Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa Qataar 2022: Biyyooti Afrikaa Waancaa Addunyaaf darbuuf hiree qaban kami?
Kibxata darbe Morokoo fi Senegaal biyyoota jalqabaa Waancaa Addunyaaf darbuuf tapha kuffisanii darbuu marsaa xumuraa gahan ta'uu mirkaneeffataniiru.
Biyyoonni tapha kuffisanii darbuu marsaa xumuraa gahan 10 Bitootessa keessa dirree walii isaanii irratti lama lamaan dabareen erga taphatanii booda qabxii waliigalaan shan kufanii shan darbu.
Biyyootni saddet hafan tapha kuffisanii darbuu marsaa xumuraa kana gahuuf hiree qaban isaan kami?
Taphataa Wolverhaampitan Romeen Saayisiin kan durfamtu Morokoo fi biyyi Saadiyoo Maanee Senegaal taphni ramaddii garee osoo isaan hafuu marsaa xumuraaf darbuu mirkaneeffatan.
Biyyi Mohaammad Saalaa Masriin morkattuu ishee ramaddi garee Liibiyaa qabxii afuriin caaluun dursaa jirti.
Masriin taphoota Angoolaa fi Gaaboon waliin ishee hafan lamarraa qabxii sadi yoo argatte walitti aansuun yeroo lammaffaaf waancaa addunyaaf darbuuf haala mijeeffatti.
Haata'u malee masriin taphoota lamaanuu injifachuu haftee Liibiyaan ammoo lamaanuu yoo injifatte Masriin kuftee Liibiyaan tapha kuffisanii darbuu xumuraaf gahuu malti.
Tuuniziyaan ramaddii ishee garee B keessaa Ikuwaatooriyaal Giinii qabxii sadiin caaluun hiree tapha kuffisanii darbuuf gahuu qabdu bal'aadha.
Garaagarummaa goolii hedduu waan qabduufis tapha ramaddii garee xumuraa Ikuuwaatooriyaal Giinii waliin qabdu yoo mo'amtellee darbuun ishii hin oolu.
Garee A keessatti kan ramadamte biyyi taphataa sarara duraa Manchiistar Siitii Riyaad Maahireeziin durfamtuu fi Waancaa Afrikaa isa dhumaa injifatte Aljeeriyaan, Burkinaa Faasoo garaagarummaa goolii qofaan caalti.
Biyyootni lamaan wal duraa duuba Jabuutii fi Niijeer waliin erga taphataniin booda, tapha waliin taphataniin hireen isaanii adda baha.
Riyaad Maahireez taphoota 10 irratti Aljeeriyaaf goolii 10 galchuun, biyyi isaa taphoota idil-addunyaa 31 walitti ansuun osoo hin mo'amiin akka imaltu tumseera.
Garee D keessatti Ayivoorii Koost qabxii tokkoon Kaameruun dursiti. Biyyoonni lameen, Ayivoorii Koost tapha Mozaambiik waliin qabdu, Kaameruun ammoo tapha Malaawii waliin qabdu yoo injifatan, taphni itti aansuun waliin taphatan hiree isaanii kan murteessu ta'a.
Garee G keessatti Afrikaan Kibbaa qabxii tokko qofaan Gaanaa dursiti. Tapha itti aanuun Gaanaan gara Itoophiyaa, bara 2014 waancaa addunyaa erga keessummeessiteen booda waancaa addunyaaf dabartee kan hin beekne Afrikaan Kibbaa ammootuu Zimbaabuwee simatti.
Naayijeeriyaan Garee C keessatti qabxii lamaan Keep Verdee dursiti. Taphni itti aanu biyyootni lamaan waliin taphatan eenyu akka marsaa itti aanutti darbu murteessa.
Maalii fi Ugaandaan Garee E keessaa osoo hin mo'amiin jiru, ta'us Maaliin qabxii lamaan Ugaandaa dursiti. Maaliin Ruwaandaa, Ugaandaan ammoo Keeniyaa waliin tapha qaban booda, biyyoonni lamaan waliin taphatanii eenyu akka darbu adda baha.
Garee I keessatti biyyoonni sadi darbuuf morkachaa jiru. Tanzaaniyaa fi Beeniin qabxii torba qixxee qabu, Tanzaaniyaan baay'ina gooliin caalti. DRKoongoon ammoo qabxii shan qabdi.
Taphoota itti aananiin Tanzaaniyaan DR Koongoo, Beniin ammoo Madagaaskaar waliin taphatu.
Zaambiyaa, Rippabliiki Jiddugaleessa Afrikaa fi biyyi taphataa Arsenaal Piyeeree-Emeriik Obamayaang Gaaboon akkasumas Madagaaskaar carraa tapha kuffisanii darbuu marsaa dhumaaf darbuu ni qabaatu garuu hireen isaanii harka isaanii keessa hin jiru. Qabxii biyyoota kaaniitu murteessa.
Biyyoonni biroo 17 gamanuuman morkii Waancaa Addunyaa 2022n ala ta'aniiru.
Waancaa Addunyaa bara 2006 irratti kan taphatan Angoolaa fi Toogoon biyyoota morkiin ala ta'an keessa jiru.
Koongoo, Jabuutii, Itoophiyaa, Giinii, GiiniiBisaawu, Laayibeeriyaa, Keeniyaa, Maalaawii, Mooritaaniyaa, Mozaambiik, Namiibiyaa, Nijeer, Ruwaandaa, Sudaan fi Zimbaabuween biyyoota biroon morkii Waancaa Addunyaa 2022n ala ta'anidha.