Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa 2022: Gareen Itoophiyaa Zimbaabuwee injifachuun qabxii sadii argate
Gareen Itoophiyaa gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2022'f taasisaa jiruun guyyaa har'aa Magaalaa Baahirdaaritti Zimbaabuwee morkatee 1fi 0'n ijifate.
Galchiin takkittii daqiiqaa 94''ffaa irratti Ashaalaw Taammanaa galcheen galmoofte.
Injifannoon kuni mo'icha jalqabaa gareen Itoophiyaa ramaddii G keessatti taasiseefi qabxii sadii itti argatedha.
Jarri Waaliyaa Wubatuu Abaataadhaan leenji'aa jiran garicha kan dursaa jirtu Afrikaa Kibbaa irraa qabxii tokko qofaan caalamanii sadarkaa lammataarra taa'aniiru.
Taphicha dura leenjisaan Itoophiyaa taphicha irra aannee kennaan Ayyaana Waggaa Haaraa Itoophiyaa taasisna jechuun isaanii gabaafameera.
Torban darbe gara Gaanaa kan imale gareen Itoophiyaa gaafa Jimaataa Gaanaa morkatee 1fi 0'n mo'amee ture.
Guyyaa kaleessaa, Wiixata, immoo gareen Afrikaa Kibbaa Gaanaa 1fi 0'n injifachuun qabxii sadii argatee ture.
Garee G keessa Afrikaan Kibbaa qabxii afur, Itoophiyaafi Gaanaan immoo qabxii 3, 3 qabu. Zimbaabuween qabxii tokko qofa qabdi.
Biyyoonni kaan hedduus har'a tapha kan taasisan yoo ta'u isaan keessaa tokko qabxii Taanzaaniyaan Madagaaskaar itti injifattedha.
Taphichi eegalee sakandii afuritti badii raawwateen murteessaan taphichaa Tanzaaniyaatti penaalitii kennan. Taphicha Taanzaaniyaan 3fi 2'n injifatte.
Hanga ammaa biyyoonni afranuu taphoota afur taasisan keessaa Zimbaabuwee malee kaan injifachuun taphni qabxii sadii itti argatan tapha tokko tokko qofadha.
Biyyoonni kaan hedduus har'a tapha kan taasisan yoo ta'u isaan keessaa tokko qabxii Taanzaaniyaan Madagaaskaar itti injifattedha.
Taphichi eegalee sakandii afuritti badii raawwateen murteessaan taphichaa Tanzaaniyaaf penaalitii kennan. Taphicha Taanzaaniyaan 3fi 2'n injifatte.
Penaalitiin Taanzaaniyaaf kenname FIFA'dhaan mirkanaa'u qabaatus penaalitii saffisaa taphni eegalamee yeroo gabaabaa keessatti galmaa'e keessaa tokkodha.
Waancaa Addunyaaf eenyutu darba?
Biyyoonni Afrikaa ramaddii kudhanitti hiramanii tapha isaanii taasisan keessaa biyyoonni Waancaa Addunyaa bara 2022 Qataar qopheessitu irratti hirmaatan garuu shan qofaadha.
Akkaatuma kanaan biyyoonni ramaddii isaanii keessaa tokkoffaa ta'anii darban kudhan carraan baheefi ramaddii shanitti hiramu.
Tapha dhaqaa galaa taasisaniinis qabxii waliigalaan kanneen injifatan shan Waancaa Addunyaa Qataar irratti Afrikaa bakka bu'anii hirmaatu.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti Waancaa Addunyaa irratti hirmaattee hin beektu. Biyyi Afrikaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaattee injifattees hin jirtu.