Saamu'el Eto'o pireezdantii Federeeshinii Kubbaa miilaa Kaameeruun ta'uun filatame

Gameessi tapha kubbaa miilaa Saamu'el Eto'oo, kan pireezdantii Federeeshinii Kubbaa miilaa Kaameeruun ta'uun Sambata kaleessaa kan filatame, waggoota arfan itti aananiif biyyasaa pireezdantummaan tajaajiluuf.

Yeroo afur taphataa collee Afrikaa jedhamuun kan badhaafame lammiin Kaameruun Saamu'el Eto'o, morkataa isaa Seidou Mbombo Njoya, caaluun pireezdantii ta'e.

Morkataansaa kun pireezdantii Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa isa afraffaadha.

Dorgommii kanarratti jalqaba kaadhimamtoota torbatu dhiyaatan, guyyaa filannoo garuu shanansaaniitu dhiyaatan.

Ga'eessi umrii waggaa 40 Saamu'el Eto'o damee kubbaa miilaa Kaameruun keessatti jijjiiramoota gurguddoo fiduuf waadaa gale.

"Taphattoota kubbaa miilaa xiyyeeffannaa imaammata keenyaa godhachuu qabna. Namoonni damee kana keessatti taphatanii damecha baatanii deeman akka irraas fayyadaman gochuu qaba,'' jechuun filatamuusaa booda dubbate.

Kilaboota akka Barseloonaa, Intar Miilaan fi Cheelsii keessa taphataa kan ture Saamu'el eto'o, bara gadaasaa kana keessaa yoo xiqqaate isteediyemii 10 ijaarsisuuf waadaa galeera.

"Qaamolee hojii biizinasii keessa jiran hedduu dubbisneerra. Investaroota nu bira dhaabbachuun kaayyoo keenya galmaan nuuf ga'an akka argannu mirkana,'' jedhe Saamu'el Eto'o filatamuusaa dura.

Saamu'el Eto'o Federeeshii Kubbaa miilaa biyyasaa keessatti pireezdantummaaf dorgumaaf kaadhimamaa ta'ee as ba'uun qalbii namoota hedduu booji'eera.

Wayita biyyisaa- Kaameruun dorgommii waancaa Afrikaa ji'oota Amajjii fi Guraandahala dhufan keessa gaggeessuuf jirtutti Saamu'el Eto'o pireezdantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyattii ta'uun, dirqamni guddaan ammumarraa isa mudachuu akka jalqabe mul'isa.

Seenaa kubbaa miilaa Eto'o gabaabinaan

Afrikaatti goolii baayyee galchuun yeroo hunda olaantummaa kan qabuu fi gitoota isaa kilaboota Awurooppaaf taphatan waliin dorgomuun taphataa cimaa Afrikaa jedhamuun yeroo hedduu maqaansaa kan jajamaa ture Saamu'el Eto'o, bara 1996 ijoollee waggaa 16 ta'ee kilaba Ispeen Maadritti makame.

Isa booda ergisaan gara kilaboota akka Leegaanes, Espaaniyol fi Maayorkaa imalee taphateera.

Maayorkaa waliin waliigaltee yeroo dheeraa mallatteessee kan ture Saamu'el Eto'o, bara 2000 taphoota 133 irratti gooliiwwan 54 gallchuu danda'ee ture.

Waggaa afur boda ammoo kilaba Baarseloonaa seenuun waancaa laaligaa yeroo sadi nyaateera, kilabiin kaataalaan kun yeroo lama waancaa chaampiyoonsi liigii Awurooppaa akka injifatus godheera.

Saamu'el Eto'o bara 2006 dorgonmmii Ispaanish Gooldan Buut mo'achuun taphataa Ardii Afrikaa keessaa nama jalqabaa ta'e.

Yeroo sana taphoota 34 irratti gooliiwwan 26 galchee ture.

Taphoota Baarseloonaaf taphate 144 irratti gooliiwwan 108 galcheera Saamu'el Eto'o.

Isa booda kilaba Italii, Intar Miilaan seenuun dorgommii waancaa chaampiyoonsi liigii Awurooppaa irratti milkaa'ina sadaffaa argate, ergasii waancaa Seerii A fi kan addunyaa dabalatee hedduu argate.

Biyyasaa Kaameruuniifis yeroo lama bara 2000 fi bara 2002 waancaa Afrikaa argamsiiseera.