Jeen-Piyeer Adaams: Taphataan idil-addunyaa duraanii Faransaay waggoota 39 of wallaalee ture du'aan boqote

Taphataan duraanii idil-addunyaa Faransaay Jiyaan-Piyeer Adaams kan waggoota 39 darbaniif of wallaalee ture umrii 73'tti du'aan boqote.

Taphataan kuni Bitootessa bara 1982 ture wal'aansa baqaqsanii yaaluu jilbaaf hospitaala kan seene.

Haata'u malee, yeroo wal'aansaa akka hadoodu qoricha kennameen walqabatee dogongora raawwateen egasii hanga du'a isaatti osoo of hin beekin ture.

Taphataan ittisaa kuni Senegaalitti dhalate. Kilaba Faransaay Niisiif si'a 140 caalaa hiriiree taphateera. Kilaba biyyattii biroo PSG'f illee taphaheera.

PSG'n ibsa baasen Adaams taphataa muuxannnoofi kabajaa qabu jechuun yaadate.

Kilabni Niis gama isaatiin taphaticha akka yaadatu ibseera. Taphataan kuni bara 1972 - 1976 gidduutti Faransaayiif tapha idil-addunyaa 22 irratti hirmaatee taphateera.

Adaams kilaba Fransaay biroo Monaakoofis hiriireera.

Adaams kilaba Nimsiifis si'a 84 hiriiree taphateera. Kilabicha erga isin haa jajjabeessu maatiifi jaalattoota isaaf ergaa akka jiran ibse.

Gaafas maaltu ta'e?

Adaams yeroo shaakallii taasisuu ture kan miidhame. Guyyaa wal'aansi baqaqsanii yaaluu isaaf taasifame san hojjettoonni hospitaala Liyoon lagannaa hojiirra turan.

Namicha qoricha hadoochu dhukkubsataaf kennu (anaesthetist ) gaafas walumaagala dhukkubsattoota saddeet hordofa ture.

Isa waliin namni reefu hojiicha eegalu waliin dogongoroonni hedduu raawwatan.

Kunis, Adaamsiin dhukkubsa onneefi miidhamni sammuu akka irratti dhaqqabu taasise.

Tura keessa bara 1990 keessa lamaan isaanii ji'a tokkoof hojiirraa ari'amuufi yuuroo 750 adabaman.

Adaams ji'oota 15 booda hospitaalaa keessaa baafamee mana jireenyaa isaa Niims keessatti hanga du'a isaatti haadha warraa isaa Bernaadetiin kunuunsi taasifamaafi ture.

'Oolmaa ajaa'ibaa'

Piyeers Ediwaardis, BBC Sport Afrikaa

Bernaadet Adaams dubartii ajaa'ibaati. Waggoota kana guutuu abbaan warraa ishee deeggarsa maashiniin jiraataa ture xumura itti tolchuuf hin yaadne.

Waggoota 40 siqaniif guyyuu isa kunuunsaa turte. Uffata isaa jijjiiraa, nyaata isaa qopheessaa, itti haasa'aa turte. Kennaa kennuufillee dagattee hin beektu.

Haa ta'u malee, taphataan maqaa guddaa qabu kuni itti dubbatee hin beeku ture. Beekumsiifi kennaan taphatichi qabu taphataa beekamaa Jarman Firaanz Beekanmbaaworin jajamaa ture.

Guyyoota tokko yookiin lama haati warraa isaa akka tasaa biraa fagaattetti narsonni taphataan kuni jijjiirama agarsiise jedhanii turan.

Bara 2016 mana jireenyaa Adaams Kibba Faransaay argamu dhaqee daawwadheen ture. Bernaadet hospitaalli taphatichi rakkoo kanaaf isa saaxile hanga yoonaa dhiifama hin gaafanne jechuun natti himte.

Kanas guyyuu akka sammuu ishee keessaa hin banne na taphachiiste.