon gaazexessitoonni kunneen dirreetti bahan yeroo Finfinneen itti marfamteetti, hidhattoonni Finfinnee qabachuuf jechuun, ''pirooppaagaandaan afarfamaa turetti ta'e jedhamee sochii kana deeggaruuf'' jechuun himate poolisiin.

Torban darbe keessa qofa Itoophiyaa keessatti gaazexessitoonni gama Youtube'n dhimmoota adda addaarratti hojjetan afur to'annoo jala oolfamanii jiru.

Amma dura kan qabaman dabalatee bakki isaan geeffaman kan hin beekamnellee akka jiran maatiin gaazexessitoota hidhamanii BBC'tti himunsaanii ni yaatama.

Jaarmiyaan mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ gabaasa dhiyoo kana baaseen, Itoophiyaan biyyoota Sahaaraa gadii gaazexessitoota hedduu hidhan keessaa sadarkaa lammaffaarratti argamti jedheera.

Haata'u malee Itophiyaan erga MM Abiy Ahimd gara aangootti dhufan waggoota lamaan jalqabaa keessatti, biyya gaazexessaan keessatti hin hidhame jedhamte jirti.