'Hinseenee Makuriyaa akka gadhiifamu manni murtii ajajus poolisiin dide' - Maatii

Barreessaa fi gaazexeessaa Hinseenee Makuriyaa akka gadi dhiifamuuf manni murtii ajajulleen hanga ammaatti akka gadhi hin dhiifamne maatiin BBCtti himan.

Ajaja mana murtee hordofee wabiif kan barbaachisu birriin 10,000 kaffalamus poolisiin hin gadhiisu jechuun mana hidhaa tursiisuu himu.

Torbanoota lamaan darban keessa gaazexeessitootaa fi barreessitoota Itoophiyaa keessatti hidhaman keessaa tokko Hinseenee Makuriyaadha.

Miseensi maatii isaa BBC'n dubbise akka himanitti, Hinseeneen guyyoota 10 dura Mudde 5, 2021 hidhame.

BBCn gaazexeessaa fi barreessaa Hinseenee Makuriyaa maaliin shakkamee akka hidhamee fi manni murtii erga akka gadi dhiifamu ajajee maaliif akka gadi hin dhiifamiin poolisiirraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

"Manni murti gadhiiseera. Yaa hiikamu jedhes dabarseera, inni garuu hin hiikamne. Waraqaa birrii wabiif jedhamee kuma 10 kaffalame hunda fudhannee gaafa nuti dhaqnu hiikamuu hin danda'u nuun jedhan," jedhu miseensi maatii akka maqaan isaanii hin eeramne barbaadan BBCn dubbise.

Manni murti akka gadi dhiifamu ajajuu horofee maatiin wabiif waan barbaadamu kaffalatanii akka hiikamuuf eeggachaa kan turan Jimaata Mudde 11, 2021 ture.

Odeessaalee biroo:

Poolisiin maaliin shakkee akka Hinseensee to'ate akka ifa hin gooneef kan himan miseensi maatii kun, "akkasumatti duunyaadhumaan hin hiikamtu jedhaniin. Isinis ofumaa hin jooriinaa hin hiikamuu waan ta'eef nuun jedhan," jechuun ajaji manni murti akka gadhiifamu dabarse kabajamuu dhabuu ibsu.

"Jalqabuma yeroo maqaa isaa arganiyyu hin qaanoftanii ni hiikama jettanii kan yaaddan nuun jedhan," jechuun poolisoonni isaanitti dubbachuu himan miseensi maatii kun.

Mudde 05, 2021 gaafa Hinseeneen to'annaa jala oolfameetti manni jireenyaa isaa poolisootaan sakatta'amuu kan dubbatan maatiin, garuu wanti argatan hin turre jedhu.

Akka maatiittis wanti Hinseeneen ittiin shakkamu hin qabnu kan jedhan miseensi maatii kun, "nuti hiikameera jennaan dhuugaadhuma seenee fudhachuu deemne garuu deebisanii hidhan," jedhan.

Maatiin Hinseenee Kibxata yeroo deemanii ilaalanitti baay'ee dhukkabsatee akka turee fi qoricha geessaniifillee akka hin kennamneef himuun, dhibee saayinasiifi dhiibbaa dhiigaa waan qabuuf fayyaan isaa isaan yaadessuu dubbatu.

Barreessaa fi gaazexeessaa Hinseenee Makuriyaa mana gurgutaa kitaabaa Elellee jedhamu kan kitaabonni Afaan Oromootiin barreeffamanii fi dhimma Oromoo irratti barreeffaman keessatti gurguraman qaba.

Dabalataan dhimmoota siyaasaarratti marsaalee hawaasaa irratti yaadota mootummaa qeeqan barreessuunis ni beekama.

Hinseeneen alatti torban darbe keessa ammoo ogeeyyiin miidiyaa Iyyaaspeed Tasfaayee, Taammiraat Nagaraa, akkasumas Ma'aazaa Mohaammad jedhaman Youtube irratti miidiyaa dabarsuuf dalagan poolisiin to'atamuu maatiin BBCtti himaniiru.

Maatiin Iyyaaspeed Tasfaayee fi Ma'aazaa Mohaammad buufata poolisii deemanii isaan dubbisuu akka danda'an himaniiru.

Haata'u malee, baatii lama dura kan to'atame gaazexeessaan raadiyoo Ahaaduu jedhamuuf hojjetu Kibirom Warquu fi Taammiraat Nagaraa garuu achi buutee isaanii dhabuu maatiin himachaa jiru.

Torbee darbe keessa dhaabbatni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ'n biyyoota Sahaaraa gadii keessaa Itoophiyaan gaazexessitoota sagal hidhuun sadarkaa lammaffaarratti argamtii jechuun gabaasa baaseera.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma hidhamuu gaazexeessitoota kanaarratti hanga ammaatti ibsi kenne hin jiru.

Yaaliin waa'ee hidhaa gaazexeessitoota kanaafi haala keessa jiran BBCn poolisiifi qaama mootummaa dhimmichi ilaallaturraa qulqulleeffachuuf godhes hin milkoofne.

Manni Marii Federeeshinii Mootummaa Itoophiyaa balaa walitti bu'insaafi muddama siyaasaa biyyattii keessatti mul’ateen walqabatee labsii yeroo muddamaa ALI Onkololeessa 23, bara 2014 irraa eegaluun guutuu biyyaatti hojiirra oolu labseera.

Qaamni labsii kana akka hojiirra ooluuf aangoon kennameef ammoo midiiyaafi Gaazexeessaa dhimma biyyaarrati dhiibbaa uumman hayyama isaanii haquufi saamsuufi too'achuu danda'a.