Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaampaaniin Saawudii kilaba Pirimeer Liigii Ingiliiz keessa taphatu Niw Kaastil Yunaayitid bite
Dhaabbanni mootummaa Saawudii Arabiyaan deeggaramu kilaba biyya Ingiliiz ka tahe Niw Kaastil Yunaayitid, paawundii miiliyoona 305n bituun waliigaltee xumure.
Pirimeer Liigiin waliigaltee kana kan raggaase, mootummaan Saawudii Arabiyaa dhimma kilabichaa keessa seenuun akka hin to'anne erga waliigalamee boodadha.
Waltahinsi Public Investment Fund (PIF) kun maallaqa kana keessaa %80 kan tahu kan dhiyeessu oggaa tahu, mootummaa biyyattiirraas adda kan baheefi dhaabbata of danda'edha jedhameera.
Haatahu malee, Ilmi mootii Saawudii Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan, dura taa'aa PIF tahuun maqaan isaanii galmaa'eera.
Waliigalteen gurgurtaa kun kan xumurame erga abbootii qabeenyaafi daarektaroonni Pirimeer Liigii qorannoo gaggeessan booda tahuunis himameera.
Waliigaltee kanaanis waggoota 14n darbaniif abbaa qabeenyaa kilabichaa kan turan Maayik Ashilii abbaa qabeenyummaa Niiw Kaastil irraa godaananiiru.
Erga oduun gurgurtaa kun mirknaa'e booda deeggartoonni kilabichaa istaadiyemii St James' Park'tti argamuun gammachuusaanii ibsataa turan.
Kaampaanin Saawudii PIF jedhamu kun qabeenya doolaara biiliyoona 250 kan qabu oggaa tahu, kanaanis Niiw Kaastil addunyaarraa kilaba isa soorechaa isa taasisa.
Waliigaltee kana mijeessuu keessaa harka qabdu Amanda Staveley akka jettetti, abbootiin qabeenyaa kunniin kilabicharra ''invastimantii yeroo dheeraa'' godhaa jiru jechuun, Niiw Kaastil ''dorgommiiwwan (waancaa) gurguddoof irratti walitti fufinsaan akka hirmaatu'' gochuuf yaada qabu jetti.
Niiw Kaastil yeroo dhumaaf waancaa dorgommiiwwan ijoo kan kaase bara 1955 oggaa tahu, inni FA Cup ture.
Mootummaan Saawudii Arabiyaa sarbama mirgoota namoomaan kan himatamu oggaa tahu, PIF garuu akka dhaabbata adda tahetti ilaaluun, waliigalteen kun mallattaa'uu Primeer Liigiin ni hima.
Akka maddeen basaasaa biyyoota Lixaa amananitti, ilmi mootii Mohaammad bin Salmaan, gaazexeessaan Jamaal Kashoogjii bara 2018tti akka ajjeefamu ajaja daabrseera jedhu - inni garuu kana ni haala.